Koronaavaayiras: Biyya kamtu hunda caalaa covid 19 to'achaa jira?

Erga koronaavaayiras addunyaa weeraree ragaa biyyoonni gama kanaan qaban waldorgomsiisuun yaada namoota hedduuti, garuu kun waan akkaan jabaadha.

Lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii, kanneen lubbuu dhabanii fi kannen bayyanatan kan biyyoota addunyaa walbira qabuun baruun waan hubatamu miti.

Fakkeenyaaf Ameerikaa biyya baay'inni uumatashee miiliyoona 330 ta'e keessatti namoota 40,000 caalantu du'an.

Biyyoota Dhiha Awurooppaa Jarmany, UK, France, Italii fi Ispeen kan walii galatti baay'inni uummataasaanii miiliyoona 320 ta'u keessatti namoonni 85,000 caalan vaayirasii kanaan.Kanaafuu namoonni biyyoota shanan kanneen keessatti covid 19 du'an kan Ameerikaa keessatti du'an dachaa lama ta'a jechuudha.

Kanaafuu daataa biyyootaa tokko tokkoon waliin dorgomsiisuun odeeffannoo dhugaa argachuun rakkisaadha.Du'a lakkaa'uuAkkaataan biyyoonni du'a sababa covid 19 raawwate lakkaa'an adda adda.Fakkeenyaaf Firaansi namoota manasaatti du'an dabalatee du'a hunda ni galmeessiti, Ingilaandi ammoo kan hospitaala keessatti du'an qofa galmeessiti.

Du'a sababa covid 19 uumame akkamiin lakkoofna kan jedhurratti wanti walfakkaataan akka addunyaatti taa'e hin jiru.

Akkaataan lakkoofsa namoota du'anii dabalaa deemu yookiin hir'ataa deemu itti galmeessanis garaagara.Tokko namoota qabaman keessaa hanganatu du'an jedhanii galmeessu, kaan ammoo namoota akkaan dhibamanii hospitaala seenan keessaa lakkaa'u.

Fakkeenyaaf UK keessatti namoota dhibamanii hospitaala seenan keessaa nama meeqatu du'e jedhamee galmaa'a, kunimmoo lakkoofsi namoota du'anii biyyoota kaan caalaa akka saffisaan dabalu godheera.

Akkaataan du'a itti galmeessan kan biraan ammoo baay'ina uummata biyya sanaa keessaa nama meeqatu du'e kan jedhuudha.

Dhiibbaa siyaasaaBiyyoota sirni siyaasaa olaantummaa jabaa qabu keessatti daataa guutuu argachuun rakkisaadha. Fedhiin qaamolee siyaasaa keessa jiraata waan ta'eef.

Fakkeenyaaf ragaan Chaayinaa fi Iraan dhugaadhaa? Hin beeknu.Namoota miiliyoona tokko keessaa nama meeqatu du'e jedhamee yoo herregamu lakkoofsi Chaayinaan dhiyeessaa turte baay'ee gadi bu'aadha.

Kanaafuu, daataa biyyoonni siyaasi isaanii olaantummaa guddaa qabu amanuun danda'amaaree, hin fakkaatu.

Dhiibbaa lakkoofsa uummataa

Haalli baay’ina uummataa biyyaa biyyatti adda adda.

Fakkeenyaaf akkaataan duuti sababa koronaavaayirasiin itti galmaa’u kan Awurooppaa fi biyyoota Afriikaa baay’ee adda adda.

Sababni isaa biyyoota Afriikaa keessatti namoota umuriin dargaggeeyyiitu baay’atu, Awurooppaa keessa garuu kanneen jaarantu heddummaatu.

Dhibeen Covid 19 ammoo namoota umuriin jaaran daran miidha.

Tajaajila wal’aansaa fooyya’aa ta’e kanneen qaban biyyoonni Awurooppaa biyyoota Afrrikaa tajaajilli wal’aansa fayyaa gadi bu’aa ta’e garuu uummata hedduu qaban waliin yoo wal bira qabamee ilaalamu yaaddoo guddaa biyyoota Afriikaatti uuma.

Garuu wanti guddaan dhuguma uummanni qoratamuuf fedhii qabaa? Wal’aansi ga’aan jiraa kan jirus gaaffii biraadha.

Kanarratti baay’inni uummataa yoo dabalamemmoo miidhaan akkasuma hammaata.

Qorannoo gaggeessuu

Biyyoonni wayita weerarri koronaavaayiras eegalu qorannoo jalqaban weerara vaayirasichaa to’achuuf daran milkaa’aa jiru.

Fakkeenyaaf Jarmanii fi Kooriyaan Kibbaa gama kanaan hojii dursanii hojjetaniin lammiileesaanii hedduu du’arraa baraaraniiru.

Kanaafuu akkaataan qorannoon vaayirasichaa itti gaggeeffamaa ture hamma namoota du’aniirratti dhiibbaa guddaa qabaata.

Gama kaaniin fakkeenyaaf Italiin erga vaayirasicha daran faca’ee booda qorannoo cimaa gaggeessuu eegalte, garuu milkaa’uu hin dandeenye, namoota hedduu dhabde. Uk’nis akkasuma.