Filannoo Ameerikaa 2020: Filannoo Ameerikaa mo’achuuf Iyyasuus ni barbaachisaa?

Filannoo Ameerikaa eenyu akka mo’atu maaliif Kiristiyaanotni murteessuu danda'uu?

Sagaleen hordotoonni amantii Kiristiyaanaa filannoo Ameerikaa irratti kennan furtuu Waayit Hawus ittiin seenamu ta'uu mala. Dorgommiin dhimma Waaqaarratti taasifamu injifannoo murteessuu danda’a.

‘’Waaqayyo fakkaattii isaatiin nu uume, hundi keeny nama tokkodha. Inni nu jaalata, akka walii wajjin gammadnu malee akka qoodamnu hin fedhu.’’

Shamarree ganna 19tu Chaarloot Kaalifoorniyaa irraati kana dubbata.

Ameerikaatti sagalee uummataa filannoon dura kennamu taasisuuf torbee tokko qofatu hafe.

Amantiin Kiristaanummaa itti cichitu attamiin sagalee isheen kennitu akka murteessuu malu dubbatti Rooz.

Torbanoota darbaniif eenyuun akka filattu seeraan itti yaadaa turtus, Rooz kaadhimamtoota Kiristaanummaa waliin hariiroo cimaa qaban lameen keessaa eenyuun filachuu akka qabdu murteessuu hin dandeenye.

Doonaald Tiraamp hiriira farra ulfa baasuu irratti hirmaachuun pireezidantii isa jalqabaa tahuun ishee ajaa'ibee ture.

‘’Akka Kiristiyaana tokkootti Waaqayyo ulfa baasuu hin jaalatu,’’ dhimma kanarratti Tiraamp waliin gala jetti Rooz.

Joo Baaydan amantii Kaatolikii qabaatus Kiristiyaanota dargaggoota waliin caalaatti hariiroo uumuu qaba jetti.

Biyyoota baayyee keessatti amantiifi siyaasni waan wal-cinaa adeemsifamu miti. Ameerikaatti garuu addadha.

Naannoo Kaaba Kaarolaayinaatti dorgommii pireezidantummaa mo’achuuf amantiin dhimma murteessaadha.

Dhimma biyyattii duubaafi fuulduratti oofudha. Amantiif qofa namni Tiraamp yookiin Baayidaniin filachuu danda’a.

Tiraamp mo’achuu yoo barbaade naannolee akkanaatti hojjechuu qaba. Bara 2016tti Hilaarii Kiliintaniin harka 4 kan mo’e kanumaafi.

Sagaleen uummataa filannoo duraa dorgommiin baranaa cimaa tahuusaa agarsiisa.

Yeroo gabaasni kun barreefame Kaaba Kaarolaayinaatti Joo Baayideeniitu qabxii xiqqoon dursaa jira.

Pireezidantoonni lameen kunneen amantii wiirtuu duula na filadhaa isaanii godhachaati jiru.

Donaald Tiraamp lammiileen Ameerikaa inni nama amanticha baraaru akka tahe akka baran barbaada.

Joo Baayidan ammoo filannoon ammaa kun Ameerikaaf murteessaafi dhimma lubbuu saba keenyaati jedhaniiru.

Lakkoofsa filattootaa keessaa tokko sadaffaan warreen amantii Kiristiyaanaa hordofaniidha.

Dhimmi filattoota warra wangeelaa sanyiin adii tahanii bara 2016tti baayyee odeeffameera.

Yeroos namoota 10 keessaa saddeet Tiraamp kan filatan yoo tahu ammallee haalaan isa deeggaru.

Haatahu malee, Kiristiyaanoti gurraacha tahaniifi of keessatti nama karaa jireenyaa garagaraarraa dhufe qabu.

Ameerikaa keessatti Kiristaanoti adii warri wangeelaatti amanan harka guddeessa miti.

Ji’oota darban keessatti namoota Kaaba Kaarolaayinaa keessatti sagaleen isaanii hin dhagahamnetu amma ka’aa jira.

Bara kana namoonnni sagalee kennan akka Rooz saboota lakkoofsa xiqqoo qabanirraa harka 13 tahan sagalee kennuuf jiru. Haatahu malee, akka filattoota biroo filannoo isa sirrii irratti hirmaachuu dhiisuu danda’u.

Wiirtuun Qorannoo Piiw, filannoo pireezidantummaa bara 1996 lakkoofsi saba Hispaaniik filannoof gahaa tahee otoo hin filatiin hafetu isa filate caala jedha.

Hispaanikooti Kiristiyaana tahan haala walitti fufinsa hin qabneen filatu. Dhiibbaa isaan uumuu dada’anidha ija kaadhimamtoota lameen keessa kan isaan galchuu malu.

Walakkaan uummattota Hispaaniik US keessa jiraatanii amantii Kaatolikii hordofu. Yeroo baayyees aadaa duraatti kan cichaniidha. Haatahu malee, imaammata Tiraamp godaansa irratti qabu waan isaan akka laayyootti ilaalan miti.

Haati Rooz Hoonduras irraa dhufte sagantaan yeroof Ameerikaa keessa akka turuu kennameefiiti ammallee otoo hin murtaa’iin jira.

Rooz imaammatni godaansaa hangam maatii ishee akka miidhe dubbatti. Sichi maaltu dhufa inni jedhu akka ishee yaaddessullee himti.

‘’Kaadhimamaa tokko irraa waan ani eegu yoo jiraate godaantotaaf carraa kennuudha,’’ jetti.

‘’Carraa biyya kana jiraachuu kennuufii qabu. Yeroo jiraatanis ni deebifamnaa jedhanii yaadda’uu hin qaban,’’ jetti.

Kaabni Kaarolaayinaa gama amantii Kiristiyaanaan namootaafi gareewwan ilaalcha garaagaraa qaban qabdi.

Kibbi Chaarloot, lafa abbaan wangeelaa beekamaa Biilii Girahaam dhalatedha. Ilmi isaa Firaankiliin ifatti Donaald Tiraampiin deeggara.

Kaabni ammoo iddoo dhalootaa abbaa wangeelaa warra Gurraachaa Paastar Giriinsbooroodha.

Rogeessi mirga namoomaa Dr Baarbar deeggarsi Tiraamp Kiristiyaanota warreen aadaa durii argatu waan amantiirraa maqedha jedha.

Dr Baarbar seenaan warraaqsa siyaasaa waldaa keessatti mormiif duula of keessaa qaba jechuun yaadata.

Warraaqsa biyyaalessaa haqa hawaasaafi diinagdee hoggana. Duullisaa Poor People’s Campaign (Duula Uummata Gurraachaa) jedhama.

Akka nama Afrikaa irraa dhufee qabsoo biyya koofi Gurraachoti Ameerikaa adeemsisan hangam akka wal-fakkaatu nan hubadha jedha.

Paastar Weezlii Mooriis duula kanarrtti ni hirmaata, ‘’Kiristaanummaan inni kan koo waa’ee Iyyasuus isa jijjirama jaalatuuti, Iyyasuus barasaatti warreen aangoo qaban fuuldura dhaabbata ture,’’ jedha

Loogiifi haqa dhabuurratti dubbachuun waan Macaafni Qulqulluun ajaju jedheeti amana.

‘’Ani gurraacha Ameerikaa keessatti amantoota dubbii waaqaa soorudha, Kunimmoo kabajamuu mirga namoomaa waliin hidhata qaba. Lallabaaf yoon dhaabadhu isan yaadadha.

Duulli inni uummata hiyyeeyyiif taasisu Kaaba Kaarolaayinaa keessatti jijjiirama fida jedheetu amana.

‘’Naannoon keenyi imaammataafi muuxannoo pireezidantii kana jalatti akka darbinu taasifamne ni mormina.’’

Filannoo tibba darbee irratti lakkoofsi filattoota gurraachaa haalaan gadi-bu’ee ture. Kan 2012 irratti harka 66.6 yoo tahu 2016tti 59.6 ture.

Harka toorbaan gadi-bu’uun sagalee kennitoota gurraachaaf isa ol-aanaa ture. Qorannoon Piiw illee waggaa 20 keessatti kun isa jalqabaati jedheera.

Waldaan Gurraachota Ameerikaa dhiibbaa seenaa guddaa kan qabudha.

Namooti gadi-ba’anii filatan argachuun hanga seenaa-qabeessummaa kan milkaa’e hin fakkaatu.

Paastar Maaykil Biriikhaawus nama ganna 28 haa tahuyyuu malee aangoofi ofitti amanamummaan haasa’a.

Bara 2016tti Waldaan Gurraachaa jireenya namootaa akka salphaatti ilaaleetu ture, amma iddootti deebisuu qabdi jedha.

‘’Yeroo Obaamaan filatame waldaan keenyi gargaaraa turte. Namoonni takkaa filatanii hin beeknellee isaaf sagalee kennanii ture.’’

‘’Yaada Obaamaan qabamnee Hilaarii Kiliintaniidhaaf hanga isaaf hojjenne hin hojjenne,’’ jedha.

‘’Amma namni ati filatte jireenya attamii akka jiraattu murteessuusaa barree jirra.’’

Koronaavaayirasiin illee loogiifi haqa dhabuu kana dura ture ittuu cimseera jedha.

Paastar Biriihaawus faa nyaata tolaan raabsuun namoonni sagalee isaanii akkamiin fayyadamuu akka qaban kakaasa. ‘’Jireenyi keenya waan filannurratti akka murtaa’u barree jirra,’’ jedha.

Rohaandaa Aleen ‘’Tiraamp sona Kiristiyaanummaaf ni dhaabbatu,’’ jedhanii warra amanu keessaati. Pireezidantichi irra deebiin filatamuuf Waaqa Kiristiyaanatti akka kadhatu nan amana jetti.

Dubartiin waraana keessaa hojjettu tokko meeshaa waraanaa qabaachuun waan Waaqa irraa kennamedha jettee amantii taanaan waan sirriidha jetti.

Akka yaada kootti jetti Raahoondaan, ‘’kuni lola hafuuraati. Kuni waa’ee hamaafi gaariiti. Kiristiyaanni loltuu Waaqaa lafarra jiraatudha.’’

‘’Tiraamp hiriyyaa warra Kiristaanaa tahuusaa gochaan agarsiiseera, Joo Baaydan irraa garuu waan akkasii hin argine,’’ jetti Raahoondaan.

Pireezidantichi dhihoo kana Kiristaana Mana Murtii Waliigalaaf filachuu isaanii namootni isa deeggara akka mallattootti ilaalu.

Raahondaa manni murtii namoota akkasii qabaachuun seeroti ulfa baasuu irratti jiran akka geeddaraman gargaara jettee amanti. Cirumasaaa akka dhorkamus barbaaddi.

Hilaarii Kiliintan amantii Kiristaanummaa laaffisuunshee filannoo 2016 irratti haalaan qabxii akka dhabdu ishee taasiseera.

Obaamaan garuu amantii warra wangeelaatiin duulli inni taasise isa gargaaree ture.

Baroota darban keessatti Kiristiyaanoti saba xiqqoo qaban dhiibbaa uumaa turaniiru.

Ammallee Kiristiyaanooti kaanillee haalli siyaasaa jiru geeddaruuf wal gurmeessaati jiru.

Sagalee kennitoota ammallee eenyyuun filachuu akka qaban hin murteessine, nama waa’ee amantii isaanii guddisee dubbatu barbaadu.

Kuni ejjennoo kaadhimaamaan tokko dhimma tokko irratti caalee argamuu danda’a kan jedhanillee jiru.

Amantiin daawwiitii lammiilee Ameerikaa baayyeef siyaasa ittiin ilaalan gatii taheef Iyyasuus furtuu injifannoo ittiin Waayit Hawus seenan tahuu malaa jechuudha.