Covid-19 Itoophiyaatti - Bitootessaa hanga Hagayyaa

Shamarree maaskii kaawwattee

Itoophiyaa keessatti namni koronaavaayirasiin qabame erga mul’atee ji’a ja’a caaleera.

Tibba weerarri vaayirasichaa biyya seene lakkoofsi namoota qabamanii muraasa ture, boodarra garuu akkaan dabaluu eegale.

Magaalota akka Finfinnee uummata hedduu qaban keessatti ammoo facaatiin vaayirasichaa haala yaaddessaa ta’een dabaleera.

Ragaan Ministeerri Fayyaa fi Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa biyyattii guyyaa guyyaan baasanirraas kanumatu hubatama.

Ji’oota ja’an darban kana keessa hojiin weerara koronaavaayirasii ittisuuf hojjetame bu’aa akkamii argamsiiseera? Fuulduraafoo maaltu raawwatamuu qaba? Kanneen jedhan irratti ogeeyyii fayyaa dubbsineerra.

Bitootessa-koronaavaayirasiin Itoophiyaatti argame…

Itoophiyaa keessatti mallattoon koronaavaayirasii kan mul’ata ALI Bitootessa 04,2012 ture.

Tibba weerarri vaayirasichaa eegale lakkoofsi namoota qabamanii muraasa kan ture ta’u boodarra garuu garmalee dabaleera, yeroo ammaa waliigalatti namoonni qabaman kuma 60tti siqaniiru.

Hanga ammaatti namoota qabaman 60,784 keessaa vaayirasii kanaan du’an 949 yoo du’an, 22,677 kan ta’an ammoo dandamachuu ragaan Ministeera Fayyaa fi Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasa biyyattii ni mul’isa.

Itoophiyaa keessati torbeewwan darban keessa lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii baay’ee dabaluu Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) ibseera.

Itoophiyaan dhiyeenya kana guyyaatti namoota 20,000 koronaavaayirasiif qorachuu eegaltee jirti.

Biyyattiin hanga ammaatti namoota miiliyoona caalaniif qorannoo taasisuu himteetti.

Tarkaanfiiwwan fudhatamanii fi bu’aa argaman

Magaalaa Finfinnee keessatti giddu-galaawwan namoota koronaavaayirasiin qabamanii tajaajila wal’aansa fayyaa barbaadanii simatanii kanneen tajaajilan keessaa Eekaa Kotobee fi galmi barkumee isaan ijoodha.

Lakkoofsi nanoota dhibamanii, gara giddu-galaawwan kanneenii seenanii dabalaa akka jiru, hooggantoonni giddu-galoota kunneenii nutti himaniiru.

Hospitaalli Eekaa dandeettii namoota 500 qofa keessummeessuu kan qabu yoo ta’u, kanneen keessa 20 kan ta’an namoota garmalee dhibamaniif kan ooluudha jedhan Meedikaala Daarektarri Hospitaalichaa Dr Naatnaa’el Bakura Tshiyoon.

Hospitaalli kun namoota koronaavaayirasiin qabamanii baay’ee dhukkubsatan Hospitaala Kotobee irraa fuudhee kan tajaajilu yoo ta’u, garuu kanneen mallattoo sasalphaan irratti mul’ate giddu gala akkaadaamii ispoortii garjiitti argamutti akka adda baafamanii tursiifamaniif siren 200 ta’u qophaa’ee akka ture daarektarichi ni dubbatu.

Buufati biraan namoota koronaavaayirasiin qabaman simatee wal’aansa fayyaa kennu, Giddu-galli Galma Barkumee, sireewwan 800 caalan akka qabu ragaaleen ni mul’isu.

Ji’oota lamaan darban keessa namoonni daran dhukkubsatanii dhufan heddummaataniiru kan jedhan Dr Naatnaa’el, dareewwan wal’aansaa keessatti sireen dabalamuu akka qabuu fi ventileetariin dabalataa akka barbaachisu dubbatan.

Torbanoota itti aanan keessas namoonni dhibee Covid-19’n qabamanii akkaan dhukkubsatan, kanneen deggersa ventileetarii barbaadan ni heddummaatu soda jedhu qabu.

Obbo Haayilee Wubnah fi Dr Ababaayyoo Nugusee ogeeyyii fayyaa hawaasaati

Akka ogeeyyiin kunneen jedhanitti Itoophiyaan wayita namni jalqabaa koronaavaayirasiin qabame qophiin isheen gootee fi of-eeggannoon uummataa baayyee gaarii ture.

Tatamsa’ina weera vaayirasichaa to’achuuf hojiin abdachiisaan hojjetamuu kan taajjaban Obbo Haayileen, garuu manneen barnootaa iddoo vaayirasichi itti hammaatuttis ta’e bakka vaayirasichi hin geenyetti walqixa cufamuun sirrii miti ilaalcha jedhu qabu.

Akka isaan jedhanitti manneen barnootaa biyyattii hunda cufanii daa’imman barnootaan ala gochuurra, suuta suuta magaalota vaayirasichi itti hammaaterraa eegalanii gara kaanitti deemuun ni danda’ama ture.

Hawaasnis soda qaburraa kan ka’e of-eeggannoo gochuusaatiin tatamsa’inni vaayirasichaa to’atameera jedhan.

Tibba ayyaana faasikaa fi koronaavaayirasii

Weerarri koronaavaayirasii haalaan tatamsa’uu kan jalqabe torbee ayyaana faasikaa ta’uu himu Obbo Haayileen.

Dr Ababaayyoonis yaada kanaratti walii galanis garuu walga’iiwwan heddummaachuu, dagannaan tibba ayyaana waggaa fi dagannaan hawaasaa tatamsa’ina vaayirasichaaf gumaacheera jedhan.

Ayyaanni faasikaa erga darbee booda lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii garmalee akka dabbles taajjabuusaanii himu.

Itoophiyaan lakoofsa namoota guyyaatti koronaavaayirasiif qoratamanii guddisaa akkuma deemtuun namoota vaayirasichaan qabaman hedduu mirkaneessuunshee waan hin oolle jedhan.

Dubartii saamuda kennaa jirtu

Madda suuraa, Reuters

Itoophiyaan yeroo ammaa namoota kanneen qabamaniin tuttuqqaa qaban, kanneen shakkamanii adda baafamanii fi kanneen mallattoon irratti argame kan qorattu ta’uu kan himan ogeeyyiin kunneen hawaasa bal’aa qorachuun qormaata guddaa itti ta’a jedhan.

Weerarri vaayirasichaa eessafaatti hammaateera?

Ibsi Biiroon Fayyaa Magaalaa Finfinee baase akka mul’isutti, lakkoofsi namoota Hagayya keessa koronaavaayirasiin qabamanii kan Adoolessa keessa qabamaniin wal bira qabamee yoo ilaalamu, 9,384 yookiin ammoo %99.6 caalmaa agarsiiseera.

Akka Obbo Haayileen jedhanitti magaalaan Finfinnee weerara koronaavaayirasiin daran rukutamtus, garuu hojiin hojjetame weerara kana qolachuuf kan abdatamuudha.

Dr Ababaayyon gamasaaniitiin magaalaa Finfinnees ta’e naannolee biro keessatti ittisa vaayirasichaarratti hojii gaariin tibba jalqabaa hojjetamus ammaan tana garuu bakka hundatti gadi bu’eera jedhan.

Meedikaal Daarekarri Hospitaala Eekaa Dr Naatnaa’eel namoonni garmalee dhibamanii gara hospitaalasaanii dhufan heddummaachuu himanii, ‘’kanaafis sababi ijoon maal na dhibdeedhaan of-eeggannoo dhiisuudha’’ jedhan.

‘’Hawaasi dhukkubi kun akka waan isaan hin qabneetti ilaaluutu jira. Kun murtee balaa baatuudha. Erga du’anii deebi’uun hin jiru. Yaaliidhaaf du’uu wanti jedhu hin jiru’’ jedhan.

Maaltu fala?

Itoophiyaa keessatti yeroo as deemu keessatti ayaanota hedduutu eegamu.

Bara haaraa, Filannoo Naannoo Tigraay, Irreechaa fi masqalli ayyaanota taateewwan gurguddoo eegamaniidha.

Ayyaanonni uummataa kunneen facaatii vaayirasichaaf daran haala mijataa uumu.

Hunda caalaa ammoo barattoonni gara mana barnootaatti deebi’aa waan jiraniif kun yaaddoo guddaadha jedhu Obbo Haayileen.

Kanaafuu hawaasi ayyaana ashandaa yeroo darbe kabajamerraa muuxannoo fudhatee ayyaanasaa as adeemaa jiru haala of-eeggannoon guutameen kabajuu qabu gorsa jedhu dabarsan.

Dr Ababaayyoon ammoo qaamoleen of-eeggannoo vaayirasichaarratti hawaasa gargaaran miiraa fi humna haaraan qophaa’uu qabu jedhan.

Obbo Haayileen gamasaaniin yoo weerarri vaayirasichaa kan hammaataa deemu ta’e manneen barnootaa cufuu, walga’ii heddummeessuu dhiisuu fi walitti heddummaachuu hir’isuun dirqama jedhan.

Wayita vaayirasichi akkaan dabalaa jirutti manneen banuun daran yaaddoo uuma kan jedhan Obbo Haayileen, Dr Ababaayyoon garuu kanaan walii hin galan.

Barattootaaf of-eeggannoon barbaachisu taasifameefii barachuu qabu jedhu.

Barattoonni maaskii godhachuu, qulqullina eeggachaa fi walirraa siqanii barachuun akka danda’amu kaasan Dr Ababaayyoon.

Ogeeyyiin kunneen lameenuu daa’imman carraan vaayirasichaan qabamuusaanii gadi aanaa ta’us, baatanii gara maatiisaaniitti galuunii garuu ni danda’u waan ta’eef of-eeggannoon dursuu qaba jedhan.

Itoophiyaa keessatti itti fayyadamni maaskii akkaan gadi aanaa ta’uu kan dubbatan Dr Ababaayyoon, kana osoo %90tti guddisnee tatamsa’ina vaayirasichaa %40-%50’tti hir’isuu dandeenya jedhan.

Koroonaavaayiras
Banner