Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: “Yaa pireezidaantii keenyaa, yaboo siin jenne bilisa nu baasi!”-Lammilee Keeniyaa
Lammiileen Keeniyaa sababa uggura tatamsa’ina Covid-19 ittisuuf labsameen yaaddoo hamtuu keessa jirra jechuun Pirezedaantiin biyyattii akka irraa laaffisuuf 'yaboo' nu mulladhu jechaa jiru. Yaaddoo isaan keessa jiraniifi kadhaa isaan pirezedaantiisaaniif dhiyeeffatan kan taajjabee barreesse ammoo Gaazexessaan Jooseef Waruunguuti.
“Pireezidaantii keenya, yaboo siin jennee – maaloo, bilisa nu baasi!”
Akkas jechuun kan kadhatan namoota wirtuu keessatti adda of baasanii yookiin sababa maaskii hin godhanneef poolisiidhaan to’annaa jala oolfamanii jiran miti.
Kadhannaan lammiilee Keeniyaa kun kan warra uggurraan labsame jireenya itti hammeessedha.
Osoo pireezidaantichi gaafa Sanbataa ummataaf ergaa hin dabarsiin dura miidiyaan hawaasummaan baacoo, kadhannaafi viidiyoo akka inni uggura laaffisuuf guutamee ture.
Isaan keessa viidiyoon Afaan Iswaahiliidhaan koomediyaaniin Mituumee Orroosan pireezidaanticha waliin yeroo waliin dubbii taasisu agarsiisa.
Waliin dubbiin gabaabaansaa kunooti:
Komeediyaan: Uhuruu, yoom bilisa nu baastaa?
Pireezidaant: Torbee sadii booda…
Komeediyaan: Kun dogoggora… Sa’aatii sochii erga daangessitee booda poolisiin akka nu reebu taasifte.
Pireezidaant: Ana miti… Ani eenyunillee hin ergine…
Komeediyaan: Guyyaa tokkofillee ta’u mana shubbisaa bantaa…biiraa tokkoon qoonqoo kiyya akka qulqulleeffadhuuf. Yeroo manni shubbisaa hundi cufame kanatti maal godhuu?
Pireezidaant: Balbala gara duubaatiin jiru fayyadami…
Komeediyaan: Haayi! Yoo poolisiin na qabde hoo?
Pireezidaant: Of irraa qolachuu qabda… isaan kunneen baacoo hin beekan!
Namoonni hedduun sa’aatiin sochii galgalaa waan daangeffameef baay’ee itti ulfaateera. Gara kaawontiiwwan biraa deemuufi achiis bahuun magaalaa guddoo Naayiroobii dabalatee, cufamuun manneen barnootaa, dhugaatii, shubbisaafi dhaabbileen amanataa cufamuunsaanii haalaa baay’ee ulfaata jedhu.
Erga weerarri kun biyyattii keessatti mul’atee as namoonni miiliyoona 1.2 ta’an hojiisaanii dhabaniiru.
Pireezidaantiin Taanzaaniyaa Joon Magufuuliin ammoo biyyasaanii keessaa koronaavaayirasiin badeera jechuun yaada falmisiisaa kennaniiru.
Magufuuliin uggura hin labsinu jedhanii kan turan yoo ta’u, uggura Keeniyaafi biyyoota ollaa birootti labsameef xiyyeeffannaa kan kennan fakkaatu.
Lammiileesaaniitiin ammoo akkas jedhaniiru: “Yeroo nuti qonnarra turre sanitti namoonni muraasni sababa uggura labsaniif ammatti hanqinni nyaataa isaan mudateera.
“Amma nyaata keenya haa kaawwannu. Gurguruuf yoo murteessinu immoo gatii ol ka’aadhaan gurgurra!"
Namoonni hedduun pireezidaant Uhuuruun sektaroota diinagdee ni banu jedhanii eegaa turan. Ta’us garuu pireezidaantichi bakkeewwan muraasatti daangeffama sochii sa’aatii 10 kan ture gara torbatti gad buusan.
Pireezidaantichi halkan alatti mul’ataniiru
Viidiyoon CCTV’dhaan waraabame miidiyaa hawaasummaarra naanna’aa ture akka mul’isutti, namoonni lama kan pireezidaant Uhuuruu fi MM duraaniifi hogganaa mormituu Raayilaa Odiingaa fakkaatan galgalaan yeroo hojiilee daandii hojjatamaa jiran daawwatan agarsiisa.
Konkolaataan sunis poolisoota meeshaa haalaan hidhatan qaba ture.
MM duraanii nama hojii murteessoo hojjatan miti, kunis namoota xalayaa galgala bahuu akka danda’aniif poolisiitti agarsiisan qabaniidha.
Namoonni biroo galgala bahuu danda’an namoota “halkan fiigdota” ta’aniidha. Namoonni kunneen keessumaayyuu baadiyaa keessatti halkan halkan fiiganiifi ollaasaaniitti sodaa uumaniidha.
Namoonni lamaan kunneen immoo namoota hayyama asii olitti eerman qabanii miti.
Taateen kun uggurri jiraatus sochiileen siyaasaa jalqabuuf deemuusaanii kan mul’isuudha.
Pireezidaant Uhuuruun bara 2022 turtii aangoosaanii ni xumuru. Isaanis ashaaraasaanii tokkummaafi guddinna eegsisuu barbaadu.
Itti-aanaa pireezidaant taphaan ala godhuu
Pireezidaant Uhuuruufi Obbo Odiingaan erga bara 2018 harka wal fuudhanii as dhiheenyatti waliin hojjataa jiru.
Pireezidaantii itti aanaan Wiiliyaam Ruutoo hariiroon isaan lamaanii kun hariiroosaan pireezidaant Uhuuruu waliin qaban miidhuu danda’a sodaa jedhu qabu.
Sochiileen siyaasaa akkuma jiru kanatti Covid-19 Keeniyaa keessatti dabaluu danda’a.
Mootummaan ji’oota Hagayya yookiin Fuulbaana keessa yeroo guyyaatti namoonni 200 qabaman dhufuu heda jedha.