Koronaavaayirasi: Pirezidant Bolsonaaroon Biraaziil talaallii Covid-19 Chaayinaa hin bittu jedhan

Kubbaaniyyaan addunyaarra jiran hedduun talaallii vaayirasichaa hojjechaa jiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Kubbaaniyyaan addunyaarra jiran hedduun talaallii vaayirasichaa hojjechaa jiru

Pirezidantiin Biraaziil Bolsonaaroo mootummaansaanii talaallii Covid-19 Chaayinaan oomishte hin bittu jedhan. Kunis erga ministeerri fayyaa biyyattii sagantaa talaallii keessatti akka itti fayyadaman ibsan boodadha.

Pirezidant Bolsonaaroon deeggartootasaanii miidiyaa hawaasummaarra jiran akka isaanii talaallii Sinoovaak hin bitne jajjabeessaniiru. Isaanis akkas jedhaniiru: "Talaallii Chaayinaa hin bitnu."

Pireezidaantichis talaallii kun yaaliisaa guutumatti hin xumurre jedhan.

Kana dura garuu qondaaltonni Biraaziil sagantaa madinummaa qaamaa lammiilee biyyattii gabbisuu keessatti kan qabame keessaa tokko talaallii Chaayinaan hojjette 'CoronaVac' jedhamu kan dhaabbata baayooteeknooloojii 'Sinovac' jedhamuun hojjetame fayyadamuudha jedhan.

Kunis jalqaba ji'a Amajjii bara 2021 irraa eegalas jedhan.

Bulchaan Saa'oo pooloo, Joao Dooriyaa akka jedhanitti mootummaan federaalaa talaallii 'CoronaVac' doozii miiliyoona 46 bituuf waadaa galeera.

Sagantaan madinummaa qaamaa yookiin dandeettii dhibee ofirraa ittisuu qaamaa gabbisuu jalqaba bara 2021, ji'a Amajjii irraa eegaluu danda'a.

Kunimmoo akka addunyaatti weerara vaayirasichaa ittisuuf tarkaanfii bu'uuraati jedhameera.

Biraaziil biyyoota weerara koronaavaayirasiin daran hubaman keessaati.

Namoota qabaman miiliyoona 5.3 qabaachuudhaan US fi Indiyaatti aantee addunyaarraa sadarkaa sadaffaarra jirti.

Lakkoofsa namoota du'anii 155,000 qabaachuudhaan ammoo US'tti aanuun lammaffaarra jirti.

Talaallii Chaayinaa 'CoronaVac' kan dhaabbata Sinovac baayooteeknooloojiin fudhachuuf yoo Ministeerri Fayyaa biyyattii mirkaneesse, Biraaziil sagantaa madinummaa qaamaa gabbisuuf qabattee jirtu keessatti gosoota talaallii lamatti dhimma ba'uuf jirti.

Biyyattiin talaallii Yuuniversitiin Oksifoordii fi dhaabbati oomisha qorichaa AstraZeneca jedhamu waliin hojjetanis fayyadamuuf karoora qabdi.

Talaallii Covid-19 kan Chaayinaan hojjette kun giddu gala qorannoo Saa'oo Pooloo ,Butantan jedhamu keessatti qoratamaa jira.

Talaalliin kun Tarkii fi Indooneezhiyaa keessatti yaalamaa jira.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa