Walakkaan ummata addunyaa bara 2035'tti furdina garmaleen hubamuu malu

furdina garmalee

Madda suuraa, AFP

Tarkaanfin yoo hin fudhatamiin hafe, ummata addunyaa keessaa walakkaa ol bara 2035’tti furdina garmaleee keessa seenuu malu jechuun Federeeshiniin Furdina Garmalee Addunyaa akeekkachiise.

Gabaasi kun akka jedhutti, namootni biiliyoona afur ol ta’an kanaan ni hubamu, caalatti ammoo lakkoofsi daa’imman kanaan miidhamanii dabalaa deemaa jira.

Biyyootiin galii gidduu galeessaa ykn gadi-aanaa Afrikaa fi Eeshiyaa keessa jiran keessatti rakkoon kun baay'ee dabaluu mala jedhamee eegama.

Bara 2035’tti, baasiin furdina garmaleef waggaawaggaaf ba’u doolaara tiriiliyoona 4 ga’uu akka danda’u gabaasii kun ni tilmaama.

Hoggantuun federeeshinichaa, Piroofeesar Luwiis Bawuur, argannoon gabaasaa kanaa biyyootiin akka ammumaan tarkaanfii fudhatan ykn dhiibbaa isaa boodarra saaxilamaniif kan akeekkachiisudha jechuun ibsan.

Gabaasi kun addatti kan kaasu dhimma furdina garmalee da’immanii fi ijoollee keessatti dabalaa dhufeedha.

Kanaanis akkaataa dabalaa deemeen sadarkaa bara 2020 keessa ijoollee dubaraa fi dhiiraa keessatti furdinni garmalee haala mul’achaa turerra dachaan dabala jedhamee eegama.

Prof. Bawuur, adeemsi kun “addatti kan nama yaaddessudha” jechuun ibsan.

''...adeemsaa fi hidda rakkoo furdina garmalee adda baasuun, mootummoonnii fi seera tumtoonni addunyaa rakkoo fayyaa, hawaasaa fi diinagdee dhaloota ammaatti dabarsuu dhiisuuf, wanta danda’an hunda goochuu qabu,” jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhiibbaa rakkoo furdina garmalee biyyootii galii gadi-aanaa qaban keessatti mul’atuus gabaasi kun ni hima.

Addunyaa irratti biyyootii 10 furdinni garmalee itti dabaluu danda’a jedhamanii kaa’aman keessaa sagal, biyyootii galii gidduu galeessaa ykn gadi-aanaa qaban, kan Afrikaa fi Eeshiyaa keessa jiranidha.

Sababootni furdinni akka dabalu taasisu jedhaman keessa muraasni; nyaata warshaa keessatti qophaa’an caalaatti soorachuu, amala sochii xiqqaa ykn homaa hin qabne dabalaa deemu, dhiyeessii fi gabaa nyaataa to’achuuf qajeelfamni ba’u dadhabaa ta’uu, akkasumas dhimma ulfaatina ofii to’achuu fi barnoota fayyaa irratti tajaajilli kunuunsa fayyaa qixaa’oo ta’an xiqqaachuudha.

Biyyootiin galii gadi aanaa qaban “yeroo hedduu furdina garmalee fi dhibbaa isaan danuu hin miidhaman” turani.

Argannoon kun akka tilmaamutti sadarkaan furdina garmalee addunyaa guutuutti dabalaa dhufuun isaa, diinagdee addunyaa irratti dhiibbaa guddaa qaba.

Dhiibbaan kuni Oomisha Waliigalaa Biyya keessaa biyyoota addunyaa keessaa 3% ta'a.

Gaabasi kun, furdinni garmalee dhibbaa diinagdee ni fida jechuun isaa “balleessaan kan namoota furdina garmalee waliin jiraatan jechuu akka hin taane ykn kana waan ibsu miti,” jechuun cimsuun ibseera.

Ragaan gabaasa kana keessatti maxxanfame kun Wiixata dhufu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif (UN) ni dhiyaata.