Ogeessi seeraa beekamaa haadha warraasaafi ilmasaa ajjeesuun hidhaa umurii guutuun adabame

Madda suuraa, FACEBOOK/MAGGIE MURDAUGH
Ogeessi seeraa duraan beekamtii guddaa qabu Aleks Murdook haadha warraasaafi ilmasaa ajjeesuun yakkamaadha jedhamee hidhaan umurii guutuu itti murtaa’e.
Abbaan Seeraa Kiliifton Niwumaan dhaddacha mana-murtii Kaalifoorniyaa Kibbaa, Waalterborootti gaggeeffameen Murdook irratti hidhaa umurii guutuu dachaa itti mure.
Akka murti kanaatti hidhaan umurii guutuu dachaa kun duraafi duubaan hojiirra oola.
Abbaan Seeraa Niwumaan dhimmmichaan waanan hanga har’aatti ilaale keessaa “isa hunda caalaa rakkisaa ta’e,”jedhe.
Murdook dhaddacha irratti yeroo gabaabduuf si’a lama dubbateen ammallee yakkamaa akka hin ta’iin dubbateera.
Dhimmi mana-murtii oggeessa seeraa duraanii umuriin isaa wagga 54 ta’e kun ji’oota ja’aaf ilaalamaa kan ture yoo ta’u, yakka ajjeechaa dacha itti muruun dura Kamisa abbootiin seeraa saatii sadiif mariyataniiru.
Abokaatoowwan Murdook ammoo guyyoota 10 itti aanan keessatti ol iyyannoo fudhannee murti kana mormanna jedhaniiru.
Dubartii umurii 52 kan turte haati warraa Murdook, Maagii fi ilmi isaa umuriin isaa wagga 22 ta’e gaafa Waxabajji 7, 2021 mooraa maatii isaanii keessatti itti dhiyeenyarraa itti dhukaafame.
Aleks Murdook waggoota kurnan hedduuf hojii seeraatiin maqaa guddaa horachuun akka addaatti ilaalamaa tureera. Cimina isaarraa kan ka’eenis qe’ee inni jiraatu “
Ogummaa seeraan maqaa gaarii akkasii osoo qabuu yakka gara jabinaa akkasii hojjechuun isaa ammoo murti isarratti darbe akka itti jabaatuufis gumacheera.
“Anaaf ati abbaa haadha warraa isaafi ilma isaa dhabee gaddarra jiru taatee nama ajjeechaa isaaniitiin yakkamaa ta’uun itti murtaa’e taatee miidiyaa irratti si arguun gadda laphee na cabsedha,” jedhe Abbaan murti Niwumaan.
"As kutaa mana-murii keessatti, yeroo ragaa dhaggeeffachuuf dhaabattus waan hin malle gochaa jirta,” jedhe itti dabaluun Niwuman.
“Yeroo ragaa baatu guutummaattis ittuma fuftee sobaa turteetta.”

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo dhimmi isaa mana-murtiitti ilaalamaa turetti, qorattoonni akka adda baafatanitti taanaan, Murdook maamiltoota irraa maallaqa gara dolaara miliyoona sagalii hatuun araada qabuuf qorichaa, akkasumas jireenya baasii akka malee isa baasisutti fixaa tureera.
Kanaaf abbootiin alangaa akka jedhanitti, Murdook haadha warraa isaafi ilmasaa kan ajjeeses yakkaafi hanna maallaqaa keessa jiru gara-dabarsuun balleeffatee akka namoonni isaaf gaddan gochuuf ture.
Murdook murtii isatti murame ilaalchisuun irra deebiin ani yakkamaa miti jedheera.
“Ani gonkuma haadha warraa kiyya hin ajjeesne, ilma kiyyas hin ajjeefne,” jedhe dubbii gabaabaa dhaddacha ilmi isaa biroo lubbuun hafe dhaabbatee hordofaa ture irratti.
Viidiyoo ilmi isaa ajjeefame Paawol Murdook itti dhukaafamuu isaatiin dura waraabe tokko keessatti sagaleen abbaa isaa kun duubaan ni dhaga’ama ture. Kun ammoo faallaa yakkamaan kun yeroo ajjeechaan kun raawwatetti ani achi hin turre jedhuuti.
















