Koronaavaayiras: Olompiikni Tookiyoo 'Covid-19 jiraates jiraachuu baates ni gaggeeffama' jedhe

Olompiikni Tookiyoo bara 2021'tti darbe ''Covid jiraates jiraachuu baates'' ni gaggeeffama jedhan Pireezidantii Itti aanaan Koree Olompiikii Idila Addunyaa.

Joon Kuwaates AFP'tti akka himanitti, taphootni Olompiikii bara dhuftu ji'a Adoolessaa keessa ni jalqabamu.

Taphootni kunis ''taphoota Covid-19'n irra aanan jedhamu,'' jedhaniiru.

Jalqaba Adoolessa bara 2020 gaggeeffamuuf karoorri kan baheef, taphni Olompiikii kun sodaan weerara Covid-19 hammaachuu isaatiin bara itti aanutti darbe.

Koreen Olompiikii Idila Addunyaa dorgommiin kun bara 2021 akka hin dabarre ibsee ture.

Hoogganaa Olaanaan Olompiika Tookiyoo Toshiiroo Muutoo daawwattoota murtaahaniin dorgommiiwwan gaggeeffamuu akka danda'an, garuu ammoo bakka daawwataan hin jirretti gaggeeffamuu isaa akka hin jaallanne dubbataniiru.

Of eeggannoof jecha lakkoofsi jila dorgomtoota biyya isaanii bakka bu'anii fi kan isaan waliin dhufanii akka xiqqaatu gochuun, sirna baniinsaa fi cufinsaa salphisuu akka filannoottis dhiyeessaniiru Toshiiroon.

Olompiika Tookiyoo bara 2020'tiif atileetotni 11,000 ol ta'an kan biyyoota 200 ta'an bakka bu'an Jappaan Tookiyoo galuuf qophaawaa turan.

Weerara Covid-19 to'achuuf jecha Jaappaan daangaa ishee gara caalu cufattee bakka jirtutti, sochiin kun hirmaattota hangam akka miidhu hanga ammaa hin beekamne.

Toshiiron talaallii argachuufi fudhachuun dirqama ta'uu akka hin dandeenyes dubbataniiru. Ogeeyyiin fayyaa garuu talaallii malee taphoota kana gaggeessuurratti shakkii qabaachuu ibsaniiru.

''Talaalliin qaqqabe jiraannaan fayidaa qaba, haata'u malee yoo talaalliin hin jiru ta'e hin gaggeessinu hin jennu, haalduree miti talaalliin,'' jedhan Yoshiiroon.

Caamsaa keessa haasaa dubbatanii tureeniin Olompiikni Tookiyoo bara 2021 keessa hin gaggeeffamu yoo ta'e haqamuu qaba jedhanii turan.

Murtee hoogganaa Olompiika Tookiyoo kanaan waliigaluu kan himanii turan Pireezidantiin Waldaa Olompiika Idila Addunyaa Toomaas Baach bara baraan namoota 3,000 - 5,000 koree qindeessituu jettee qacaruu hin dandeessu jedhan.

Weerara Covid-19'n dura Olompiikni yeroo biraatti akka darbu murtaahee hin beeku, sababa waraanaan garuu haqamee beeka.