Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hamzaa Bin Laadin: Ilmi hogganaa al - Qaayidaa akka du'e Tiraamp mirkaneessan
Pirezidantiin Yunaayitid Isteet Donaald Tiraamp Hamzaa Bin Laadin, ilma Osaamaa Bin Laadin, duula Ameerikaatin gaggeeffamen akka du'e mirkaneessan.
Ilmi hundeessaa al - Qaayidaa ji'a darbe akka du'e miidiyaaleen Yunaayitid Isteet qondaaltota tikaa waabeffachuun gabaasanii turan.
Hamzaa Bin Laadiniitin Ameerikaan waggaa lama dura shororkessaa idil - addunyaa jettee turte.
Abbaa isaa bakka bu'a jedhame tilmaamame ture. Umriin isaa 30'tti kan tilmaamamu yoo ta'u Ameerikaafi biyyoota kaan irratti haleellaan akka raawwatu ajaja dabarsee ture.
''Hamzaa Bin Laadin, miseensa al - Qaayidaa olaanaafi ilmi Osaamaa Bin Laadin, duula farra shorokessummaa Yunaayitid Isteet naannoo Afgaanistaan/Paakistaanitti taasisten ajjeefame,'' jedhan ibsa Waayit Haawus irraa gadhiifame irratti.
''Duuni Hamzaa Bin Laadin al - Qaayidaatin hoggansa ogummaa qabu dhabsiisuufi nama abbaa isaa waliin firooma qabu dhabsiisun ala, hojii garee kanaa ni laaffisa,'' jedhan.
Ibsi kuni duulli kuni yoom akka gaggeeffame hin ibsu.
Guraandhala darbe mootummaan Yunaayitid Isteet lafa inni jiru nama dubbatef dolaara miiliyoona 1 (birrii miiliyoona 30'tti siqu) akka kennu beeksisee ture.
Hamzaa Bin Laadin hogganaa al - Qaayidaa ta'uf nama jiru akka ta'etti ilaalame.
Baatii Hagayya darbe duula waraanaa waggoota lamaan darban taasifameefi mootummaan Ameerikaa qooda keessatti fudhaten akka ajjeefamne gabaafame ture. Yeroo fi guyyaa kam akka ta'e garuu hin ifaa miti.
Waa'ee al - Qaayidaa
- Yeroo Arabootni fedhii isaaniin waraana mujahidiin Ameerikaan deeggaramuufi waraana Sooviyeet lafa isaaniirraa ari'uf itti seenanitti al - Qaayidaan bara 1980 keessa Afgaanistaanitti hundaa'e
- Osaamaa Bin Laadin namoota fedhii isaaniin waraanatti seenan kana gargaaruuf dhaabbata hundeesse. Dhaabbanni kunis al - Qaayidaa (''bu'uura''0 hundeesse
- Bara 1989 Afgaanistaan gadhiise bahe. Bara 1996'tti immoo kaampiiwwan waraanaa Musliimotni alaa dhufan itti leenji'an hogganuu jalqabe.
- Al - Qaayidaan ''waraana qulqulluu'' lammiilee Ameerikaa, Yihudotaafi michuuwwan isaanii irratti labse