Ijoolleen ganna 12 olii hundi maaliif maaskii akka keewwatan gaafatamee?

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa qajeelfama ijoolleen ganna 12 ol maaskii uffachuu qabu jedhu baase. Qajeelfamichi namoonni gurguddoo dhukkubicharraa of eeguuf maal gochuu akka qabanillee hima.

Hanga ammaa daa’imman akkamiin vaayirasii kana akka daddabarsan waan muraasa qofaatu beekama.

Haa tahu malee ijoolleen waggaa 12 ol jiran akkuma namoota gurguddoo akka dabarsan ragaan jira.

Daa’imman waggaa shanii fi isaa gadi jiran maaskii uffachuu hin qaban jedha Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa.

Hanga yoonaa addunyaa irratti namoonni 800,000 sababii vaayirasii kanaan yoo du’an. Miiliyoona 23 immoo dhukkubichaan qabamaniiru, jedha ragaan Yunivarsiitii Joon Hoopkiins. Lakkoofsi guddaan immoo Ameerikaa, Biraazilii fi Indiyaatti galmaa’e.

Haa tahu malee qorannoon gahaa gatii hin taasifamneefi kaan immoo mallattoo dhukkubaa waan hin agarsiifneef ammallee lakkoofsi namoota dhukkubichaan qabamanii kana caaluu akka danda’u amanama.

Lakkoofsi namoota haaraa dhukkubichaan qabamanii biyyoota Kooriyaa Kibbaa,naannolee Awurooppaa tokko tokkotti dabalaa jira, Libaananitti illee akkanuma.

Hogganaan olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adaanoom dhukkubichi waggaa lama booda akka baduu danda’u abdii qabaatanillee, saayintistiin gameessi UK immoo vaayirasichi bara baraan baduu dhiisuu danda’a,talaalliin yeroo yerootti kennamu illee barbaachisaa dha jedhu.

Qajeelfamni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ijoolleef baase maal jedha?

Qajeelfamni marsariitii dhaabbatichaa irratti barreefame garee sadii umurii ijoollee ilaallata.

-Ijoolleen ganna 12 ol maaskii keewwachuu qabu,akkuma namoota gurguddaa. Keesumaa fageenya isaanii yeroo eeggachuu hin dandeenyeefi naannoo tamsa’inni bal’aan jiru jiranitti.

-Ijoolleen waggaa jahaa hanga 11 gidduu jiran kan uffachuu qaban lafa tamsa’inni vaayirasii kanaa haalaan jira jedhamuuttii fi namoota dhukkubichaaf saaxilamuun carraa guddaa qaban kanneen akka manguddootaa biraa yoo tahani dha.Maatiin ijoolleen yoo maaskii isaanii baasanii fi keewwatan hordofuu qabu jedha.

-Daa’imman ganna shanii fi isaa gad jiran haala yaaddessaa hin taane keessatti maaskii keewwachuu hin qaban jedha

Barsiisotaaf Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa akkana jedha:’’Lafa tamsa’inni vayirasichaa guddaan jiruttu namootni gurguddoo ganna 60 gaditti jiran hundi maaskii uffachuu qabu.’’

‘’Keesumaa kun warreen ijoollee waliin waliitti dhiyaataniifi qaqqaban ilaallata.’’

Namoonni ganna 60 ol tahaniif dhukkuba cimaa qaban maaskii keewwachuu qabus jedha.

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa ijoolleen mana barumsaatti maaskii uffachuu akka irra jiraatu waan hime hin qabu. Haa tahu malee barnooti yoo jalqabu maaskii keewwachuun waan godhamuu qabu taha.

Firaans ijoollee ganna 11 ol jiraniif maaskii keewwachuu dirqama taasiftee jirti. UK illee qajeelfama ifatti baheen hin himiin malee mana barumsaatti maaskii uffachuu dirqama gochuun hin hafu.