Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sirni owwaalcha lammii Itoophiyaa yeroo jalqabaaf koronaavaayirasiin du'anii mootummaan raawwatame
Sirna awwaalcha dubartii umrii 60 guyyaa kaleessaa sababa koronaavaayirasiitiin lubbuun isaanii dabarte mootummaan raawwatamu maatiin BBC'tti himan.
Itoophiyaatti hanga yoonaa namoonni lama koronaavaayirasiin qabamanii kan du'an yoo ta'u tokko dubartii umuriin ganna 60 kaan immoo dhiira umurii ganna 56ti.
Kana dura garuu lammiileen lama biyya Xaaliyaaniitti dhukkuba kanaan qabamanii du'uu isaanii gabaafnee turre.
Maanguddoon guyyaa kaleessaa boqotan kun intala isaanii bira biyya Faransaay turanii kan dhufan yoo ta'u mallattoo dhibee koronaavaayirasii mul'isnaan addatti hordofamaa turan.
Maatiin maanguddoo kanaa akka BBC'tti himanitti maanguddoon kuni erga boqotanii maatiin bakka awwaalchaa akka qopheessan itti himamee ture.
Maatiiniis, bataskaana Gabri'eelii Misraaq Tsahaay jedhamuufi magaalaa Finfinnee argamutti bakka awwaalchaa qopheessaniis awwaalchi isaanii garuu bakka sanatti hin raawwatamne jedhan.
Guyyaa kaleessaa hanga halkan sa'aatii 6'tti bakka awwaalchaa qopheesinee eegaa ture kan jedhan miseensi maatii kun ganama yeroo bilbilanii gaafatan owwaalchi bakka biraatti akka raawwatame itti himameera.
Owwaalchi lammii Itoophiyaa yeroo jalqabaaf koronaavaayirasiin qabamanii bakka biraatti qaama mootummaan akka raawwatame nutti himameera jedhan.
Sirna awwaalchaa kanarratti miseensi maatii akka hin argamnee fi bakki awwaalchaa kan jijjiirames of eeggannooma dhibeen kuni akka hin dabarref ta'uu akka hin oolles maatiin tilmaamaniiru.
Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa hordoftoonni amantichaa manumaa akka kadhatan torban darbe murteessiteetti.
Itoophiyaatti hanga ammaa lakkoofsi namoota dhukkuba koronaavaayiarsiin qabamanii 44 gaheera.
Guyyaa kaleessaas yeroo jalqabaaf namoonni lama dhukkuba kanaan qabamaniifi itti hammaatee ture akka lubbuun isaanii darbe Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
Du'a lammiilee Itoophiyaa kanaan MM Abiy Ahimadiifi Ministeerri Fayyaa biyyattii Dr Liyaa Taaddasaa gadduu isaanii ibsuun ummanni of eeggannoo akka cimsu gaafataniiru.
Itoophiyaan tatamsa'ina dhukkuba koronaavaayirasii ittisuuf daangaa cufun alatti murteewwan ijoo kaan dabarsiteetti.
Haa ta'u malee, namoonni ergaa walirraa fagaadhaa jedhuufi Dhaabbata Fayyaa Addunyaan darbe hojiirra oolchaa hin jiran jechuun MM Abiy dabalatee qondaaltonni mootummaa kaan komii isaanii ibsaa turan.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras