Ameerikaatti Kaansariin fuurdinaan wal qabatu dabalaa jira

Woman standing on weighing scales

Madda suuraa, Getty Images

Kaansariin furdina gar-maleen walqabatu gaheessotarra dargaggoota irratti haalaan dabalaa jiraachu Dhaabbanni Kaansarii Ameerikaa beeksiise.

Akka qorannoon agarsiisuutti garmalee furdachuun waggoota 40 booda dargaggootnif dhukkuba kaansariitiin akka qabaman sababa gudda tahe jira.

Qorannichis bara 1995 hanga 2014 tti galmeewwan miliyoonota qorachuun argannoo isaa 'Lancet Public Health' jedhamurratti maxxansee jira.

Waggoottan kurnan muraasa darban keessatti kaansariin gosa tokko tokko gar-malee fuurdachuudhaan wal-qabaachu ragaa argadheera jedha qoranichi.

'Balaa garmalee furdhachuu'

Qorattoonni akka jedhaniittis, namoonni umuriin isaani 50 gad tahaan kaansarii gosa adda addaa garmalee furdachuudhaan dhufan 12 keessa jahaan qabamuun dabalaa jira.

Akkasumas dargaggoonni umuriin isaani 25-49 irratti saaxilamuun kaansarii ol aanadha jedhame.

Dhabbaata Kaansarii Ameerikaa irraa Dr Ahamaadiin Jamaal akka jedhaanitti, ''argannoowwan keenya akka agarsiisaanitti kaansarii garmalee furdachuu waliin wal qaabatuu ge'eesoota irraatti hammatadha. Gosoonni kaansarii hedduun isaani ge'eesoota irratti mul'atu.

Kana jechuunis qorannoo keenya keessatti warronni umurii dargaggumma keessa jiraniis kaansarii gar-malee furdachuuf saaxilamuun fi isaan du'uun dabaala jira.

Kana jechuun garuu namoonni gar-malee furdaatan hundi dhukkubba kaansarii kanaaf saaxilamu jechuu miti.

Kanaafuu furdina wal jalaan hir'isuun balaa kaansarii hir'isuuf akka gargaaru qorattoonni himaniiru.