Koronaavaayiras: Itoophiyatti namoonni dabalataa sadii dhibee Covid-19 qabaman

Itoophiyaatti qorannoo sa'aatii 24 darban keessatti namoota 89 irratti gaggeefameen dabalataan namoonni sadii koronaavaayirasiin qabamunsaanii mirkanaa'uu ibsame.

Namoota amma qabanmuunsaanii mirkanaa'e dabalate lakkoofsi namoota Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasiin qabamanii 38 gahuu Ministirri Fayyaa biyyatti beeksiise.

Ministirri Fayyaa Dr Liyaa Taaddasaa akka ibsaniitti, namoonni sadan harra vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'e sadanuu kan seenaa imala biyya alaa qabaniifi Finfinneetti kan argamaniidha.

''Inni duraa dargaggeessa umuriin waggaa 29 yoo ta'u, Bitooteessa 10 Dubaayirraa kan dhufeefi nama vaayirasiin qabame waliin tuxuqqaa kan qabudha,'' jedhameera.

Lammaffaan ammoo dhiira waggaa 34 yoo ta'u, innis Bitooteessa 23 Dubaayirraa dhufuun bakka adda bahuun keessa turamu keessa kan tureefi nama dhukkubichaan qabame waliin walitti dhiheenya kan qabu ta'uu barameera.

Dubartii sadaffaa ammoo kan umuriin waggaa 35 yoo ta'u, Bitooteessa 25 Sawudiirraa dhufuun bakka addatti baafamuun keessa turamu keessa jiraachunshee ibsameera.

Maanguddoo waggaa 85 harra dhukkubicha irraa bayyanatan waliin namoonni afur vaayirasicharraa fayyuu isaanii ministiritiin himaniiru.