Koronaavaayirasii: Tooftaan 'madinummaa waloo' nama miliyoona 800 vaayirasiif saaxila

Jiddugalli To'annoo Dhukkubaa Afrikaa (CDC) akka jedhutti yoo tooftaa 'madinummaa walootiin' koronaavaayirasii to'achuuf yaalame, namootni miliyoona 800 ol vaayirasichaaf saaxilamuu qabu jedha.

Aanga'oonni fi dhaabbileen fayyaa idil-addunyaa tooftaa kana deeggaruu dhabanis ogeeyyiin fayyaa osoo yaalamee jedhan jiru.

'Madinummaa waloo' ykn 'Herd Immunity' jechuun itti yaadamee namni heddumminaan vaayirasichaaf akka saaxilamu gochuun madinummaa akka gabbifatu gochuudha.

Ardii Afrikaa uummata biliyoona 1.2 lama qabdu keessatti namoonni 'madinummaa waloo' kana horatanii vaayirasicha akka ofirraa ittisaniif yoo xiqqaate namoonni miliyoonni 800 vaayirasichaaf saaxilamuu qabu.

Kuni lubbuu namoota miliyoona 8.4 balaaf saaxiluu mala jedha CDCn Afrikaa.

CDC Afrikaatti dhimmi Covid19 kan dursu Weesaam Manuulaa ta'e jedhanii namni vaayirasiif akka saaxilamu gochuun gatii lubbuu nama kafalchiisa jedha.

"Osoo silaa talaallii qabaannee, tatamsa'ina vaayirasichaa to'achuu dandeenya turre. Talaalliin bakka hin jirretti 'madinummaa waloo' akka horataniif nama vaayirasichaaf saaxiluun sirna fayyaa keenya balaarra buusa. Hospitaalonni keenyas humna isaaniin ol rakkoon ta'e isaan mudata," jedhe.

Amma dura Afrikaa keessatti namni miliyoonni 1.5 vaayirasichaan qabamanii jiru.

Hogganaan WHO Dr Teedroos Adihaanoom Wiixata gaazexeessitootatti wayita dubbatan, namni vaayirasichaaf saaxilamee madinummaa waloo akka horatu gochuun saayinsiinis ta'e naamusa fayyaan sirrii miti jedhan.

"Namni madinummaa waloo akka gabbifatu kan taasifamu, nama sana vaayirasicharraa eegdee malee, vaayirasichaaf saaxiltee miti," jedhan Dr Teedroos.

Tooftaan madinummaa waloo kun seenaa keessattis weerara sadarkaa addunyaatti mudate haa hafuutii, weerara xixiqqoofillee hojiirra hin oolfamne jedhan.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaas (WHO) ta'e Jiddugalli To'annoo Dhukkubaa Afrikaa (CDC) ardiin Afrikaa gama weerara vaayirasichaa to'achuutiin haala gaariirra jirti jedhu.

Kanaaf sababni uggurawwan jajjaboo fi tarkaanfiiwwan ittisaa mootummoonni fudhatan ta'uus amanu.