Koronaavaayirasi: Qorannoon qoricha Covid-19 Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru maaliirra gahe?

Inistitiyuutin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa qorichawwan aadaa dhibee Covid-19 ni fayyisu jedhamanii beektota qoricha aadaatin dhiyaateef shan qorachaa akka jiru dhaabbatichatti Daayrektarri itti-aanaan Qorannoo Qoricha Ammayyaafi Aadaa Obbo Warquu Gammachuu BBCti himaniiru.

Ji'oota muraasa dura Waldaan Beektota Qoricha Aadaa Itoophiyaa qorichawwan Covid-19 fayyisuu danda'u jedhe 50 ta'an akka ilaallamaniif Inistitiyuutichaaf dhiyeessee ture.

"Haata'u malee, humna namaafi meeshaalee qabnurraa ka'uun qorichawwan aadaa shan qofa qorannoof fudhanne," jedhan Obbo Warquu Gammachuu.

Qorichawwan ogeeyyiin qoricha aadaa fidan shan kunneen waliigalatti gosoota biqilootaa 30 ol ta'an of keessaa kan qaban yemmuu ta'u, Institiyuutichis jalqaba hojii biqiloota kunneen adda baasuu hojjechuu isaa himan.

Kana malees, biqilootni kunneen faayyidaa akkamiif tajaajilarra akka oolan, soorata namaaf ni oolumoo hin oolan kan jedhu, kemikaalota keessatti argamaniifi faca'iinsa akka addunyaatti qabanis qoratamuu isaa Obbo Warquun BBCti himaniiru.

Qorichawwan beektootni qoricha aadaa Covid-19 wal'aanuuf ni oolu jedhanii Institiyuutichaaf dhiyeessan bifa garaagaraan faayidaarra kan oolan yemmuu ta'u, bifa shaayen kan dhugaman, aarri isaanii kan ulatamu, bifa soorataan kan nyaatamaniifi qaamarratti kan dibamanidha.

"Qorichawwan aarri isaanii ulatamu laaboraatoorii nuyi qabnuun nageenyummaa isaa qorachuuf mijataa waan hin taaneef yeroodhaaf isa dhiisnee jirra. Amma kan qorachaa jirru bifa nyaataa, bifa shaayeefi bifa dibataan kan hojjetamanidha," jedhan.

Qorichawwan kunneen hagam abdi-qabeessa?

Abdi qabeessummaa qorichawwan aadaa dhibee Covid-19 fayyisuu danda'u jedhamanii qoratamaa jiran kunneen kan gaafanne Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti Daayrektarri Itti-aanaan Qorannoo Qoricha Ammayyaafi Aadaa Obbo Warquu Gammachuu, "yeroo ammaatti fayyisuufi dhiisuu isaa mirkana ta'anii dubbachuun ni ulfaata," jedhan.

"Qorichawwan isaan nuuf kennan vaayirasii ittisuu yookin yaaluuf hagas mara kan fayyadan miti.

Haata'u malee, qorichawwan kunneen keessaa kan mala aadaan dhibeewwan biroo wal'aanuuf tajaajilan, akkasumas kan hoo'ina qaamaa hir'isan, fedhii nyaataafi dandeettii dhibee ofirraa ittisuu qaamaa dabalan akka jiran barreeffamoota qorannoowwan biroo wabeeffachuun arganneerra," jedhan.

Qorichawwan beektota qoricha aadaatiin dhiyaatan kunneen kanaan dura nama irratti yaalamanii kan hin beekne yemmuu ta'an, namootni qorichawwan kunneen bifa kamiin fudhatu kan jedhus akka qoratamuu dubbatan.

Kana booda maaltu hafa?

Adeemsi qoricha aadaa dhibee Covid-19 argachuuf Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa yeroo ammaa irra gahe qorannoo laboraatoorii akka ta'e Obbo Warquu Gammachuu ni dubbatu.

"Bineeldota qorannoo laaboraatooriif oolan horsiisaa jirra. Yeroo guddinni qaamaafi umriin isaanii qorannoof gahutti isaan irratti qorannoo ni taasisna," jedhan.

Qorannoon laboraatoorii Institiyuutichi beeyladoota irratti taasisus ji'a tokko booda kan eegalu yemmuu ta'u, qorannichi naannoo guyyoota 40 akka fudhatu himan.

Qorannoo laaboraatoorii kanaan nageenyummaan qorichichaa kan qoratamu yemmuu ta'u, bu'aasaa bu'ureeffachuunis qorannoon fayyisummaa immoo Giddugala Qorannoo i Qo'annoo Fayyaa Beeyladaa Biyyaalessaa /NAHDIC/ walin ta'uun akka hojjetamu himan.

Qorichawwan kunneen namarratti miidhaa kan hin qabne ta'uufi fayyistummaan isaanii erga mirkanaa'ee boodammoo yaalin kilinikaalaa /Clinical trial/ akka adeemsifamu Obbo Warquu Gammachuu ibsaniiru.

Gama biraatin qorannoowwan qoricha dhibee Covid-19 Itoophiyaan taasisaa jirtu kan biroon kan jiran yemmuu ta'u, inni tokko qorannoo laboraatoorii darbuunsaa miidiyaalee biyya keessaa tokko tokkon himamee ture.

Ministeerri Inoveeshiniifi Tekinoloojis guyyoota muraasa booda dhimmicharratti ibsa akka kennu dhageenyeerra.