Koloraadootti namtichi jaalallee isaa dabalatee namoota ja'a dhukaasaan ajjeese

Konkolaataa poolisii Koloraadoo

Madda suuraa, Getty Images

Ameerikaa bulchiinsa Koloraadoo keessatti namichi hidhate tokko Dilbata kaleessaa qophii guyyaa dhalootaa irratti namoota ja'atti dhukaasuun erga ajjeeseen booda ofisaas ajjeesuun dhaga'ame.

"Namoota ajjeefaman keessa tokko jaalallee namicha ajjeechaa raawwateeti. Jalqaba konkolaataa konkolaachisaa gara bakka qophichaa [ayyaana dhaloota itti kabajaa jiranii] dhaqe.

''Namni kun osoo of hinajeesiiniin dura namoota qophii kabaja guyyaa dhalootaa irratti hirmaataa jiranitti akkuma argeen dhukaasa irratti bane," jechuun poolisiin Koloraadoo Ispiriing ibseera.

Namni ajjeechaa kana raawwate sababii maaltu akka gocha hamaa kanaaf isa kakaase wanti barameeru hin jiru.

Namoonni haleellaa kanaan miidhaman hundi isaanii namoota umurii gaheessummaa keessa jiran ta'anillee, sagantaa sanarratti garuu daa'imman hirmaatanillee turan. Eenyummaa namoota ajjeefamanii poolisiin hanga ammaatti ifa hin goone.

"Qophii sana irratti daa'immaan hirmaachaa turanillee garuu hinmiidhamne. Haata'u malee, gocha sukkaneessaa kanaan lubbuun namoota ja'aa darbeera," jechuun poolisiin naannawaa sanaa ibseera.

Poolisiin yeroo bilbilli 'nuuf qaqqabaa' jedhu isa gahe gara bakka sanaatti qajeelullee erga lubbuun namoota ja'aa darbee booda qaqqabuun isaa ni beekama. Akkasumas, namni tokko miidhaan cimaan irra gahee osoo gara hospitaalaa geeffamaa jiruu lubbuun darbeera.

Kantiibaan magaalattii gocha kana, "haleellaa hiika hinqabne" jechuun ibsaniiru. "Waa'ee namoota har'a du'anii gadda guddaa keessa ta'uudhaan namoota maatii isaanii dhabaniifi miidhaan irra gaheef kadhannaarra jirra," jechuun dubbatan Kantiibaan kun.

Kutaadhuma bulchiinsa sanaa kan taate magaalaa Bulder keessatti ji'a lama dura haleellaan lubbuu namoota 10 galaafate dukkaana tokko keessatti gaggeeffamee ture. Shakkamaan sun to'annoo jala oolfamee, yakka ajjeechaa namoota 10niitiin himatameera.