Koronaavaayirasii: 'Covid-19 afaanin yoo dubbataniifi yoo dhukkubsatan gargari' - Ittiiqaa Tafarii

Sirboota warraaqsaa sirbuun Oromoota birattii daran kan beekamu weellisaa Ittiiqaa Tafarii erga koronaavaayirasiidhaan qabamee torbeewwan muraasni darbuu BBC'tti himeera.

'Dhukkubichi bakka akkasiitii na qabe jedhee hin beeku' kan jedhu weellisaan kun, bakki itti na qabuu hin oolu jedhee shakku garuu inuma jira jedha.

"Shakkiin koo gaafa obboleessi keenya weellisaa Haacaaluu Hundeessaa ajjeefame sana maaskii osuma hin godhatin hospitaala keessa asiif achi fiigaa turre."

"Ambottis yeroo awwaalchaa sana ana qofa osoo hin taane namni hedduun miira keessa waan tureef maaskii hin fayyadamne, shakkiin kiyya kanuma" jedha.

Erga Amboo deebi'ee miira dhukkubbii itti dhagahameen gara buufata fayyaa dhuunfaa deemuun dhuukkuba biraa akka ta'etti qorichi ajajameefii fudhataa akka ture hima.

Dhukkuba biraati haa jedhamu malee, mallattoon ofiratti argaa ture mallattuma koronaavaayirasii ture jedha Ittiiqaan.

"Qaamnikoo baayyee na dadhaba. Utaalloo gogaa ta'e sa'aatii sadiif osoo walirraa hin kutiinfaa na qufaasisa ture."

Ergasii gara biiroo fayyaatti bilbiluudhaan qorannoon taasifameefii booda koronaavaayirasiin irratti argamuun waan mirkanaa'eef jiddugala wal'aansa koronaavaayirasii galma barkumeetti torbee lamaaf yaalamaa ture.

"Kanin jiraadhu obboleettiikoo waliini. Isheenis qabamtee turte. Kan ishee garuu dhukkubni waan itti hin hammaanneef manumatti ofyaalaa turte. Animmoo torbeewwan lama galma barkumeetti hordoffiin naaf taasifamaa ture" jedha.

Torbeewwan lamaan galma barkumeetti dabarse haalan hamaa akka ture kan himu Ittiiqaan, deeggarsi ogeessota fayyaa fi kunuunsi namoota dhukkubsataniif taasifamu kan galateeffamuu malu ta'uu hime.

"Wanta nama yaaddessu keessa darbeera"

Weellisaa Ittiiqaa Tafarii yeroo ammaa koronaavaayirasiirraa guutumatti bilisa ta'uu baatus, guyyoota shaniin dura Galma Barkumeetii gara mana isaatti akka deebi'u ta'eera.

"Haalli naannoo kanaa nageenya keetiif nu yaaddessa naan jedhan" kan jedhu weellisaan kun, "nageenyuma kiyyaaf akkan manatti galee asitti deddeebi'anii na hordofan taasifame" jedha.

Guyyoota shanan erga Galma Barkumeetii bahe kanattis mana isaatti deddeebi'uun hordoffii gaarii taasisaafii jiraachuu eereera.

Yeroo ammaa kanattis Koronaavaayirasiin qaama isaa keessaa guutumatti badee hin raawwatin malee fayyummaa gaariirra akka jiru himeera.

"Hawaasni Oromoo karaa hundaan na gaafachaa, waa'ee kiyyaaf cinqamaa turtan hunda nan galateefadha. Ani amma fayyummaa gaarirran jira. Wanta nama yaaddessu keessa darbeera" jedhe.

Torbeewwan muraasa dhukkubbii cimaadhaan dabarserraas hawaasni dhukkubicha salphisee ilaaluu akka hin qabne dhaameera.

"Qufaan isaa baayyee hamaadha. Harka lamaan mataa qabadheen qufa'aa ture. Baay'ee baay'ee ulfaataadha hamma himamuun olitti."

"Dhukkubicha afaanin yoo dubbatanii fi dhukkubsatanii yoo argan wal adda, of-eegannoon baay'ee murteessadha" jechuun dhaame.

Ittiiqaan welluu haaraa 'Galma Dhugaa' jedhu xumuree kiliippii hojjechaa osoo jiruu sababa dhukkuba kanaatiin adda kutuu fi akkuma dhukkubicharraa dandamateen sirba haaraa dinqisiifattoota isaatiin akka gahu BBC'tti himeera.