Fayyaa: ‘Furdina garmalee ulfaatinni qaama qofti hin ibsu’

Nama madaala ulfaatinaarra jiru

Madda suuraa, Getty Images

Furdinni garmalee ykn 'Obesity' fayyaa waliigalaa nama tokkoon malee ulfaatina qaamaa isaan qofa ibsamuu hin qabu jedhe qajeelfamni haaraan Kaanadaan baafte.

Qajeelfamni haaraan kun akka jedhutti furdinni garmalee fayyummaa waliigalaa nama tokkoon malee ulfaatina isaatiin qofa kan ibsamu miti.

Qajeelfamichi hakimoonni namoota furdina garmalee qaban wayita yaalan akka itti dhimma bahan kan qophaa'e yoo ta'u, hakimoonni namoota furdina garmalee qaban soorata sirreeffachuu fi sochii qaamaa godhuu qofa gorsuun bira taruu hin qaban jedha.

Ulfaatinni qaama akka dabaluuf sababa bu’uura ta’erratti fuulleeffachuu akkasumas fayyummaa waliigalaa ilaaluu qabu jedhe.

Qajeelfamni kun barruu waldaa ogeeyyii fayyaa Kanaadaarrratti kibxata darbe kan maxxane wayita ta’u, qoollifannaa dhukkubsattoota furdina garmalee qabanirra dhaabbilee fayyaa keessatti qaqqabuu akkaataa hambisuuf gargaaru addatti gorse.

Furdinni garmalee itti gaafatamummaa dhuunfaa bahachuu dadhabuu fi murannoo dhabuun akka waan dhufuutti himuun baratamuusaatiin namoota furdina garmalee qaban qaanessuu fi akka loogiin irra gahu godhe jira jedha qajeelfamni kun.

Daarektarri dhaabbata qorannoo fi imaammataa 'Obesity Canada' Ximina Ramos –Salas akka jettutti, hakimoonni hedduun dhukkubsattoota furdina garmalee qaban qoollifachuun ulfaatina qaamasaanitiin alattiyyuu fayyaan isaanii caalatti akka jeeqamu taasisa.

Qoolifannaan ulfaatina qaaman walqabatee mul’atu, amala ogeeyyii fayyaarrattillee otoo hin hafiin dhiibbaa uuma jechuun BBC tti himte.

Waggoota 30’n darban keessa lakkoofsi namoota garmalee furdatanii dacha sadiin Kanaadaatti dabaleera. Amma lammilee biyyattii afur keessaa tokkootu furdina garmalee qaba.

Qajeelfamni furdina garmaleen walqabatu bahe biyyatti keessatti erga bara 2006 asitti hin haroomfamne ture.

Qajeelfamni haaraan kun hakimoonni akkatti ulfaatinni qaamaa fayyaa namtichaarratti dhiibbaa uumuurratti xiyeeffachuu gorsa.

Haa ta’u malee, ammas tooftaan furdina garmalee itti adda baasuuf itti fayyadaman dheerina namticha fi ulfatina qaama waliigalaafi akkasuma kan mudhii giddugaleessa kan godhatedha.

Namoota BMI isaanii ol'aanaa ta'e

Madda suuraa, Getty Images

Ulfaatina qaamaa 3-5% hir’isuun, fayyaa nama furdina qaama garmalee qabu tokkoorratti foyya’insa/jijjirama fidu qaba jedha.

Itti dabaluunis, furdinni garmalee salphaatti kan hin furamne toofta walxaxaa kan gaafatuu fi umrii guutuu keessatti to’annoo kan barbaadu ta’uu ibsa.

Adde Aadde Ximina Ramos –Salas ‘’yeroo dheeraaf furdina garmalee haala jireenyaatiin walqabsiisaa turre’’ jedhan.

‘’Furdinni garmaleen balaaleffanaa fi qaanii hedduu qaba ture, furdina garmalee qabaachuun akkuma dhibeewwan namarra turan birootti deeggarsa barbaachisa’’ jedhan.

Ogeeyyiin callisanii ‘soorata hin baay’isiin, olii gadi sadi socho’i’ jedhanii dhukkubsataa gorsuu caala, deeggarsa xiinsammuu, qorichaa fi wal’aansa baqaqsanii suphuu barbaachisaallee akka kennaaniif jajjabeessa.

Qajeelfamni kun namni kamiyyuu guddina qaamaatiin otoo adda hin qoodamiin fayya buleessa akka ta’u, soorata bifa madalawaa ta’an akka sooratuu fi sochii qaamaas akka hojjatu gorsa jedhan ogeettiin qorannoo kun.

Qorannoo hedduun akka mul’isanitti namoonni sababii soorataaf ulfaatinni qaamasaanii hir’ate ulfaatiinnisaanii deebi’e dabala.

Kanaafuu soorata qofa hir’isuun furdina garmalee hin hambisuu jedhan.

Ogeeyyiin fayyaa dursa dhimma ulfaatina qaamaarratti mari'achuuf hayyama dhukkubsataa erga argatanii booda, fayyaasaafii dhimma ijoo ta’anirratti fuulleeffachuu qabu malee, amma soorattu xiqqeessi jedhanii itti himuun qofti gahaa mitii jedhan ogeettin qorannoo kun.