Riphee loltoonni Kaameruun sababii koronaavaayirasiin dhukaasa dhaabuu beeksisan

Lammilee biyyatti baqannaan eddoo jireenyaasaanii bahan tarii wallaansa argachuuf ni rakkannaa jechuun yaaddoo keessa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Riphee loltoonni Kaameruun keessa jiran ummani koronaavaayirasiif akka qoronnoo gaggeesaniif jecha torbaan lamaaf dhukaasa dhaabuuf jiru.

Humni Ittisaa Kibba Kaameroon (Socadef) gaafa Dilbataa eegalee "maallattoo garuummaaf" dhukaasaa akka dhaabu beeksise.

Hanga ammaatti naannoolee Kaameeruun Afaan Ingilizii haasa'aniifi gartuulee hidhatanii socho'an keessa waamichaa dhukaasaa dhaabuu Dhaabbata Biyyoota Gamtomanii (UN) irraa addunyaaf godhame kan deebisan gartuu kana qofa.

Hidhattoonni kun biyya hedduminaan Afaan Faransaay haasa'an keessatti dhiibamneerra jedhu.

Waggoota sadiif, gartuun kun naannoo Angilofon keessatti naannoo of danda'e "Ambazoniyaa" jedhamu hundeessuuf jecha humnoota mootummaa waliin wal waraanaa turaniiru.

Biyyattii keessa gartuun finciltoota guddaa kan ta'e Humni Ittisaa Ambazooniyaa (ADF) garuu wamicha UN simachuun dhukaasa dhaabuuf yaada kan qabu hin fakkaatu.

Dhaabbanni Centre for Humanitarian Dialogu,' jedhamuufi mariin araara buusuuf hojjetu "Gartuun adeemsa kana simaachuu didan isaan qofa," jechuun BBC'tti himeera.

Gaazexxeessan BBC Lixa Afrikaa Chi Chi Izunduu gartuu finciltoota Angilofon tokkoon murteen murteeffame kun waldhabdee dheeraafi dhiiga hedduu dhangalaase kana xumuratti fiduu baatuus yeroo rakkisaa kanatti garuu abdii ta'u danda'a jedha.

Waraanni naannoolee Kaaba-Lixaafi Kibbaa Lixaa keessatti gaggeefamaa ture kun lubbuu namoota 3,000 galaafatee namootni 700,000 ol ta'an qe'ee isaanirra akka baqatan dirqisiiseera.

Namootni kumaataman lakkaa'aman daangaa darbanii gara Naayijeeriyaatti baqataniiru.

Namootni qe'ee isaaniirra buqqa'an hedduun yaddoo koronaavaayirasiin hubamuufi wal'aansa argachuu dhabuu keessa jiru.

Hanga ammaatti ministeerri fayyaa Kaameruun namootni koronaavaayirasiin qabaman 75 ta'uu fi jalqaba torban kanaatti namni jalqabaa tokko lubbuun darbuu isaa mirkaneesseera.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa