'Koronaavaayiras waggoota lama keessatti baduu danda’a'- Tediroos Adihaanoom

Dr Teediroos Adihaanoom

Madda suuraa, REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Dr Teediroos Adihaanoom

Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. Teediroos Adihaanoom weerarri kun waggoota lama keessatti akka badu abdiin qaba jedhani.

Ibsa Jeeneevaatti kennan irratti Ispaaniish Filuun 1918’tti waggoota lama gidduutti baduu dubbatani Dr Teediroos Adihaanoom.

Teeknooloojiiwwan amma jiran garuu yeroo gabaabaatti dhibee kana balleessuuf akka gargaaran himani.

"Wal-qunnamtiin jiraachuunsaa vaayirasicha tamsaasuuf kan gargaaru ta’us, teeknooloojiifi beekumsa weerara kana dhaabuuf nudandeessisus qabna’’ jedhani.

Weerarri hamaan 1918’tti ka’ee ture, yoo xiqqaate namoota miiliyoona 50 ol galaafate.

Koroonaavaayiras hanga yoonaatti namoota 800,000 ajjeesuun, miiliyoona 22.7 kan ta’an ammoo qabamanii jiru.

Hanniifi malaammaltummaan meeshaalee ittisaa irratti raawwatamu anaaf yakka ajjeechaa waliin wal-fakkaataadha jedhaniiru Dr Teediroos Adihaanoom.

Afriikaa Kibbaa dabalatee biyyoota hedduu keessatti himanni hanna meeshaalee ittisaa waliin wal-qabatu ka’aa jira.

Keeniyaatti hiriirri mormii dhimma kana balaaleffatu guyyaa Jimaataa geggeeffamee ture. Dooktaroonni hoospitaalota mootummaa keessa hojjatan kaffaltii hin raawwatamin hafeefi hanqina meeshaalee mormuun hiriira kan taasisan.

Meeksiikoon namoota 60,000 dhabuun sadarkaa sadaffaarra yoo jirtu, namoota 173,490 dhabuun Ameerikaatu dursaa jira.

Kanarraa ka’uun ture kaadhimamaan paartii Dimookraat Joo Baayidan pirezidantiin biyyattii lammiilee keenya du’arraa baraaruu dadhabe jechuun kan komatan.

Iddoowwan birootti maaltu ta’aa jira?

Jimaata kaleessaa biyyoonni hedduun lakkoofsa olaanaa namoota haaraa vaayirasichaan qabamanii gabaasanii jiru.

Kooriyaan Kibbaa Bitootessaa as lakkoofsa olaanaa ta’een namoonni 324 haaraan qabamaniiru jechuun yoo ibsitu, sababni ol-ka’uu lakkoofsa kanaas manneen kadhannaa, muuziyeemota, manneen dhichisaafi sirbaati jedhamuun cufamanii jiru.

Awurooppaa biyyoota muraasattis lakkoofsi ol-ka’aa jira.

Poolaandi namoonni 903 akkasumas Isloovaakiyaan 123 naduraa qabamaniiru jechuun Jimaata yoo gabaasan, Ispeeniifi Faransaayis guyyoota muraasa darbanitti namoonni haaraa qabaman akka malee dabalaniiru jechaa jiru.

Dhoohinsa magaalaa Beeyiruutitti mudateen namoota 178 jalaa kan du’an Libaanoos, sababa dabaluu namoota vaayirasichaan qabamaniitiin dhorkaa sa’aatii dabalatee tajaajiloonni gargaraa akka citan taasiftee jirti.