"Deeggaraa Dr Abiy ta'uu kiyyaaf, ishoo baga nan tolche,'' Dabbaba Isheetu

Dababa Isheetu

Artiist Dabbaba Isheetu ALI bara 1936tti dhalatan. Waltajjiiwwan Haagar Fiqiriifi Tiyaatira Biyyaaleessaatti baroota dheeraaf qopheessaa fi taatoo tahuun tajaajilaniiru.

Fiilmiiwwan garaa garaa keessattis taatoo duree ta'uun hirmaataniiru. Fiilmii Hollywood'tti hojjatameefi 'Shaaft in Afriikaa' jedhamu keessattis qooda fudhataniiru.

Ogummaa aartiin hojiiwwan keessatti qooda fudhachuun karaa raadiyoo fi TV irratti qooda fudhataniiru. ''Hojiiwwan aartii keesatti qooda fudhatan keessaa 'Yaalaachaa Gaabichaa, Roomiiyoo fi Juliyeet' kanneen eeraman keessaayi.

Akkasumas hojiiwwan hedduu afaan Ingiliiziitiin barreeffaman keessattis qooda fudhataniiru. 'Otteelloo' fi 'Za Geem of Cheez' kanneen aartiist Dabbaban gahee taatoo fi qopheessummaatiin qooda fudhateera.

Akkasumas gama siyaasaatii Dabbaban ALI bara 1995 Paartii Qastadamanaa, booda keessa ammoo Qinijjit keessatti quunnamtii ummataa ta'uun hojjateera. Hirmaannaa isaanii kanaafis waggaa tokkoo oliif hidhamaniiru

Gameessi nama aartii kunis tibbana wayita Naayiroobii Keeniyaa dhufaniitti BBC waliin gaaffiifi deebii taasiseera.

BBC: Erga mana hidhaatii baatee booda kitaaba barreessite turte. Kitaabichi hangam dubbifamaa ture?

Dabbaba: Kitaabichi hangam akka dubbifame ilaalchisee ragaa hinqabu. Garuu gabaarraa dhumeera.

BBC: Kooppii meeqatu maxxanfanee gabaarraa dhumee?

Dabbaba: Biyyaa keessatti kooppii kuma 10 yoo ta'u, biyya alaattis maxxanfamuun gaaf dhiyaate kan ture akkasuma gurguramuun dhumeera. Kanaafuu amma biyya keessatti irra deebiin maxxanfamuufi.

BBC: Kitaabni amma barreessaa ykn hiikaa jirtu kan biraa jiraa?

Dabbaba: Kitaabni hiikee fixe kan yeroo dhihootti maxxanfamu tokko jira. Kibitaabichi waa'ee phaaphaasii kaatolikii yeroo jalqabaatiif gara Itoophiyaa dhufan Abun Zyaarsooti. Waa'ee isaanii baayyee hindubbatamu. Jaanoohooyiin kan afaan Faransaayii barsiisan isaan jedhama. Garuu miti, kan barsiisee kan isaan guddisan nama Alamaayyoo jedhamu tokko ture.

Osoo bara sana keessa akka hin sochoone dhorkamuu baatanii lammiilee Itoophiyaa baayyeen hordoftota amantaa Kaatolikii ta'u turan.

Seenaan isaaniis kan barreeffame afaan Faransaayiitiin waan ta'eef anis isa gara afaan Ingliziitti hikame hirriyyaa kiyya tokko irra argadhe kanan hiike.

BBC: Gabaaf kan dhiyaatu yoom?

Dabbaba: Ganaa gara mana maxxansaa hindeemne. Tarii baatii lama booda maxxanfamee gabaarra oluu danda'a ta'a.

BBC: Dabbaban baayyee mootummaatti siqaa jiraa jechuun namoonni si qeeqan jiru. Kanarratti maal jetta?

Dabbaba: Ishoo baga. Nan tolche!

BBC: Maaliif?

Dabbaba: Bilisummaa kiyyaa kan naaf kennee Ministira Mummee) Abiyiidha. Kan biraa eenyutu naaf kenne? Isatu bilisummaan dubbachuuf mirga kiyya naaf deebise. Dr Abiy kan masaraa na galche. Dr Abiyidha akka sagantaa hogganuuf kan na gaafate.

Sodaafi eenyutu na argeera jechuurraa bilisa kan na baasee Dr Abiy dha. Kanaafuu kanan itti maxxanee mootummaatti osoo hin taanee Dr Abiyiitti. Kanaaf ammoo deebiin kiyya baga, nan tolche kan jedhudha.

BBC: Ministira Mummee haala kanaan kan deeggartu yoo ta'e ammoo wayita dogongora raawwataniitti itti himuuf ija jabina ni qabaattaarre?

Dabbaba: Haaluma barbaadeen itti hima malee bira hintaru. Isumattan hima malee duubatti hin hamadhu. Sababiinsaas namni kun guyyaa tokkotti waan hunda raawwachu akka hindandeenye fi innis nama tokko ta'uusaa nan beeka. Namoota duraan turan irraa inni otuma balleessuu osoo itti fufeen barbaada.

Kan biraa hafee waa'ee dimookiraasiirratti ifa hanga ta'ee na agarsiseera. Kanneen 'Dabbaban mootummaa waliin hiriire' jedhan, isaan mootummaa sana waliin hiriiranii ta'uu mala. Kanaafu ni aaru. Nama Dr Abiy deeggaru yoo argan ija isaaniitu dhiiga uffatta.

BBC: Fiilmii tokko warra Isiraa'elootaa waliin hojjataa jiraachu kee dhageenyeerra. Itoophiyaa keessatti agarsiifameeraa?

Dabbaba: Lakkii Itoophiyaa keessatti hin agarsiifamne. Amma ganaa festivaalota irratti dhiyaataa jira. Waggoota lamaan dura Kaanaadaa Vaankovaritti feestivaala idil addunyaa irratti dhiyaate damee hogganaa filatamaatiin badhaasa argadheera.

BBC: Fiilmiiwwan idil-addunyaa irratti hirmaachuun aartistoota Itoophiyaa keessaa kan hirmaatu si qofaan beeka. Ofii kan biraa jiru?

Dababa: Nama Zawudee Ariyaam jedhamtuufi kan biyya Xaaliyaaniitti carraa olaanaa argaachuun fiilmii hojjatu beeka. Isheenis lammii Eertiraati.

BBC: Isheen ala biyya Itoophiyaarraa suma qofaadha jechuudhaa?

Dabbaba: Lakki. Tarii jiraachuu danda'u.

BBC: Waa'ee mana sirreessaa Qaallittii yoo dubbattu 'mana barnootaan ture jettee jirta. Dhugaatti turtii kee kan mana sirreessaa Qaallittii akka mana barnootaatti ilaaltaa?

Dabada: Eeyyeen akka mana barnootaattiin fudhadhe.

BBC: Maal irraa barattee?

Dabbaba: Obsa baradheera. Waggoota dheeraan booda tamboo dhaabuu kanan danda'e Qaallittii keessatti. Namoonni baayyeenis tamboo mana hidhaatti barama malee attamiin dhiifama naan jechuun na mormaniiru. Ani garuu dhaabu nan danda'a jedheen dhaabe.

Akkasumas namni tokko wayita hidhamu nama ta'unsaa akka badu baradheera. Namni hiidhaarra jiru kan ofiisaa miti. Namoota biraatu akka taa'uu, akka ka'u, akka nyaatu, akka dhugu, akka deemu, akka dhaabbatu fi akka socho'u kan itti himu. Kan isa to'ataniis kan isaan olitti argamaniidha.

Nuti kan nu mudatan ammoo warra baayyee gara jaboo turan. Nu miidhuuf yaalaa turan. Garuu daandii baraarsaa nuuf kaa'amee waan tureef poolisoota jaalalaan mo'annee turree. Aanga'oonni tibbas turanis poolisoota ji'a ji'aan geeddaru turan. Nu biratti ramadamanii guyyaa ittaanu nu waliin firoomu turan.

Nutis kan nu hidhe isaan osoo hinta'iin, isaan nageenya keenyaa kan eegan ta'usaanii itti himna ture. Kanaafuu diInummaan wal ilaaluurra Itoophiyaanummaan waliigalu yaalaa turre. Kanaafuu turtii kiyya ani mana barnootaati jedheen fudhadha.

BBC: Artisitoota akka Mulu'aalam Taddasaa fi Alamaayyoo Taaddasa booda aartististoonni maqaansaanii hangas ka'u maaliif dhibanii?

Dabbaba: Isaanis gita kiyyaa miti bar.

BBC: Dhiyootti gahee taatummaan ykn qopheessummaatiin waltajjii irratti si arginaa laata?

Dabbaba: TVn na hin agarree?

BBC: Kana booda nama kana waliin hojjadhee ogummaan kun osoo na gahee jette namni yaadu jiraa?

BBC: Ani tiyaatirri na hin gahu. Ma'aazaa Warqu waaqni isheef haa kennu 'Darso Malsi irratti' akkan naman baayyee kabaju Alamaayyoo Taaddasa waliin wal argu na taasifte jirti.

Akkuman mana hidhaatii baheen 'Gaash Dabbaba waliin haa hojjannu naan jedhe' Salamoon Boggaala fa'i waliinis hojjanneera. Kanneen biroo waliinis osoon hojjadhee baayyee natti tola. Kana booda osoo ebelu waliin hojjadhee kanan jedhu hinqabu.