Pireezidaantiin Maalaawii Laazaaras Chaakweeraa ajajaa waraanaa ari'ame deebisanii muudan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Maalaawii haaraan Laazaaras Chaakweeraa ajajaa waraanaa biyyattii angoorraa pirezidaantii isa duraatiin ari'ame deebiisuun muudan.
Ajajaan waraanaa kunis aangoorra kan kaafamanii turan sababii loltoonni namoota hiriira mormii filannootiin walqabatee bahan irratti tarkaanfii fudhachuu didaniif ture.
Mr Chaakweraan Janaraal Vinsent Nundwee akka ajajaa waraana biyyattiitti deebisanii muuduun battalumatti hojiirra kan ooluudha jedhaniiru.
Bu'aa filannoo wal morkisiisaa Pitar Mutharikaa irra deebiin akka filatan ibsee turen wal qabatee, baatii Caamsaa darbee keessa biyya kibba Afriikaatti argamtu jeequmsaan guutanii ture.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Booda garuu garee abbootii seeraa shanitiin filannichi haqamuun akka baatii shan keessatti irra deebiin gaggeeffamu taasifame ture.
Filannoo irra deebiin akka haaraatti gaggeefameen ture Mr Chaakweraan mo'achunsaanii kan mirkanaa'e.
Yeroo sanattis Janaraal Nundween waraanni nageenyaa heera mootummaa biyyaa eeguuf gahee qaba jechuun midiyaatti himanii turan.
Guyyaa Kibxata darbee pirezidaantichi 'janaraalicha aangoorraa kan kaafaman' waan qabatamaa maleedha jedhanii turan.
''Kaayyoon kiyya miidhaa qaqqabeefi murtee haqa-maleessa dhaabbata ogummaa kan ta'ee loltoota keenya hunda irra gahee fayyisuudha,'' jedhaniiru wayita midiyaatti dubbataniitti.
Carraan janaraala wayita Janaraal Nundween aangoorraa ari'ataman mudamanii maala akka ta'e ammatti wanti barame hinjiru.
Haa ta'u malee, pirezidaantichi atattamaan mana maree waraanaa walgahiif waamuun waliin mari'achuun muudama ajajaa itti aanaa haaraa kan mar'atan akka ta'e pirezidaanticha caqasuun gabaasan.












