Naayijeeriyaan waliigaltee zoonii daldala bilisaa Afrikaa mallatteessite

Konkolaattota fee'umsaa

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Kaayyoon zoonii daldala kanaa, biyyoota Afriikaa gidduutti daldala cimsuudha.

Biyyoota Afriikaa keessaa diinagdee olaanaa kan qabdu - Naayijeeriyaan, waliigaltee zoonii daldala bilisaa Afriikaa mallatteessuun makamte.

Biyyi waliigaltee kana hin mallatteessin Eertiraa qofadha.

Pireezidantiin Naayijeeriyaa Muhaammaduu Buhaarii waligalticha kan mallatteessan, kora Gamtaa Afriikaa Nijer gubbaatti taa'amaa jiruurratti.

Tarkaanfiin inni jalqabaa biyyoota zoonii kana keessa jiran gidduu, gatii meeshaalee hir'isuudha jedhameera. Haa tahu malee, yoom hojiirra akka oolu amma yoonaatti hin ibsamne.

Yeroo ammaatti biyyoonni Afriikaa meeshaalee fi tajaajila isaanii walii waliif kan daldalatan %16 qofa. Kan biyyoota Awurooppaa garuu %65rra jiraachuu AFP'n gabaaseera.

Akka tilmaama Gamtaa Afriikaatti (AU) Zoonii Daldala Bilisaa Afriikaa (AfCFTA) hojiirra oolchuun- daldala biyyoota Afriikaa gidduu, bara 202tti %60n akka dabalu taasisa.

Kana malees AfCFTA'n zoonii daldala bilisaa addunyaatti guddicha tahe uuma.

Presentational grey line

Naayijeeriyaan mallatteessuun ishee maaf oduu guddaa tahe?

Gaazexeessituu Mayeni Jones, Naayijeeriyaa irraa

Bara dabre waliigaltee AfCFTA kana mallatteesssuuf guyyoonni muraasa wayita hafanitti, mallatteessuu diduun ishee danqaa tahee tureera.

Naayijeeriyaan ardichatti biyya diinagdee guddaa qabdufi biyyoota naannawa Afriikaa Dhihaa kan dursitudha. Kanumaanis wayita biyyattiin mallatteessuu diddu, waliigalteen kun gaaffii keessa galee ture.

Pireezidant Muhaammaduu Buhaarii biyyasaaniitti marii gochuu barbaanna jechuun mallatteessuu didanii turan.

Ergasiis, Waajjirri Waliigaltee Daldalaa Naayijeeriyaa, gareewwan 27 waliin mari'achuusaanii ibseera.

Naayijeeriyaan meeshaalee fi tajaajila ishee biyyoota Afriikaa birootti daldaluuf carraa guddaa banaaf. Warri sodaa qaban ammoo, hojii fi meeshaalee oomishaman irraan dorgommiin hedduu ni dhufa jedhu.

AfCFTA'n gabaa guddaa Naayijeeriyaan qabdu banaa taasisa. Kunis biyyattiin biyyoota addunyaa biroo waliin humni waliigaluuf qabdu ni dabala jechuudha.

Presentational grey line

Eertiraan maaliif keessaa hafte?

Sababni Eertiraan walligaltee kana keessa hin hirmaanneef, waldhabdee Itoophiyaa waliin qabduun tahuu, Komishinarri Komishinii Daldalaa fi Indastrii Gamtaa Afriikaa Albert Muchanga dubbataniiru.

Erga biyyattiin Itoophiyaa waliin nagaya buuste booda, waliigaltichi irra deebiin akka ilaalamu AU gaafatteettis jedhaniiru.

''Yeroo keessatti zoonicha keessa ni makamu,'' jedhan.

Waliigalteen daldala bilisaa maali?

Waliigalteewwan daldala bilisaa biyyoota miseensa tahan gidduutti qaraxaa fi qaraxa daangaarratti kanfalaman biroo hir'isuuf kan kaayyeefatudha.

Ashuraa/qaraxni kun meeshaalee biyya keessatti oomishamaniif eegumsa taasisuuf jecha, oomishaalee biyyoota biraarraa dhufan irratti kan kaa'amudha.

Waliigalteen daldala bilisaa (FTA) guutummaan guutuutti yoo hojiirra oole, oomishaalee daangaa darbanirraa guutummaan guututti qaraxa kanfalamu kaasa.

Kana malees gahee (kootaa) daldalaas hojiirraa ala godha. Kana jechuunis hammentaa daldalaarra daangaan hinjiru.

Gama biraatiin FTA'n biyyi tokko baasii gadaanaan akka oomishaalee alatti ergitu gargaara.