Koronaavaayirasii: Yuunivarsitiin Oksifoordi yaalii talaallii Covid-19 deebisee eegaluufi

Madda suuraa, Reuters
Yaaliin talaallii Covid-19 kan yuunivarsitiin Oksifoord dhaabbata 'AstraZeneca' jedhamu waliin tolchaa turan, sababa namni talaallicha fudhachaa ture tokko dhukkubsateef adda citee ture deebi'ee eegaluufi.
Yaalichi kan adda citee ture namni dhukkubsate sun sababa talaallichaatiini moo miti kan jedhu qorachuuf ture jedhe 'AstraZeneca'.
Sambata garuu yuunivarsitiin Oksifoord yaalii talaallichaa itti fufuun rakkoo akka hn uumne mirkanaa'eera jedhe.
Ministirri Fayyaa UK Maat Hankookyaaliin talaallichaa deebi'ee eegaluun oduu gaariidha jedhan.
"Kuni hagam nageenya namaaf dursa akka kenninu agarsiisa. Saayintiistonni keenya talaallii nageenya qabu, ariitii danda'ameen akka dhiyeessan ni deeggarra" jedhan.
Yuunivarsitiin Oksifoord wayita yaalii talaallii kanaa taasisu namootni talaallichi irratti yaalamu tokko tokko fayyummaan itti dhagaa'amuu dhiisuu akka malu waanuma eegamudha jedhe.
Yaalii talaallichaa deebi'ee akka itti fufu garee walabaan dhimmicha qoratu fi qaama mootummaa UK dhimma fayyaa to'aturraa hayyama argachuus hime.
Waa'ee nama sababa talaallichaan dhukkubsate turee waan jedhe hin qabu.
Haa ta'u malee 'Washington Post' akka gabaasetti namni talaallichi irratti yaalamaa ture kun dhukkuba 'transverse myelitis' jedhamu kan lafee dugaa ykn ispaayinaal koordii namaa irratti dhiibbaa uumu dhukkubsate jedhe.
Kunis infeekshinii vaayirasiin uumamuu mala jedheera.
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) akka jedhutti talaalliiwwan 180 ta'an addunyaarratti tolfamaanii yaaliirra jiru.
Haa ta'u malee kan yaalii kilinikaalaa xumurame amma dura hin jiru.
Talaallii yuunivarsitii Oksifoord kun yaalii gulantaa duraa fi lammataa milkiin erga darbee booda talaallii abdiin eegamu ture.
Yaaliin gulantaa sadaffaas torbanoota darban taasifames namoota 30,000 hirmaachisuun US, UK, Biraazil akkasumas Afrikaa Kibbaa keessatti taasifameera.
Talaalliiwwan yaaliirra jiran xumura bara 2020 ykn jalqaba bara 2021 faayidaaf oolu jedhu ogeeyyiin.














