Koroonaavaayiras: Awustiraaliyaan talaallii Covid-19 lammiilee isheef tola akka raabsitu beeksifte

Beachgoers wear masks during lockdown in Melbourne on 6 September 2020

Madda suuraa, Getty Images

Awustiraaliyaan talaalliin Covid-19 lama kan yaaliirra jiran yoo milkaaahan, talaalliiwan miiliyoona 85 ofiif qopheeffachuu beeksifte.

Ministirri Muummee biyyattii Iskoot Moorisan biyyi isaanii waliigalatee bittaa talaallii Covid-19 raawwataniin talaallichi bara 2021 keessa lammiilee biyya isaaniif tolaan akka raabsamu beeksisan.

Ministirri muummee kun gatiin talaalliiwwan bituuf waliigalanii kun doolaaraa Ameerikaa biiliyoona 1.24 akka ta'ullee dubbatan.

Lammiileen Awustiraaliyaa miiliyoona 25 ta'an Amajjii dhufurraa talaallii kana argatu kan jedhan Moorisan, yeroo jedhametti ta'uu dhabus akka danda'u dubbatan.

Dabaree talaallii Covid-19 argachuu qabamaa jiru keessatti biyyi isaanii adda duree ta'uu fi ogeeyyiin fayyaa isaanii talaallichi haa kennamu murtee jedhu yeroo dabarsanitti kennamuu akka eegalullee dubbatan.

Talaalliiwwan lama biyyittiin bituuf waliigalte kun tokko achuma biyyattii keessatti Yunivarsiitii Queensland and CS keessatti kan yaalamaa jiru yogguu tahu, kan biraan ammoo UK Yunivarsiitii Oxford keessatti isa yaalirra jirudha.

Dhaabbatni Koorporeeshinii Birodkaastiingii Awustiraaliyaa akka gabaasetti talaalliin dooziin miiliyoona 33.8 Oxford irraa, kan hafe miiliyoona 51 kan ta'u ammoo Yunivarsiitii Queensland irraa bitaman.

Biyyattiin talaallii kanaan lammiilee ishee harka 95% biraan gahuuf karoorfatte.

Vaccine trial at Oxford University

Madda suuraa, University of Oxford

Ibsa waa'ee suuraa, Yaaliin talaallii Yunivarsiitii Oxford/AstraZeneca sadarkaa abdachiisaarra gaheera

Ministirri Muummee Awustiraaliyaa talaalli kana biyoota ollaa isaani kan Paasifikiifi Kibba Baha Eshiyaanis gahuuf akka hojjetanillee ibsan.

Biyyootni addunyaa talaalii dhibee Covid-19 dursanii argachuuf dorgomuutti kan jiran yoo ta'u, biyyootni hiyyeeyyiin maallaqa hin qabne kana keessa miidhamu yaaddoon jedhu jira.

Adoolessa keessa biyyootni addunyaa 165 ta'an deeggarsa gochuun talaallichi biyyoota hiyyeyyiis akka qaqqabu waliigaluu Dhaabbatni Fayyaa Addunya (WHO) beeksiseera.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa