Koronaavaayiras: Manni fincaanii xiyyaararratti akka dhorkamu yaadni dhihaate

Imaltoota

Madda suuraa, Getty Images

Imaaltoonni xiyyaaraan imalan balaliirratti mana fincaanii akka hin gargaaramne daangessuun akka ofeggaannoo Covid-19 tti gorfama jedhe Ejensiin Biyyoota Gamtoomanii.

Kana malees, tajaajilli nyaataa fi dhugaatii wayita balalii xiyyaaraa gaggabaaboorratti kennamu akka adda citu qajeelfamni dhaabbanni Siivil Aviyeshinii Idila-addunyaa (ICAO) baase kan gorsu.

Qajeelfamni kunis imaltoota fi balaliistota vaayirasicharraa tiksuuf karoorfame.

Sababii weerara vaayirasii kanaan indastiriin balalii qorre bu’aa Paawundii bil 314 bara 2020 dhabsiise jedhe dhaabbatichi.

Uggura sochii addunyaarratti sababa weerara dhibeetiin mudateef balaliin xiyyaarota daangeffamee lakkoofsi imaltootaas haalaan hir’ateera.

Amma uggurri sochii laafuu eegallaan dhaabbatichi qajeelfamoota haaraa nageenyaa imaltoota fi balaliistotaaf barbaachisadha jedhe ifoomsaa jira.

Haata’u malee, imaltoonni xiyyaara keessatti walirraa akka hiiqanii gorsuurra of qusateera. Ta’us, imaltoonni teessoo adda addaarra taa’u qabu jedhe.

Itti dabaluunis, lakkoofsi imaltoota akka xiqqaatu, shaanxaa xixiqqoo harkatti qabatamu akka fayyadamaniitu eeyyamama.

Kana malees, meeshaleen qaraxarraa bilisaa ta’an kanneen akka dhugaatii alkoolii hin gurguraman, akkasumas gaazexaa fi barruuleen yeroof akka dhorkaman jaarmiyaan Biyyoota Gamtoomanii kun ibseera.

Qajeelfamni haaraan kun buufataalee xiyyaaraa, xiyyaarota daldalaa fi mi’aa fe’an keessattis hojiirra oolfama.

Akka fayyaa hawaasarraa balaaf hin saaxilleef of eggannoo maaskii keewwachuu fi waliirraa hiiquu gorfaman akkaataa barbaachisummaasanitti hojiitti hiikama jedha jaarmiyaan kun.

Kana malees, imaltoota mallattoon Cov-19'n irratti mul’achuuf dhiisuu ho’ii qaamasaani ni sakatta’ama, iddoo tajaajilli itti kennaman irra deddeebiin qulqulleeffamu, akkasuma tuttuqa namoota dhibichaaf saaxilaman wajjin qabaachuun isaanillee ni ilaalama.

Hojjattoota tajaajila balalii kennaniif meeshaleen ofeggannoo kanneen akka golgaa harkaa, maaskii, golgaa ijaa guugili fi gaawoniin akka guutamuufi qabu qajeelfamni kun kan ibsu.

Buufataaleen xiyyaaraa teeknolojii tuttuqaa namaarra bilisa ta’aan kanneen akka teeknoloojii agartuu ijaa fi fuula iskaan godhu fi borsaa ofiif buufachuuf fayyadanitti gargaaramuu akka qaban gorsa.

Tooftaleen teeknolojii tuttuqaarraa bilisaa kunis hojjattoota fi imaltoota gidduutti tuttuqqaa mudatu akka xiqqeessu jaarmiyaan Biyyoota Gamtoomanii kun ibseera.