Jaalallee tokko jalaa hatee, ishee biraa ittiin bohaarsuuf

Madda suuraa, Caters News Agency
Anjeelaa Eksifoord jaallalleen ishee duraanii qarshii jalaa hatee shamarree biraa haaraa jaallate Paarisitti erguu bira waan geesseef poolisiin qabsiifatte.
Dubartiin waggaa 29 taate kun duraan jaalalleeshee kan ture Mikaa'el Fehseenfeld dargaggeessi ganna 26, osoo hin balali'iin dura buufata xiyyaaraatti poolisiin qabsiifatte.
Namichi kan to'atame himannaan waliin dha'uu irratti baname Onkoloolessa keessa - garuu himannaan Anjelaan irratti banatte achi qofaarratti hin dhabbanne.
Namichi kun waliin dha'uu isaallee akka waan gaarii hojjeteetti ittiin boona. Waa'e yakka waliin dha'uu hojjete kanaas bifa sirbaa #FraudBae jedhuun waraabee gadi dhiiseera.
Viidiyoon sirbaa inni baase kunis YouTube irratti fe'amee Dilbata darbe kana qofa hanga namoota 62,000 daawwatameera.
Anjelaan garuu 'Radio 1 Newsbeat' irratti akkas jette: "Kana gochuun isaa ana hin ajaa'ibne, inni nama maal jedhuun itti hin dhaga'amnedha. Kun wanta anaan ana yaaddessu hin qabu."
"Waan raawwate hunda akka bifa qoosaan ilaalaa jiruttan hubadha. Inni yakka raawwateera. Inni hattuudha, yakka isaa kanas irra dibataa jira jedheen yaada".
"Ani akkan yaadutti kun isaaf mala ittiin qaanii isarra ga'e ittiin dandamatudha."

Madda suuraa, Caters News Agency
Anjeelaan Feehseenfeld waliin jaalalaa kan jalqabde naanoo ji'a lamaa ta'eera.
Halkan tokko borsaa itti waa baadhatu ykn waaleta isaa na jalaa bade jedhee kaardii kan ishee ergifatee/liqeeffatee dhugaatii halkan sana dhugan kaffale.
Akka Anjeelaan jettutti deebisee akka kaffaluuf waadaa galus ergasii deebi'ee ishee waliin wal hin qunnamne, lamaanuus waliin dubbachuu dhaaban.
Torban lamaan booda Anjelaan akka tasaa baasiiwwan ishee baruuf ibsa barreeffama baasii baankii ilaalti.
"Namichi kaardii isheetti fayyadamuu isaa bira geessi. Imala tikeetii xiyyaaraa isaa gara Paariis, kan hoteelaafi baasii biroo kaffalateera," jetti.
"Kanarra darbee kaardiikoorraa baasii godhee jaallallee isaa haaraaf bakka hojiisheetti abaaboo bitee ergeeraaf."
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Ragaa jiru hunda walitti qabachuudhaaf Anjeelaan garee hiriyyota dhimma kana irratti yaada waljijjiiran mata-duree #fraudbae jedhu uummatte.
Poolisootatti waan ta'e kana gabaastee jennaanis qondaaltonni poolisii gara bakka inni itti to'annaa jala oole buufata xiyyaaraa deeman.
Mikaa'el Feehseenfeld addabbiin akka torbeewwan 26 hidhamuufi waggoota lamaafi saatii 150f tajaajila hawwaasaarra dhorkamu itti murtaa'eera.
"Nuti baayyee gammanneerra," jette ANgeellaan.












