Haati ijoolleeshee shan ajjeeste fedhiisheetiin akka ajjeefamtu taasifame

Dubartii ijoolleeshee shan ajjeefte

Madda suuraa, AFP

Dubartiin Beeljiyeem ijoolleeshee shan ajjeesuun mana hidhaa turte mala osoo hin dhukkubsiin ajjeesuu (Euthanise) akka hojiirra ooluuf gaafatteen ajjeefamte.

Kun kan isheef raawwatames erga ijoolleeshee ajjeeftee waggaa 16 booda jedhameera.

Dubartiin maqaan ishee Jeneviiv Lahamiit jedhamtu kun ilmashee tokkoofi ijoollee durbaashee afur umuriin isaanii waggaa hanga 14 gidduu jiran Guraandhala 28, 2007 magaalaa Niiveles jedhamtu keessatti ture wayita abbaan ijoollee kanaa mana hin jirretti kan galaafatte.

Yeroo ajjeechaa kana raawwattettis ofiinis of ajjeesuuf yaalutus osoo hin milkaa'iin haftee gargaarsaaf tajaajilawwan atattamaa waamsistee turte.

Dubartiin umuriin ishee waggaa 56 ta'e kun bara 2008 hidhaa umuriin guutuun kan adabamte yoo ta'u, bara 2019 ammoo wallaansa dhibee sammuuf hospitaala geeffamteetti.

Biyya Beeljiyeem keessatti namni dhibee sammuu (xiin-samuu) "humnaa ol ta'ee" fi fayyuu hin dandeenyeen rakkatu mala ajjeechaa osoo hin dhukkubsiin raawwatamu (euthanise) kanaan ajjeefamuu filataniif seerri ni hayyama.

Namni mala akkasiin ajjeefamuu barbaadu murtee akkasii kana hubatanii sababa quubsaan fedhii isaanii ibsuu qabu.

"Adeemsa kana hordofeeti Aadde Jeneviiv, filannoowwan karaa medikaalaan jiran erga sassaabamanii ilaalamanii booda kun kan ta'e," jedhu abbaan seeraa dubartii kanaa.

Ogeettii Xiin-sammuu kan taate Emilii Maariyoota RTL-TVI irratti akka dubbattetti, Aadde Jeneviiv Lahamiit "kabaja ijoolleesheef qabdu mallattoon agarsiisuuf" Guraandhala 28 du'uuf filattee turte.

"Kun wanta jalqabdee turtes galmaan ga'uudha, sababiin isaa yeroo isaan ajjeefte sanatti ofis ajjeesuuf turte," jetti ogeettiin xiin-samuu kun.

Ajjeechaan ijoollee shananiin kun bara 2007 keessa erga raawwatameen booda waggaa itti aanu bara 2008 keessa ammoo adeemsi seeraa dhimma kanaa Beeljiyeem raasee ture.

Bara 2010 keessa Jeneviiv Lahamiit ogeessa xin-sammuushee duraanii himachuun beenyaa Yuroo miliyoona sadii akka kaffaluuf gaafattee turte, sababiin isaa "dhibaa'ummaa" isaatiin ajjeechaa kana hambisuun dadhabame jette.

Turtii waggaa 10 booda garuu qabsoo seeraa gaggeessitu addaan kutteetti.

Bara 2022 keessa Beeljiyeem keessatti namoonni 2,966 ta'an mala dhukkubbiin osoo hin dhaga'amiin ajjeesuu (euthanasia) kanaan ajjeefamaniiru. Kun ammoo kan bara 2021 ture waliin yoo ilaalamu %10n dabaleera.