Morkii waancaa mootichaa Ispeen diraamaan guute irraatti daanyaan dubbii ijoo ta'e

Riyaal Madriid fi daanyaa

Madda suuraa, Getty Images

Morkii waancaa Baarselonaa fi Riyaal Maadriid gidduutti gaaggeeffame daqiiqaan 90, 2-2 raawwatamuu hordofee taphachi daqiiqaa dabalataa 30 booda injifannoo Baarseloonaa 3-2 xumurame.

Morkiin el kilaasiikoo, kan masaanuuwwan lamaanii kun muddamaan kan guutu akka ta'u eegamus, tapha kan dura ture daanyaan ijoo dubbii kan ta'e.

Warri Riyaal Maadrid daanyaarraa yaaddoo qabaachuu ibsaa turan. Hanga daqiiqaawwan xumuraatti wanti ittiin komatamuu jiraachuu baatus, daqiiqaawwan dhumaarratti Rudigeerii fi Vaaskoos teessoo jijjiirraarra osoo jiraan kaardii diima argataniiru.

Chaanaaliin TV Riyaal akkuma daanyota biroorratti godhu viidiyoo daanyaa kana gama adda addaatiin qeequ maxxanseera. Daanyichis Jimaata darbe ibsa miiraan guutamee gaazexessitootaaf kenneen wanti jedhame dhiibbaa isarraan akka gahe dubbateera.

Kilabichi galgala sana ibsa qeeqa guddaa qabu raabsee ture, garuu gabaasa tapha kana keessaa bahuu danda'u haaleera.

Qeeqni dursee raabsame kun murtoo daanyaan kenne hundi qorannoo jala galuu akeeka ture. Haata'u malee ija daawwattoota walabaan murtoon garmalee falmisiisaa ta'e hin turre.

Gareen lamaanuu sabab ofisaayidiin gooliiiwwan jalaa haqamaniiru. Imbaappeen badii irratti dalgameef peenaalitiin isaaf malus ofisaayidii waan tureef hin milkoofne.

Yeroon muddamni itti jabaate daqiiqaa 96ffaarratti taphni 2-2 osoo jiruu rukuttaa peenalitii Raafinaaf kenname ture. Murteen kun VAR ilaalamee shaaramuuf daqiiqa sadii ol fudhate.

Goolii Kundeen dogoggora Moodriich hojjete fayyadamee galche booda daqiiqaan 120 xumuramee yeroo dabalataatti badii Imbaappeen hojjete hordofee muddamni dhalate Maadriid kaardii diimaa sadii akka argu godheera.

Taphattoonni Maadriid teessoo jijjiirraa turan dheekkamanii dirreetti fiiganiiru. Antonii Rudiger daanyaatti waa darbateera.

Booda Rudigeriifi Vaaskoos kaardii diimaan kennameef. Daqiiqaa tokko booda ammoo Beelingihaam kaardii diimaa argate.

Osoo hin turii taphni raawwate.

Anchelotiif morkii waancaa isa xumuraatii?

Leenjisaan Baayermuunik duraanii Flick amma erga ganna kana Baarsaatti leenjisaa ta'ee dhufee booda el Kilaasikoo sadanuu injifachuusaati.

Tokko xumura waancaa Suuper Cup Ispeen ture, garuu kun waancaa guddaa jalqabaa Kaataaloon milkeesse ta'ee galmaa'aaf.

Faallaa kanaatiin carraa dhumaa Kaarloo Anchelootiin Riyaal irratti gonfoo dhumaa tokko dabaluu waan hin taanne fakkaata. Gmeessi Xaaliyaanii kun dhuma bara dorgommii kanaa irratti kilabicha gadhiisa jedhamee eegama.

Morkii liigiitiin - Kilaasikoo tokko ni haffa. Ta'us Baarselonaan gargaagrtummaa qabxii afuriin dursaa jira.

Taphni kilaasikoo Caamsaa 11 gaaggeeffamu Baarselonaan waancaa injifachuufi dhiisuu murteessa.