Furdinniifi qal'inni garmalee addunyaaf mataa dhukkubbii ta'aa jira

Miseensota maatii bishaan daakamu bira taa'an

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensota maatii bishaan daakamu bira taa'an

Rakkoon fayyaa akka malee furdachuu yeroo baayyee kan biyyoota Dhihaa akka ta'etti fudhatama, sababiin isaas, biyyoota iyyeeyyii keessa hanqinni soorata madaalawaa waan jiruuf.

Dhugaan jiru garuu akka itti ilaalamu kana osoo hin taane baayyee walxaxaadha. Biyyoota 10 keessaa salgan isaanii rakkoo fayyaa hamaa dachaa gara malee furdachuufi gara malee qal'achuutiin rakkachaa jiru.

Yeroo hedduu biyya tokko keessa, hawwaasa tokko keessa, akkasumas maatii tokko keessa walima biratti argama rakkoon faallaa walii ta'e kun.

Dhibee akka malee furdachuudhaaf sababoonni jajjaboo akka addunyaatti adda ba'an sooranni fayyaalessa hin taane gara malee babbalachuufi salphaatti argamuu, hojiiwwan gara hojii waajiraaleetti jijjiiramaa deemuu, akkasumas tajaajilli geejjibaa haalaan guddachaa deemuufi televizhiniin guddachaa deemuun kanneen adda duree ta'anidha.

Kana malees, namni tokkichillee gara malee furdaa fakkaatee rakkoo hanqina soorata wal madaalaa ta'e qabachuu ni dnda'a. Namoonni akkasii kunneen "qallaa'aa-furdaa" kan jedhaman yommuu ta'u fayyaa fakkaatanis namoonni akkasii kun cooma baayyee dhokataa ta'e qabaatu.

Rakkoo fayyaa akka malee furdachuu daa'immanii

Biyyi kamiyyi karaa tokkos ta'e karaa biraa rakkoo soorata madaalawaan rakkachaa jiru.

Addunyaarratti lakkoofsi namoota rakkoo hamaa hir'ina nyaataan rakkaachaa jiran bara 2016 akka miliyoona 815 qaqabe tilmaamamee kan ture yommuu ta'u yeroo waggaa lama ta'u keessatti %5 dabale.

Rakkoon fayyaa furdina gara maleen dhufu ammoo waggoota 40 keessatti harka sadiin dabaleera.

Akka addunyaatti namoonni ga'eessota ta'an miliyoona 600 ta'an rakkoo fayyaa furdina gara maleen kan rakkatan yommuu ta'u biliyoona 1.9 kan ta'an ammoo ulfaatinsa barbaadamuu ol qabu.

Lakkoofsi namoota rakkoo fayyaa furdina akka malee waliin rakkatan kan biyyoota guddachaa jiranii kan biyyoota guddatanii waliin walitti dhiyaachaa jira.

Erga bara 2000 asitti lakkoofsi ijoollee Afrikaa rakkaa fayyaa furdina akka malee isaan mudata dachaan dabaleera.

Bakka baayyeetti ijoolleen fedhiin soorata madaalawaa isaanii hin guutamiiniif arguun baramaadha.

Afirikaa Kibbaatti ijoollee sadii keessaa tokko rakkoo fayyaa furdina akka malee ykn furdina hanag barbaadameen ol yoo qabaato kan biraan tokko ammoo ulfaatinsa hanga ta'uu maluu gadi qabaata.

Biraazil keessatti ammoo ijoolleen durbaa %36 ta'an ulfaatinsa hanaga barbaadamee ol ykn rakkoo fayyaa furdina waliin walqabate kan qaban yommuu ta'e %16 ammoo kan ulfaatinsa hanga barbaadamee gadi qabanidha.

Rakkoon fayyaa furdina waliin walqabate ykn furdinni hanga barbaadamee ol ta'e baadiyaafi magaalaatti addaa adda.

Fakkeenyaaf, qorannoon akka agrsiisutti ijoolleen Chaayinaa baadiyyaa keessatti rakkoon fayyaa furdina akka malee %10 yommuu ta'u rakkoon hanqina nyaataa madaalawaa baadiyyaa ammoo %21 ta'a. Magaalota keessatti ammoo rakkoon fayyaa furdina kka malee waliin walqabate %17 yommuu ta'u rakkoon hanqina nyaata madaalawaa ammoo %14 ta'a.

Chaayinaa keessatti barattoonni rakkoo fayyaa furdina akka malee qaban yeroo ulfaatinsa hir'isuuf bishaan daakan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Chaayinaa keessatti barattoonni rakkoo fayyaa furdina akka malee qaban yeroo ulfaatinsa hir'isuuf bishaan daakan

Beela hir'isuu

Daa'imman akka addaatti rakkoo hir'ina sirnaa nyaataaguutuufi fayyaalessa ta'eef salphaatti saaxilamu sababiin isaas, sirriitti guddachuudhaaf vitaaminootaafi albuudota barbaadu waan ta'eef.

Qorannoon akka agarsiisutti ijoolleen yeroo daa'imummaa quucaran ykn hir'inni nyaataa isaan mudate baada yeroo guddatan carraa rakkoo fayyaa furdina akka malee ta'eef saaxilamuun isaanii bal'aadha.

Chiilii keessatti namoonni kaaffee taa'anii yeroo nyaatanitti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Chiilii keessatti namoonni kaaffee taa'anii yeroo nyaatanitti

Biyyoota Dhihaa

Rakkoon dachaa kun biyyoota guddachaa jiranitti heddumaatullee, rakkoon kun biyyoota dureeyyii keessattillee ni mullata.

UK keessatti, fakkeenyaaf namoonni ga'eessota ta'an harka afur keessa tokko rakkaa fayyaa furdina akka malee waan qabaniif, NHS (dhaabbata wallaansa fayyaa) waggaa tokko keessatti paawondii biliyoona 5.1tti tilmaamamu akka baasu taasisa.

Filannoowwan

Sababoonni rakkoo dachaa kun walxaxaadha.

Filannoon soorataa keenyaa dhiibbaa waan hedduudha. Isaan keessaallee kan nuti hin hubanne ni jiru.

Wantoonni akka baasii, naannoo ofiitti argachuu, dhiibbaa yeroo, beekumsa nyaata fayyaalessaa irratti qabnuufi sirna nyaataa namoota naannoo keenya jiranii keessatti argamu.

Akkasumallee, fedhiin nyaataa namarraa namattis addadha. Kunis hanga tokko sirna qaamni namaa nyaata itti bulleessuufi hangama fayyaa akka qabaatanirratti hundaa'a.

Gabaa Kuduraafi muduraa Biraazil keessatti

Madda suuraa, Getty Images