Zooniin daldala bilisaa Jabuutii eebbifame

Zooni daldala bilisaa idila addunyaa Jibuutii

Madda suuraa, Fitsum Arega

Ibsa waa'ee suuraa, Zooniin daldala bilisaa idila addunyaa Jibuutii eebbifame

Jabuutiin zoonii daldalaa bilisaa Idila Addunyaa doolaara Ameerikaa miiliiyoona 340'n ijaarte har'a bakka aangawoonni biyyoota ollaa argamanitti eebbiste.

Gidduu galli lafa heektaara iskuweer kiloometira 2.4 irrattii ijaarame kun paarkii loojistiikii, buufata meeshaaleee al-ergii fi tajaajila biroof oola.

Gidduu galli kun waggaa lama keessatti daldala doolaara Ameerikaa biiliyoona 7 sochoosuu danda'a.

Piroojektiin dhaabbata Chaayinaan hojjetamaa jiru kun ijaarsa marsaa jalqabaa isaatu eebbifame. Yeroo xumuramus carraa hojii namoota 15,000'f ni uuma jedhameera.

Piroojektiin kun biyya xinnoo lammiilee miiliyoona tokko hin guutne qabduu kanaaf piroojektii isa guddaadha jedhameera.

Sagantaa eebbaa gidduu gala kanaarratti hooggantootni biyyoota ollaa argamaniiru.

Ministirri muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad eebba kana irratti argamuuf garas kan imalan yoo ta'u Pireezidantii biyyatti waliin si'oominni buufata doonii Jibuuti haala itti dabaluu danda'u kaffaltiin meeshalee tursuuf kaffalamuufi yeroo turmaata meeshalee biyyatti ol lixanii irratti ni mariyatu jechuun hoogganaan waajira ministira muummee Obbo Fitsum Araggaa twitaraan barreessaniiru.

Daldaltoota Itoophiyaaf buufatni doonii Jibuuti akkamiin mijaataa akka ta'uu danda'uus yaada ni dhiyeessu jedhameera.

Itoophiyaan meeshaalee biyya alaatii galaniif harka 95 buufata doonii Jibuutirratti hundoofti.

Jabuutiin Buufata humna galaanarraa Ameerikaa fi Fraansi ta'unis beekamti.