Ameerikaatti namtichi bara 1994tti ajjeechaa raawwate du’aan adabame

Terre Haute federal prison

Madda suuraa, Getty Images

Qondaaltonni federaalaa Ameerikaa namticha shamarree bara 1994 butee ajjeese du’aan adabsiisan.

Namtichi umrii ganna 49 Orlaandoo Hool jedhamu kun, namoota sadii bulchiinsi Tiraamp otoo Joo Baayideen Amajjii dhuftu pirezentummaa irra hin fudhatiin adabbiin du’aa irratti raaawwatuuf karoorfate keessaa tokko.

Pirezedantiin haaraa filataman Joo Baayiden adabbii du’aa hambisuu barbaadu, Tiraamp garuu adabbii du’aa waggoota 17’n darban otoo isaan aangoo hin qabatiin hojirra hin oolle, barri hojiisaanii wayita goolabamuutti dhiyaattu hojiirra oolchaa jiru.

Namoota saddeet qondaaltooni federaalaa du’aan adabuuf barana karoorsan keessaa Hool tokkodha.

Namtichi kun intala ol adeemtuu ganna 16 Lizaa Rinii jedhamtu butee, gudeeduun fi ajjeesuusaatiin duuti itti murame.

Obbolaan Lizaa Hool fi deeggartootasaa afur wajjin daddabarsa dawaa sammuu namaa adoochu keessatti hirmaataniiru.

Abbaan alangaan akka himetti, namoonni kun otoo Riniin qo’ata jirtuu harkisanii qe’ee warra ishiirraa ega fageessanii, guyyoota lamaaf miidhaa erga irra qaqqabsiisanii booda, otoo lubbuun jirtuu Arkansaas Pinii Biluuf bakka jedhamu biratti jiraa awwaalan.

Namatichi yakka kana raawwachuutti qooda qabu kun mana hidhaa Inidyaanaa, Terrii Hawuti jedhamutti Kamisa halkan lilmoon waraanamee ajjefame.

Ogeessi seera Hool garuu, murtoo haqaa hin argannee, abbaan alangaa abbooti murtii warra adiin hambisetu, abbooti murtii gurrachoota murtichirraa dhorke jedhee falmaafi ture.

Adabbiin du’aa kun bara bulchiinsa Tiraamp goolabamaa jirutti raawwatamuuf kan karoorfame keessaa jira.

Kun otoo kan jiru, dubartiin tokkos sadarkaa federaalaatti duuti itti murame Liza Montigomerii Muddee 8, bara 2020 du’aan adabamuuf jirti-ogeeyyiin seeraa isheef dhaabbatan lama koronaaavaayirasiin waan qabamaniif garuu yeroon ajjeefamtu Mudde 28tti darbuu akka danda’u abbaan murtii himaniiru. Lizaa Montigomerii kutaa biyya Miziyuuri keessatti dubartii ulfa ukkamsitee, boodarra morma dubartii sanaa kutte, akkasumas bara 2004 daa’ima uggurtedha.

Adabbiin du’aan ishii ganna 70 keessatti dubartii adabbiin du’aa irratti raawwatame ishee taasisa.