Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namni talaalame dhukkubsannaan Ameerikaatti yaaliin talaallii Covid19 adda cite
Kaampaniin Ameerikaa talaallii Covid19 qopheessee yaaliirra ture 'Johnson and Johnson' jedhamu namoota yaalii kanarratti hirmaataa jiran keessaa tokko dhukkubsannaan yaalicha adda kute.
Yaalicha kan addaan kute, namtichi dhukkubsatuuf maaltu sababa akka ta’e qorachuufi jedhe.
Kaampanichi akka jedhetti, mallattoleen ammaaf hin ibsamne nama kanarratti mul'atan talaallichatti hidhata qabaachuu fi dhiisuu mirkaneessuuf sakatta’insi walabaa ni gaggeeffama.
Kanaafuu ammatti ofeggannoof jecha yaaliin gaggeeeffamu marroo sadaffatti otoo hin ce’amiin addaan cite.
Yaaliin kun namoota fedhiin irratti hirmaatan kuma kudhanitti lakka’aman hirmaachise, isaan keessaa muraasni dhukkubsachu akka malanitu ibsame.
Kaampaanichi iccitii odeeffannoo nama yaaliirratti hirmaatee eeguuf jecha odeeffannoo bal’aa kennuurra of qusateera.
"Dhukkubbiin hirmaataa kanaa maal akka ta'e baruutti jirra, akkasumallee waa’eesaa qooduun dura odeeffannoo dhugaa jirtu hunda beekuu qabna" jedhee ibse.
Yaaliin talaallii gaggeeffamu adda cituun kun kan jalqabaa miti.
Namni qorannoo yuunivarsiitiin Oksfoord gaggeessuutti hirmaate tokkos kana dura dhukkubsatee ture.
Miidhaa hamtuu akka hin qaqqabsiifne wayita mirkaneeffamee deebi’etu itti fufa.
Amma yoonaatti addunyaarratti talaallii 180tti dhiyaatan yaalamaniiru garuu, yaalii kilinikaa kan xumuran hin jiran.
Yaaliin Joonsan fi Joonson akkuma kan yaalii Oksfoordii gaggeessuu yaalii sadarkaa olaanaa ture.
Lamaan isaaniiyyuu vaayirasiii utaalloo caasaan isaa jijjiirametti fayyadamuun madinummaa qaama koronaavaayirasiitti jabeessuuf hojjatu.
Kampanii Joonsan fi Joonsan namoota yaalii kanarratti hirmaatan ji’a Fulbaanaa gara xumura irratti galmeeeffachuu eegale.
Galmi isaas namoota 60,000 fedhiin irratti hirmaatan Ameerikaa Kaabaa fi Kibbaa akkasumas Afrikaa Kibbaatti qaqqabsiisuuf ture.