Inaaffaan maali? Jaalalaafi gaa'ela keessatti rakkoo akkamii fida?

Madda suuraa, Getty Images
Hariiroo jaalalaafi gaa'elaa keessatti inaaffaan yeroo madda rakkoo ta'u ni mul'ata.
Inaaffaan kunis keessumaa sadarkaa amala badaa ta'e agarsiisuurra yoo gahe, miidhaa cimaa akka geessisu ogeessonni xiinsamuu dhimma kana qoratan ni dubbatu.
Maalummaa innaaffaa irraa kaa'unis, dhimmoota hariiroo jaalalaa fi gaa'elaa keessatti rakkoo akkamii qaqqabsiisa? Rakkoo kanas akkamiin xiqqeessuun danda'ama? jedhan waliin ilaaluuf yaalla.
Ofii inaaffaan maalidha?
Inaaffaan miira walxaxaa shakkiirraa hanga sodaatti uumamurraa kan ka’u ta’ee, namoota umurii hundaa fi saala hunda kan miidhudha jedha barruun Psychology Today jedhu.
Akka barruu kanaatti, inaaffaan miira umamaa nama kamuu irratti mul'atudha.
Obbolaan qalbii maatii argachuuf walitti inaafuu danda’u; hojjetoonni gaggeessaa isaanii biratti wal irratti inaafuu danda’u.
Miira maaliifan caalama jedhu keessatti yookaan ammoo ebelu maaliif na caalaa jaallatama jedhu keessattis inaaffaa akka jiraachuu danda'u ibsa barruun Psychology Today jedhamu kun.
Inaaffaan hunda caalaa garuu hariiroo jaalalaa fi gaa’elaa keessatti bal’inaan mudata jedhu beektonni xiinsamuu.
Yunivarsiitii Finfinneetti Kaadhimamaa PhD Appilaayid Saayikoloojii fi barsiisaa kan ta'e Fufaa Gusuu Ingishoo, dhala namaa qofa osoo hin taane lubbu qabeeyyiinillee akka inaaffan ibsuun, achii dhuftee amala kanaa ibsu.
"Wanti kun kan nama biraa gocca'uu, milkaa'ina nama biraa kankoo osoo ta'ee jedhanii yaaduu irraa kan ka'e miira namatti dhaga'amudha.
Keessumaa inaaffaan kan inni beekamu hariiroo jaalalaa keessatti kan jedhu hayyuun kun, "namni ati jaallattu tokko nama biraa waliin hariiroo biraa uummachuu danda'a jechuun miira shakkii uumamuudha," jechuun ibsu.
Jaalala ykn gaa’ela keessatti inaaffaan hanga ta’e jiraachuun uumama, haata'u malee yeroo tokko tokko ammoo daangaa darbee wal diiguurra ykn wal miidhuurra kan geessisu ta'a.
Keessumaa inaaffaan yoo gara sadarkaa amaloota waa to’achuu (controlling behavior) irra kan ga'u ta’e hamaa ta'a jedhu qorattoonni.
'Rog-sadee jaalalaa'-[Love Triangle]
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yunivarsiitii Finfinneetti qorataa Saayikoloojii kan ta'e Fufaan innaaffaa yeroo jennu qaama sadii hirmaachisa jedha.
Qaamoleen kunneen sadan: nama isa inaafu, nama irratti inaafamuu fi sadaffaan ammoo kan dorgomaa ta'ee jidduu kan dhufuudha jedha.
Nama jaalatamu tokko namni biraan jaallachuu danda'a ykn nama biraa waliin hariiroo biraa uummachuu mala ykn 'na caalaa nama biraa jaallachuu danda'a' jedhanii miirri akkasii yoo nama keessatti uumame inaaffaa ta'a.
"Kun karaa biraatiin [Love Triangle] - Rog-sadee jaalalaa jedhama," jechuun ibsa.
Jaalalli nama sadii gidduutti taanaan ykn namni sadaffaa keessatti hirmaannaan dubbii kaasa, lama taanaan garuu rakkoo hin qabu.
Yaad-rimee adeemsa tirataa [Evolution Theory] keessumaa kan Daarwiin jedhu kaasuun achii dhuftee amala dhala namaa keessaa of jaallachuu isaa irraa kan ka'een waan uumamu akka ta'e dabaluun hima.
Fakkeenyaaf, dhiironni yeroo baayyee hariiroo jaalalaa [Rog-sadee]n uumamee jaalalleen ykn haati warraa koo tarii nama biraa waliin ciistee sanyii kan koo hin taane bakka biraatii natti makuu malti jechuun innaafuu danda'a jechuun inaafa jedha.
'Ilaalchi nama jaallatanitti inaafu' jedhu dogongora
Waggoota 17 darban tajaajila gorsa maatii kennaa kan jiran Aadde Qabbanee Hundeessaa, inaaffaa akkaataa lamaan ilaaluu.
Karaa tokko akka namoonni itti ilaalan yoo ta’u, karaa biraan ammoo akkaataa Caaffanni Qulqulluu itti ibsudha.
Ilaalchi 'nama jaallatanitti inaafuu' jedhu dogongora ta'uu kan himan Aadde Qabbaneen, rakkoo innaaffaa furuuf ilaalcha kana sirreeffachuurraa ka'uun barbaachisa jechuun gorsu.
"Inaaffaan waan hadhaa’aa jaalala of keessaa hin qabne summiidha,” jedhu.
Akka Aadde Qabbaneen ibsanitti, namni gocha hadhaa’aafi sukkaneessaa ta’e gara hojjechuutti amala geessu ta'uudha.
Aadde Qabbaneen gorsaafi tajaajila maatii waggaa dheeraa qaban irraa ka’uun yeroo ibsan, inaaffaan faalla jaalalaati malee mallattoo jaalalaa miti jedhu.
"Inni jaalalleesaa ykn haadha warraasaa sababan baayyee jaalladhuuf itti inaafa jedhu, karaa biroon ammoo isheen jaalalleeshee ykn abbaa warraashee baayyee waan jaallattuuf itti inaafti kan jedhu sirrii miti.
"Yeroo baayyee namoonni waanan jaalladhuufan yoo inni nama biraa waliin adeemu, nama biraa walin dubbatu, hojjetu, ykn nama waliin taa’u itti inaafa yoo jedhan nan dhaga’a. Akkasitti hiiku; kun garuu sirrii miti."
Kana malees Macaafni Qulququlluu eeruun, inaaffaan faallaa jaalalaa akka ta'e ibsu ogeettiin dhimma maatii kun.
Inaaffaan yeroo baayyee wal amanuu dhabuufi shakkiirraa madda kan jedhan Aadde Qabbaneen, jaalalli ni amana waan ta'eef shakkii hir'isuun barbaachisaadha jedhu.
Nama jaallatan itti hin inaafan waan ta’eef, kanneen waanan isa ykn ishee jaalladhuufan itti inaafa jedhan of ilaalaa deemuun barbaachisaa akka ta’e gorsu Aadde Qabbaneen.
Amaloota hamoo inaaffaa...
Qorattuu Xiinsamuu wagga dheeraa Hariis Diir, inaaffaan hangi tokko jiraachuun isaa dhiirrifi dhalaan jireenya walii isaanii keessatti “kan walgitan” ta’uuf akka dhama’an waan taasisuuf gaariidha jetti.
Akkuma kana ammoo jaalala dhugaan eegumsa waliif gochuudhaaf, akkasumas waan gaarii waliif ooguudhaaf inaaffaan barbaachisaadha jetti.
Qorataan Appilaayid Saayikoloojii Fufaanis inaaffaan jiraachuun gaarummaas akka ta'e dubbata.
Namni waliin jiraatu waliif of eeggachuuf, qixa sirrii ta'een wal to'achuuf barbaachisaadha jedha.
Haata’u malee, inaaffaa sadarkaa amaloota hamoo mul’isurra geenyaan kan diigu waan ta’eef xiyyeeffannaa feesisa jetti.
Kana [Pathological] ykn sadarkaa dhukkubaarra isa gahe akka ta'etti ilaalamuun wallaansa ogummaaafi gargaarsa kan barbaadurra yeroo gahe akka ta'e hima Fufaan.
Akka Hariis jettutti, dhiironni yeroo baayyee ‘wal amantaa dhabuu’ qaamaan (physical infidelity) caalaa yoo inaafan, dubartoonni ammoo ‘wal amantaa dhabuu miiraatiif (emotional infidelity) caalaa inaafu.
Sodaa, ofitti amanuu dhabuu (insecurity), amala yaadaan baduu namarra bubbulu (obsessive thinking), akkasumas amala yeroo hunda haafaafi baala shakkuu (paranoic personality) jiraannaan inaaffaan sadarkaa hamaa irra gaheera waan ta’eef hordoffiifi wallaansa akka barbaadhu ibsu warri qoratan.
Barruu Oonlaayin Bustle jedhamu ammoo inaaffaan amaloota armaan oliin mul'achuu jalqabe hamaa waan ta'eef gammachuu, akkasumas nageenya ofii balaarra waan buusuuf badadamuu qaba jedhe.
Yoo mallattoowwan hamoo inaaffaa mul’atan adda baasuun irratti hojjetamuu baate, rakkoo dhuunfaafi hawaasummaa qaqqabsiisu akka ta’e barruun kun ni ibsa.
Barruun kun mallattoowwan inaaffaa hamoo ta'an kunneen bifa garaa garaatiin namoota jaalalaan waliin jiran irratti mul'achuu akka danda'ullee tarreessa.
Isaan keessaas, uffatakee akka jijjiirrattu taasisuu, namoota ta’an walin deemuu daangessuu, waan mara keessatti mufannaa walii eeguuf akka hin malletti dhiphachuu, waan xixiqqoo hin mallerratti yeroo amala dhabuu, osoo hin gaafatamiin karoora jijjiiruu fa'i kaasu.
Akkasumas, yeroo namni dhibiin ija jaalalaan si ilaaluu akka balleessaa keetti yaaduu, milkaa’inni argattu rakkoo ta’uu jalqabuu, jaalalleen yeroo hunda bilbila walii ilaaluu barbaaduu, miidiyaa hawaasummaa irratti to’annaa akka malee cimsuu, yeroo hundaa hattee sagaggalteetta jechuun himata baayyisuudha.
Namoonni jireenya jaalalaa ykn gaa’ela isaanii keessa inaaffaan sadarkaa hamaa kun jiraannaan jiruu isaanii karaa isaan hin beekneenillee hedduu miidha jedhu qorattoonni qoor-qalbii.
Keessumaa sababa inaaffaa irraa kan ka’e jiruun fayyeelessa miti taanaan gargaarsa gorsa ogummaa isin barbaachisa waan ta’eef yeroo osoo hin gubiin ogummaan deeggaramaa of irratti hojjedhaa jechuun gorsu.
Inaaffaan hamaan jaalala gidduu ykn gaa’ela keessa jiraatu guutummaatti dhabamsiisuu baatus xiqqeessuurratti hin hojjetamu taanaan caba qaamaa-qalbii, reebicha, miidhaa mana keessaa hanga lubbuu wal baasuutti geessuu danda’a.
Ollaa isaaniirraa nama inaaffaarraa kan ka’een haadha warraa isaa ajjeese yaadachuu fi kan tibba kana miidiyaa hawaasummaa irratti ijoo dubbii ta’aa jiru namoonni inaaffaarraa kan ka’e wal ajjeesan eeruun inaaffaan summii hadhaawaa akka ta’e dubbatu Aadde Qabbaneenis.
“Namoonni inaafan jaalallee ykn michuu isaanii jechaan arrabsanii, qaamaan dhaananii miidhaa geessisu, jaalalli garuu hin miidhu. Kanaaf, inaaffaan faallaa jaalalaati kanan jedhuuf.”

Madda suuraa, Getty Images
Rakkoo inaaffaa akkamiin xiqqeessun danda'ama?
Namoonni jaalala ykn gaa’ela inaaffaa qabu keessa jiran qaamaa-qalbiin, qoor-qalbiin miidhamoodha jedhu.
Inaaffaan dhukkuba eenyuyyuu namaaf hin argineedha kan jedhan Aadde Qabbaneen, namni dammaqee of irratti baree fala hin barbaaddatu taanaan miidhaa cimaa qabaata jechuun himu.
Kanaaf, dhimmoota mallattoo inaaffaa kana irratti michuu keessan waliin irratti hojjechuun xiqqeessuu feesisa jedhu.
“Abbaan yoo of irratti beekee irratti hojjete dhukkuba kanarraa of fayyisuu danda’a. Maal gochuudhaan? Haadha manaa isaa amanuudhaan; isheen ammoo abbaa manaa ishee amanuudhaan; wal amanuudhaan, maaliif jennaan jaalalli hundumaa amana malee hin inaafu, hin shakku.
Jaalala haal-duree hin qabneen wal jaallachuudha. Namni dhugaadhaan wal jaallannaan walitti hin inaafu.”
Dhalli namaa bakkaafi hawaasa keessatti guddatu keessatti waan barateefi ittiin qarame fudhatee baha kan jedhu Fufaan, akki itti ijoollee maatii keessatti, hawaasaafi mana barumsaa keessatti guddisan murteessaadha jedha.
Keessumaa ijoollee ija walqixa ta'een ilaalanii guddisuu; iftoominaafi kaan waliin hariiroofi walitti dhufeenya sirrii godhatanii akka guddatan gochuun amala inaaffaa booda rakkoo ta'uu male hir'isuun ni danda'ama.
Gama biraan ammoo namoonni amala inaaffaa isa sadarkaan isaa cimaa ta'e qaban of irratti hojjechuun dhawaata dhawaataan of sirreesuu danda'u.
Keessumaa dhiironni inaafan miirri kun gara tarkaanfii hamaa fudhachuutti kan isaan oofuu danda'u tasgabbiin yaada naanneffatanii yaaduun balaa hedduu isaanirraa, maatiifi hawaasarraa hambisuu danda'a jedhu.
"Dhiironni yeroo sekondootaan booda gaabbitaniif tarkaanfii humnaa ykn rukutuun balaa biraa qaqqabsiisuu dura yeroo miirri akkasii isinitti dhufe qalbiin yaadaa.
Jireenyi filannoo hedduu qabdi ykn wanti daqiiqaa tokko obsitanii dabarsitan balaa hedduu hambisa.
Yeroo hedduu miira akkasii keessa yoo seentan gadi fageenyaan si'a sadii arganuun afuura baafadhaa. Yeroo kana gootan oksijiiniin gara sammuu keessanii deemee sirriitti yaaddanii balaa dhufuu male hambisuu dandeessuu," jechuun gorsa.
Ofiin ofirratii hojjechuun alatti ammoo gorsaafi gargaarsi ogeessaa sadarkaa rakkoo keessa jirataniirratti waan jiruuf karaa sanaanis falli jira jedhu.












