Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasi: Ministirri Zimbaabwee malaamaltummaa koronaavaayirasiitiin himataman
Ministirri Fayyaa Zimbaabwee himannaa waldhahiinsa bittaa meeshaalee fi qorannoo koronaavaayirasitiin malaammaltummaan himatamanii Haaraareetti mana murtiitti dhiyaachuuf.
Ministiriichi Obaadi'ah Moyoo erga dhaabbileen siyaasaa mormitootaafi miidiyaalee hawaasummaa motummaarratti dhiibbaa taasisaniin booda Jimaata darbe to'annaa jala oolfaman.
Osoo haala adeemsa barbaadamu keessa hin darbiin dhaabbata biyya Haangaariitti galmaa'e tokkoof kontraanni bittaa doolaara miliyoona 20 kennameef.
Haa ta'u malee to'atamu Mr Moyaa kana ilaalchisees motummaan yaada homaatu hin kennine.
Erga Emersan Maaniinguwaan gara aangootti dhufanii asi aanga'aan sadarkaa minisitiraa wayita malaamaltummaan himatamu kan ammaa kun nama lammaffaati.
Haala waliigaltichaattis osoo Abbaa taayitaa Galmeewwan Bittaa Biyyattii irraa hayyama hin argatiin dhaabbata erga galmaa'ee baatii lama qofaa galmeesisee waliin raawwatame jedhameera.
Dhaabbilee paartii mormiitootaas kanfaltii Doolaara miiliyoona lama dhaabbata 'Drax Consult' jedhamuuf raawwatameerratti yaaddoo qaban ibsaniiru. Kanfaltichis aanga'oota Haangaariitiin baatii Bitooteessaa keessa kaafamee ture.
Torban darbe keessa ammoo Zimbaabweetti daladalaa fi bakka bu'aan dhaabbatichaa akka ta'an amaname Delish Nyuwaayaa sababiidhuma kanaan walqabatee torban darbee keessaa to'annoo jala oolfamaniiru.
Dhimmi kunis jalqaba midiyaalee hawaasaa irratti ifa taasifamusaa gabaasaan BBC Haraareetti argamu Shingaayi Nyokaa ni dubbata.
Namoonnis namni daldalaa kun attamiin kaampaanii haaraa hundeessuun kontiraata dolaara miliyoonata baasuu fudhachuun qorichootaafi meeshaalee dhiyyeessuu danda'e jechuun gaaffii kaasaa turan.
Sanaaafuu gatii baayyee ol ka'aa ta'een jedhamaa ture.
Motummaanis kontraata dhaabbaticha waliin ture hunda haquusaa gaazexaan biyyattii 'Herald' jedhamu gabaaseera.
Zimbaabweetti namoonni gara 500 ta'an vaayirasichaan qabamuun kan mirkanaa'ee yoo ta'u, lakkoofsi dhugaa kana akka caalu malu himama.
Kana malees biyyattii waggoota kudhanii oliif kufaatiin dinagdee cimaan mudateera. Akkasumas tajaajila dadhabaafi malaamaltuummaa mul'ataa jiruun walqabatees uummata jidduutti aarii olaanaan umameera.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras