Joorji Filooyid: Al-Qaayidaan tasgabbii dhabuu Ameerikaatti fayyadamuuf yaalii taasise

Al-Qaayidaan yeroo Ameerikaan tasgabbii dhabdu kanatti akka carraatti itti fayyadamuun namoota Musliima ta'anii fi hin taaneellee dubbisuun akka isaan "hacuucamaa" jiran ibsataniif yaalii taasisaa jira.

Gareen kun barruu 'One Ummah' jedhamu intarneetiirratti bahuun suuraalee Joorji Filooyid fayyadamuudhaan daandiiwwan Ameerikaarratti ergaa isaanii dabarfachaa jiru.

Ergaa namoota biyyatti keessa jiraniif dabarseen, Ameerikaan nu kufti, sirni siyaasaa fi diinagdee akkasumas hawaasni ishii ni diigama jedhe.

"Hiriirri mormii meeshaa hidhannoo taasifamu guutuu Ameerikaattii ni ta'a fi wal waraansis waan oolu miti" jedha barreeffamichi.

Ergaan tokko akkas jedha: "Warri dimookiraatotaa isin hin gargaarran nuti garuu isin gargaaruu dandeenya."

Gaazexeessituun BBC Monitoring kan taate Minaa Al-Laamii garee al-Qaayidaa fi IS jidduu garaagarummaan ni jira jetti.

IS tasgabbii dhabuu Ameerikaatti gammachuu qaba akkasumas tasgabii dhabuun kun gara biyyoota birootti ce'a jedhee raaga.

Al-Qaayidaan garuu lammiilee Ameerikaa dubbisuudhaan akka isaan Islaamummaa inni hordofutti jijjiiramanii fi hojiisaa akka hordofan barbaada jetti Minaan.

Barreeffamni barraa'ee sun nama taatee Ameerikaa keessatti adeemaa jiru haalaan beekuun barreeffame.

Deebi'uuf carraaqqii taasifamu

Waggoota dhihoo as al-Qaayidaan morkataasaa ISn haguugameera. Yuunivarsiitii Koolleejjii Landan irraa Dr Shiraaz Mahaar, al-Qaayidaan ammas sochii akka taasisaa jiru mul'isuuf yaaliirra jira jedhanii amanu.

"Yeroo ammaa kanatti hiriirrii jibbaa sanyummaa taatee guddaadha... Kunis guutuu addunyaarratti kan dhiibbaa geessisaa jiruu fi taatee siyaasaa fi miidiyaa ol ta'ee aadaa irratti dhiibbaa fiduudha," jedhan Dr Mahaar.

"Kanaafuu al-Qaayidaan gara bakka sanii deemee 'ilaalaa, as jirra kunoo' jechuuf yaalaara" jedhu.

Gareen al-Qaayidaa yeroo Osaamaa Bin Laadiniin hogganamu sanitti Ameerikaatti gocha shorarkeessummaa seenaa biyyattii keessatti isa hamaa ta'e Fuulbaana bara 2001'tti raawwateera.

Iraaq keessatti namni sigaaraa xuuxu yoo argame akka qubnisaanii muramu taasisaa ture. IS dabalatee guutuu addunyaarratti haleellaa adda adda raawwateera.

Al-Qaayidaan darbee darbee haleellaawwan adda addaa ni raawwata. Fakkeenyaaf gargaarsa Sawudiitiin Muddee bara 2019 Filooridaatti haleellaa raawwateera.

Hamma ammaatti gareen lamaanuu ummata US irraa gargaarsa hin arganne. Magaalonni Awuroppaa haleellaawwan garee jihaadistootaaf eega bara 1990'oota hamma ammaatti bakka mijataa ta'aniiru.

Ji'oota hedduuf qondaaltonni tikaa Awuroppaa al-Qaayidaan badee akka hin jirre akeekkachiisaa turan. Deebi'uudhaan haala mijataa eeggataa ture.

Gareen lamaanuu Covid-19 US fi UK irraan miidhaa hamaa geessiseerra jechuun ibsaniiru. Kunis badii isaan biyyoota Baha Jiddu Galeessaa irratti raawwataniif adabbiidha jedhu.

Ta'us garuu Iraan keessatti namoonni 175,000 vaayirasichaan yoo qabaman, Masrii keessatti ammoo lakkoofsi namoota guyyatti qabamanii 2,000 ta'aara.

Humna tikaa Awuroppaarratti yaaddoo ta'uu

Gareen kun yeroo ammaatti hiriiraa mormii US'tti ajjeechaa poolisootaan raawwatamaa jiranii fi loogummaa sanyummaarratti jiru kanatti fayyadamuuf yaalii taasisaa jira.

Namoonni hiriiraa mormii kanarratti hirmaataa jiran yaalii gareen kun gochaa jiru yoo kan hubatan taate isaan biratti fudhatama waan qabaatu hin fakkaatu.

Al-Qaayidaan garee shorarkeessummaa haleellaa Fuulbaana 11 bara 2001 raawwateen lubbuu lammiilee Ameerikaa 3,000 ta'an galaafateedha.

Dr Shiraaz Mahaar waggoota 20'f garee kanaa fi ilaalchaasaarratti qorannoo kan taasisan yoo ta'u garichi carraa argatetti fayyadamuu barbaada jedhanii amanu.

Waan gareen kun itti jiru yoo ibsan nama qurxummii kiyyeessuuf bishaan keessatti saaphana darbatetti fakkeessu.

Mormitoota keessaa nama tokko yoo argatan itti dhimma bahanii "ilaalaa akkamitti akka milkoofnee" jechuudhaafi jedhan Dr Mahaar.

"Inni kun bu'aa bayii humni tikaa Awuroppaa fi seera kabajiiftonni yeroo haleellaa akkaanaa dadhabsiisuuf yaalaanitti isaan mudatuudha" jedhu.