Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Qorichi busaa Tiraamp fi Indiyaa waldhabsiisaa jira
Hariiroon Pirezedaantii Ameerikaa Doonaald Tiraam fi Ministirri Muummee Indiyaa Naandiraa Moodii ji'oota dura cimaa ture. Tibba kana garuu Tiraamp Moodii akeekkachiisan.
Tiraamp akka tasaa qoricha dhukkuba busaa Hayidirookiloorookin jedhamu Indiyaan kuufattee qabdu anatti gurguruu baattee jennaan tarkaanfiin fudhadha jechuun dubbatan Tiraamp.
Ministirri muummee Indiyaa Moodiin ammoo kaleessa ittin yaadaa yeroo naaf kenni jechuun dubbate. Har'a garuu akeekkachiisa Tiraampiin booda "qorichicha isin dhowwachuuf murteessineerra" jedhan.
Moodiin Indiyaan qorichicha biyyoota koronaavaayirasiin miidhamaniif kennuudhaaf murteessisteetti jedhan. Haasaan isaan kun ammoo adabuuf dhaadachuu Tiraamp booda ta'uun isaa gabaafameera.
Ogeessonni fayyaa garuu qorichi busaa kun dhukkuba koronaa ni fayyisaafi hin fayyisuu wanti beekameeru hin jiru jechuun akeekkachiisaniiru.
Qoricha Ameerikaafi Indiyaa walitti buuse
Tiraamp kanaan dura ummata duratti qorichi busaa kun dhukkuba koronaavaayirasii ittisuudhaaf ni gargaara jedhaniiru. Dilbata darbes gara Naandiraa Moodiitti bilbiluudhaan atattamaan qoricha kana nuuf ergaa jedhan.
Ministirri Muummee Indiyaa Naandiraa Moodii ammoo warshaaleen qoricha busaa kana omishan akka biyya alaatti hin ergine dhorkanii turan.
Akeekkachiifni Tiraamp ammoo murtee isaanii akka dafanii jijjiiran taasisuu hin oolle.
Kan nama ajaa'ibu ammoo murteen Nandiraa Moodii kun yeroo lakkoofsi namoota koronaavaayirasii akka malee dabalaaa jiruttidha.
Ta'us garuu akka Ameerikaa keessatti tatamsa'aa jirutti miti.
Tiraamp qoricha kana maalif baayyisanii barbaadanii?
Hayidirookiloorokin qoricha akkuma Kiloorookiniidha. Qoricha waggaa dheeraa tureefi dhukkuba busaa fayyisuun kan beekamu yoo ta'u koronaavaayirasii waliinis maqaan qoricha kanaa ka'aa jira.
Odeeffannoon kun gara Itoophiyaas galee magaalaa Finfinnee keessatti manneen qorichaa hedduun namoota qoricha kana barbaadaniin dhiphachaa akka ture miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaa turaniiru.
Tiraamp akka jedhanitti Bulchiinsi Nyaataafi Qorichaa qoricha koronaaf akka faayidaarra ooluuf hayyameera jedhama.
Tiraamp akkas yaa jedhan malee Bulchiinsi Qorichaa hayyamuu waakkateera.
Boodarra garuu kan dubbatanii turan haaluun Bulchiinsi Qorichaa qoricha busaa kana yaada gara laafinarraa maddeen hakiimonni dhukkubsattoota koronaaf akka fayyadaman hin mormu jechuu isaa dubbateera.
"|Yaada gara laafummaarraa madde" jechuun hakiimiin tokko dhukkubsataa du'uu malee filannoo hin qabne tokkoof qoricha kana osoo kennee hameenya hin qabu jechuudha.
Hakiimonni haala kana keessatti qoricha kana dhukkubsattootaaf ajajuun ni hayyamama. Sababiin isaas qorichichi Bulchiinsa Nyaataafi Qorichaatiin waan seera qabeessaan galmaa'ee jiruuf.
Indiyaa keessatti qorichi kun baayyee gati-jabeessa kan hin taaneefi ajaja hakiimaa maleellee manneen qorichaa keessaa ni argatama ture.
Haata'u malee, koronaavaayirasii fayyisa erga jedhamee booda qoricha kana irratti Indiyaan to'annoo cimaa taasisuu jalqabdeetti.
Yaada hakiimotaa ta'uu baatus, ummata Ameerikaa hedduu dhibee Covid-19 qabamaafi gu'aa jiruuf "qorichi baayyee barbaachisaa isuma kanadha," jedhu Pirezedaant Tiraamp.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras