Maalaawiin filannoo irra deebii 'seena qabeessaaf' qophaa’aa jirti

Madda suuraa, Getty Images
Manni Murtii Heeraa Maalaawii bu’aa filannoo bara darbee haquu isaan ji’a shan booda Maalaawiin Kibxata filannoo pireezdaantummaa irra deebiin gaggeessuuf jirti.
Filannoo Caamsaa 2019 gaggeefameen Piraazdaantiin amma aangoorra jiru Piitar Mutaarikaa %38.5 mo’ateera jedhamee beeksifamee ture.
Ta’us garuu paartileen mormituu bu’aan kun rakkoo qaba himannaa jedhuun Mana Murtiitti falmaniiru. Abbaan seeraas yaada mormii dhiyaatetti waliigaluun bu'a filannoo fudhatama dhabsiiseera.
Mormitootni waliigaluudhaan kaadhimamaa pireezidantii tokko dhiyeessuun Pireezidant Mutaarikaa falmachuuf jedhu.
Ji’oottan darbaniif Maalaawiin rakkoo siyaasaa seenaa biyyattii keessatti argamee hin beekne keessa turteetti. Pireezdaantii fi paarlaamaan akka geeddaramuuf filachuuf lammileen miliyoonaan erga ba’anii waggaa tokko darbeera.
Filannoo irra deebiin Kibxata gaggeefamuuf jiru irratti garuu biyyattiin bakka lamatti qoodamteetti. Mootummaa mormuun hirirriifi hokkarrii biyyattii keessatti babbal’achaa jira.
Hogganaan Komiishinni Filannoo biyyattiis aangoo gadhiisuun gartuun haaraa filannicha hordofu bakka buufameera.
Filannoo kanaratti pireezdaantummaaf kan dorgomaan pireezdaanti amma aangorra jiran Pitaar Mutarikaafi partiilee mormituu walitti dhufan bakka bu’uun ogeessa siyaasaafi hogganaa amantaa kan turan Laazaras Chakweeradha.
Namni filannoo kana mo’atu kamuu hokkoraa waggaa darbe biyyattii addaa qoode furuuf itti gaafatamummaa ni qabaata.
Lammileen Malawii sagaleen isaanii dhaga’amee filannoon Kibxataa biyyattiif jijjirraa ni fida abdii jedhu qabu.














