Tereezaa Meey aangoorra turuufi dhiisuu murteesuuf sagaleen kennamuuf

Theresa May

Madda suuraa, Reuters

Ministirri Mummee Biritaaniyaa Teereezaa Meey aangoo isheerra turuufi dhiisuu murteessuuf miseensoota paarlaamaatiin sagalee itti kennamuuf.

Miseensoonni paarlaamaa warra paartii 'Conservative' har'a aangoo Teereezaa irrati sagalee ni kannu jedhamee eegama.

Garuu Aaddee Teereezaan kenniinsa sagalee kana ''Waanan argadhe hundaa nandorgoma" jechuun dhaataniiru.

Kana malees ministirri mummee haaraawaan filannoo ''Bireegziit tursiisuu ykn siriiyyuu dhaabuu'' mudachuu danda'a jechuun akeekachiiftee jirti.

Garuu irra jirreessi miseensa paarlaamaa warra Tory ifatti kenniinsa sagaleetiin akka mummee ministiraa deeggaran himaa kan jiran yoo ta'u, haalli kenniinsa sagalee dhoksaatti waan ta'eef bu'aasaa dafanii baruun rakkisaa ta'a.

Haata'u malee bu'aan sagalee kanaas hanga danda'ameen akkuma keenninsi sagalee xumurameen dafee ifa akka taasifamu eegama.

Aaddee Terezzaanis osoo kenninsi sagalee hineegalamiin dura miseensoota paarlaamaa warra Conservative tiif haasaa akka taasistu eegama.

Dubbi himaan paartichaa akka jedhanittis gareen ergaan haasawa ishee kunis kenniinsi sagalee ''waa'ee eenyutuu gara filannoo itti aanuutti paarticha oggana kan jedhu'' osoo hintaane, waa'ee yeroo kun jijjiramaaf yeroo sirriidhaa kan jedhu ta'a jedheera.