Talaalliin Covid-19 yaaliirra ture adda cituun hagam yaaddessaadha?

Madda suuraa, Oxford University / John Cairns
Yaaliin talaalli koronaavaayirasii yuunivarsiitii Oksifoord kan abdiin eegamaa ture erga namni tokkoo yeroo yaalii kilinkaarra jirutti dhukkubsatee booda addan citeera.
Kun waanta nama naasisu fakkaata.
Dhabbatni talaallii kana Yunivarsitii Oksifoord waliin ta’uu hojjate AstraZeneca garuu kun ‘addaan kutu’ baramedha, “dhukkubni hin baramne kun” talaallichaa fudhachuu dhabuu waliin kan walqabatu fakkaata jedha.
Kanaaf yaalii talaallli addaan kutuun hagam barameera, egeree taalalli Covid-19 eegamuuf maal ibsa?
Wa’ee yaalii talaallii kanaa maal beekna?
Talaalliin'AstraZeneca-Oxford' kun addunyaa irrattii talaalli koronaavaayirasii argachuuf dorgommii taasifamee irratti kan dursan keessaa tokkodha.
Kanaaf barfannaan kamuu hamilee kan nama cabsudha.
Addaan kan kutame sababa talaallichi irratti yaalamaa jiru tokko UKtti “dhukkubni cimaa talaallii fudhachuurra dhufe jedhamee shakkamu” irratti argame hospitaala seenuu isaa booda akka ta’e gabaafameera.
Odeeffannoon gadi fageenyaan baramuu baatuus Stat News dhukkubsataan kun bayyannachuu hin hafu jechuun gabaaseera.
AstraZeneca ibsa baseen: “yaalii talaallichaa kan adda kunneef qorannoo barameen of-eeggannoo goochuufi.”
Gulaalaan Meedikaalaa BBc Fergas Waalshi, adeemsi kun “guyyoota” fudhachuu danda’a jedha.
Yaalii talaallii addaan kutuun kan baramedhaa?
Akka Waalshi jedhutti , addaan kutuun akkanaa “waan barame miti.”
“Yeroo hirmaattonni hospitaala seenaanii maddi dhukkuba isaani hin baramnetti qorannoon akka addan kutamu taasifama,” jedha.
Dubbi himaan Oksifoord Yunivarsitii, “yaalii bal’aa keessatti, dhukkubni uumamu danda’a ta’us garuu addattii kun qoratamuu qaba,” jedhaniiru.
Dabaluunis yaaliin talaallii koronaavayirasii yeroo addan citu kun yeroo lammataa ta’uu hima.

Madda suuraa, Getty Images
AstraZeneca fi Yunivarsitiin Oksiford tarkaanfiin kun ariitii tallaalliin kun gabaaf ba’u irratti kan rakkoo hin uumne akka ta’uu mirkaneessuufi jedhaniiru.
Kibxatarra AstraZeneca dabalatee dhabbileen qoricha oomishan gurguddoon sagal talaallii Covid-19 hojjachaa jiran dursatti talaallii argachuu irratti “waliigaltee seena qabeessa” mallatteessaniiru.
Talaallii Covid-19 argachuutti hagam dhiyaanneerra?
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) taalaalliwwan 180 ta’an addunyaa irratti kan yaalamaa jiran ta’us hanga ammaatti garuu kan yaalii isaani fixan tokkollee hin jirani.
Talaalliin eegumsaafi bu’a qabeessa ta’e waggaa kanatti ni rageeffama jedhee akka hin yaadne sababni isaas yaaliin isaa yeroo dheeraa waan fudhatufi jedha dhabbatni kun .
Talaalliin AstraZeneca-Oxford yaalii sadarkaa tokkoffaafi lammaaffa waan xumureef, yaaliin amma addan citus sadarkaa sadaffaatti torban dhufanitti eegaluuf kan ture waan ta’eef abdii kan qabu fakkaata.
Yaaliin sadarkaa sadaffaa hirmaanna namoota hedduu waan barbaaduuf waggootii dheeraaf turuu danda’a.
Pirezdaantiin US Doonaald Tiraamo talaalliin Sadaasaa 3 dura US keessatti akka argamu akka barbaadu dubbateera, ta’uus garuu namoota tokko tokkoof yaadni isaa kun soodaa of eggannoorra siyaasaa dursuun talaallli ariifachiisa kan jedhu kaaseera.

















