Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bin Laaden: US barbaacha ilma Osaamaa, Hamzaa qabee fiduuf badhaasa qopheessite
Yuunaayitid Isteetis odeeffannoo ilma Osaamaa Bin Laaden, Hamzaa argachuuf jecha badhaasa doolaara Ameerikaa miiliyoona tokko qopheessite.
Hamzaa Bin Laaden, dargaggeessi umurii waggaa 30, akka hoogganaa garee Alqaa'idaatti lafaa dhufaa jira.
Daangaa Afgaanistaan fi Paakistaan gidduu akka jiru himu qondaaltonni.
Hamzaan tibbana Yuunaayitid Isteetis fi firoottan ishee haleeluurratti kan fuulleffatu ergaa suuraa fi viidiyoodhaan gadi dhiisee ture.
Kana kan kaayyeffateef haaloo abbaasaa bahuuf akka tahe dubbata Hamzaan.
Yuunaayitid Isteetis bara 2011 ture Osaamaa Bin Laadeniin Paakistaan mooraa Abbotabad keessatti kan ajjeeste.
Hamza Bin Laaden waggaa lama dura ture akka shororkeessaa idil addunyaatti Ameerkaadhaan kan moggaafame.
Osaamaa Bin Laaden ilmasaa Hamzaaf aangoo dabarsee kennuuf akka ture xalayaan mooraa inni itti du'e keessaa argame ni mul'isa.
Hamzaa Bin Laaden waggoota dheeraaf Iraan keessa haadhasaa waliin jiraateera, achitti gaa'ila godhate jedhamees yaadama.
Gabaasonni biroon ammoo Paakistaan, Afgaanistaan, yookiin Siiriyaa keessa jiraachaa akka ture kan mul'isan jiru.