Magaalaan Chaayinaa Wuhaan uggura torbee 11 booda sochiitti deebite

Magaalaan Chaayinaa koronaavaayirasiin jalqaba keessatti argame Wuhaan uggura sochii ji'ootaatiin booda jiraattonni ishee akka socho'an hayyamte.

Appii fayyaa bilbila moobaayilii isaaniirra jiru irratti mallattii 'magariisa' kan qaban (fayyaa ta'uun isaanii kan mirkanaa'e) hundi erga Amajjii 23 magaalattii keessatti sochiin ugguramee as yeroo duraaf manaa bahanii socho'uu danda'u.

Imalli baaburaafi konkolaataa irra deebiin akka eegalamu ta'eera.

Kunis erga weerarro vaayirasichaa mudatee Chayinaan osoo namni tokko jalaa hin du'iin ooltee buluu beeksiftee guyyaa tokko booda ta'e.

Namoonni miliyoonni 11 kana keessa jiraatan magaalaan Wuhaan wayita weerarri vaayirasichaa mudate, tatamsa'ina isaa ittisuuf ture kana cufamte.

Sochiin geejjibaas ta'e daldalaa cufaa ture, namoonnis manaa bahuu hin danda'an ture.

Aanga'oonni tarkaanfii kana fudhachuun isaanii weerara vaayirasichaa to'achuuf daran akka isaan gargaare dubbatu.

Maaltu hayyamame?

Torbe darbe guutuu magaalattii keessa namoonni haaraan vaayirasichaan qabaman hin turre.

Sana hordofuun jiddugalawwan gabaa gurguddoo banamuu kan eegalan.

Namoonni olllaa vaayirasicharraa bilisa ta'uun mirkanaa'ee keessa jiraatanis sa'aatii lama qofaaf gadi bahuun hayyamameefi ture.

Roobii kaleessaa irraa eegalee garuu jiraattonni socho'uu akka danda'an hayyamameera. Geejjiba uummataas fayyadamuu danda'u.

Fayyaan jiraattota kanaa garuu koodii QR moobaayilii isaaniirra jiruun hordofama.

Namoonni dhiyeessii meeshaalee fayyaa irratti hojjetaniifi kanneen meeshaalee bu'uuraa oomishan hojiitti akka debi'anis hayyamameeraaf.

Indastiriiwwan gurguddoo omishaafi dhiyeessii biyyattii fi kan addunyaarratti dhiibbaa qabaatanis hojii ni eegalu.

Balaliiwwan xiyyaaraa 200 namoota 10,000 geejjibsiisanis Roobii Wuhaan irraa ka'anii bakka gara garaatti balali'u jedhamee eegama.

Manneen barnootaa garuu yeroof akkuma cufamanitti turu.

Magaalota biroo akka Beejing kan Wiixata namooti vaayirasichaan qabaman haaraan 31 keessatti argaman hundi akkuma cufamanitti turu.

Namni haaraan gara magaalattii seenu kamuu guyyaa 14'f adda baafamee tura, fayyaan isaas ni sakatta'ama.

Ammatti Chaayinaaf yaaddoo ta'aa kan jiru namoota vaayirasicha qaban garuu gonkumaa mallattoo hin agarsiifne 'asymptomatic' jedhamanidha.

Namoota akka kanaa 1000 ol argachuu ishee biyyattii beeksfitee jirti, ammas qorannoo cimsitee itti fufteetti.

Erga weerarri vaayirasichaa mudatee as Chaayinaa keessatti namootni 3,300 kan du;an yoo ta'u lakkoofsi namoota qabamanii 81,740 irra jira.

Haa ta'u malee lakkoofsi Chaayinaa kun sirnaan hin gabaafamne jedhamee mootummaa biyyattii irratti qeeqa jabaatu ka'aa jira.

Mootummaan biyyattii garuu karaa miidiyaa biyyaalessaa ragaa kana guyyaa duraa irraa eegalee bal'inaan dhiyeessuun sirrii ta'uu amansiisuuf yaaliitti jira.