Haadhummaafi mana hidhaa

Madda suuraa, Jadwiga Bronte
Ogeettiin suuraa Jaadwiigaa Biroontee bara 2019’tti ji’oota 10’f haadholii fi daa’imman isaanii mana hidhaa Moldoovaa jiran daawwataa turte.
Piroojektiin ‘The Good Memories’ jedhamu hariiroo haadholiifi daa’imman isaanii jidduu jiru jabeessuurratti xiyyeeffata.
“Suuraalee yaadannoo gaarii hariiroo haadha sanii fi daa’imashee jidduu jiru ni jabeessa jedhee amana. Dabalataanis haati sun akka haadhatti malee akka yakkamtuutti akka of hin ilaalleef ishee gargaara,” jetti.
“Jireenya ulfaataa haadholii mana hidhaa jiranii isa haaraatiin ni jijjiira jedhee abdadha.”

Alinaa fi mucaashee Nikoolaa

Madda suuraa, Jadwiga Bronte
Maatiin kiyya ana qofa qabu ture, isaanis dureeyyii ta’uu baatanis waan hunda naa guutu ture. Barnoota gaarii dabalatee.
Warshaa kophee keessa hojjadha ture, achitti kan jaalallee kiyya jalqabaa waliin wal argine.
Yeroo gaarii ture. Yeroon booda garuu jireenyi kiyya jijjiiramee hidhaadhaaf saaxilame.
Nama abbaa warraa kiyya ta’e waliin wal argine, ulfaa’ee daa’ima gammachuu kiyyaaf sababa ta’e dahe.

Madda suuraa, Jadwiga Bronte
Yeroo sanitti abbaan warraa kiyya maatii biraa, jireenya biraa qaba ture. Daa’ima kiyyatti baay’ee boona, innis waggaa tokkoo fi ji’a jaha ture.
Nama baay’ee na jaalatuu fi ani baay’ee jaaladhutu jira. Daa’imni kiyya waa hunda isaati, akkuma kan isaatti isa jaalata.
Kaayyoon kiyya mana hidhaa kanaa bahee daa’ima kiyya waliin duwwaarraa ka’ee jireenya kiyya jiraachuudha.

Aanaa fi intalashee Sooniyaa

Madda suuraa, Jadwiga Bronte
Haadha ijoollee afurii ture, yeroo hunda tattaaffadha abdii kutee hin beeku. Hojjachuu, muuziqaa dhageeffachuu, sagantaalee jaalalaa fi fiilmii jaalalaa daawwachuu jaaladha.
Obboloota kiyya sadi waliin guddadhe. Tasa ta’een haati fi abbaan kiyya ni du’a – obboloota kiyya waliin hariiroo gaarii hin qabu ture, waliin hin haasa’u.
Waggoota kudhaniif heerumee ture, dhugaa dubbachuuf maqaan abbaa warraa kiyyaa asirratti ka’uu hin qabu.
Yeroo dheeraaf gargar baanee turre. Ijoollee dhiiraa lamaa fi intalaa lama qaba.
Intalli tiyya isheen quxisuun ammaaf na waliin jirti.
Ijoolleen tiyya isaan biroo darbee darbee argaani. Isaan cinaa ta’uu dhabuu kiyyaaf baay’ee gadda.

Elenaafi mucaashee Vaaniwushaa

Madda suuraa, Jadwiga Bronte
Harmeen tiyya yeroo ani ganna sadi ture sanitti duute. Ijoollee afur qaba, obboleettiiniifi obboleessi kiyya hangafaa abbaa biraarraa dhalatan waan ta’eef gara Kaazaakistaan deeman.
Anii fi obboleettiin tiyya quxisuu eessuma keenya waliin jiraanne. Yeroon booda obboleettii tiyya maatii biraatiif kennan, ana ammoo dhaabbata ijoollee kunuunsuufi kennan.

Madda suuraa, Jadwiga Bronte
Dhiirri jaaladhe abbaa daa’ima kiyyaati. Inni mana hidhaa ture kanaaf dhaqee isa ilaala ture.
Yeroo hidhaadhaa bahu garuu dhufee mucaa isaallee hin ilaalle.
Mucaa ganna lamaa bareedaa fi cimaa ta’e qaba.
Yeroo asii bahu, hojjadhee mucaa kiyya barsiisuu barbaada. Innis dogoggora ani hojjadhe akka irra hin deebineefi fuldura gaarii akka qabaatuuf ni hojjadha.

Liwudmiilaafi mucaashee Luliyaan

Madda suuraa, Jadwiga Bronte
Hamma umuriin kiyya 19 guutuufi obboleettiifi abbaa fi haadha kiyya waliin jiraadhe.
Achi booda abbaafi haati kiyya gargar bahan.
Abbaan kiyya baay’ee na reeba ture, obboleettii tiyya na caalaa jaalata.
Yeroo ganna 20 turetti abbaa mucaa kiyyaa waliin jaalala keessa turre.
Carraa waan hin qabneefi yuunivarsiitii hin galle.

Anjeelaafi intalashee Aniwutkaa

Madda suuraa, Jadwiga Bronte
Yeroo ganna lama turerraa abbaa kiyya waliin guddadhe.
Abbaa kiyya qofa waliin guddadhus barnoota gaarii argadheera, inni baay’ee na gargaara ture.
Abbaan warraa kiyyaafi ati waggoota saddeetiif waliin turre.
Ijoollee jaha qaba – dhiira sadii fi intala sadi.Yeroo ammaa kanatti Aniwuktaa qofatu na waliin jira, isaan kaan mana jiru.
Ji’oota torbaaf isaan hin argine.

Raatafi mucaashee Nikoolaa

Madda suuraa, Jadwiga Bronte
Ijoollee dhiiraa lama qaba – Waan Rabbi isaan naa kenneef baay’ee gammachuu qaba.
Hamma obboleettiin tiyya duutuufi maatiin keenya keessatti namoota shan turre.
Guyyaa san irraa kaase haalli maatii keenya ni jijjiirame – keessummoota walitti taane.
Jaalallee Vaasil jedhamu qaba ture, innis yeroo hunda naafi adaadaa tiyya na guddistu cinaa ture.
Yaadannoon ijoollummaa kiyya inni gadeen adaadaan tiyya baay’ee na reebdi ture, sana booda ani manaa bahe.

Madda suuraa, Jadwiga Bronte
Ergasii naannoo biraa deemee hojjachuu jalqaba, sana booda gara biyya alaatti imalee achitti waggaa tokkoofi walakkaaf hojjachaa ture.
Guyyaa tokko wanti gadeen na mudatee mana hidhaa seene. Abbaa ijoollee kiyyaa waliin qunnamtiin hin qabnu, sababni isaas inni biyya alaa jira waa’ee ijoollees tasuma hin yaadatu waan ta’eefi.
Ijoollee isaa keessaa tokko na waliin mana hidhaa kana jira. Abbaa warra kiyya duraa waggaa tokkoo fi walakkaa ta’eera erga wal arginee.
Bara 2019’tti nama biraatti heerumeera. Abbaan warraa kiyya ammaa nama gaariidha – innis akka asii baanuuf waan danda’u godhaa jira.
Yeroo asii bahu hojii argadhee ijoollee kiyya guddisuu fedha.












