Liivarpuul Anfiild irratti 'dirqama guddaa' qaba- Siloot

Arne Siloot

Leenjisaan Liivarpuul Arne Silloot gareensaanii dorgommii Awurooppaa keessatti waancaa 20ffaa harkaan ga'achuuf Anfiildirratti ''dirqama guddaa,'' qabu jedhan.

Liivarpuul tapha Dilbata Tootanhaam waliin Anfiild irratti taphatuun waancaa fudhachuusaa mirkaneeffachuuf cimee falmachuu akka qabu dhaaman leenjisaan kun.

Arsenaal Roobii darbe Kiristaal Paalaas waliin walqixa erga ba'ee Liivarpuul waancaa nyaachuuf Tootanhaam irraa qabxii tokko qofa barbaada.

Yoo akkas ta'e gareen Arne Siloot osoo taphni afur hafuu waancaa fudhata jechuudha.

Liivarpuul yeroo dhumaaf waancaa kan nyaate bara dorgommii 2019-20 leenjisaa Yargan Kiloop jalatti ture.

Yeroon sun yeroo weerara koronaa vaayirasii waan tureef namuu dirree seenee tapha daawwachuu hin danda'u.

Kanaaf Liivarpuul bakka namni hin jirretti waancaa injifatee gale. Barana bakka Anfiild deeggartootaa fi jaallattoota kubbaa miillaan guutametti waancaa dabalachuuf jedha.

Liivarpuul waggaa 30 booda ture yeroo jalqabaaf bara sana waancaa kan injifate.

''Kilabichi yeroo dhumaaf waancaa kan nyaate bara weerara kooviid ture. Amma deeggartoonni hundinuu Anfiilditti waan guddaa nurraa eegu. Ammallee hojii nu hafu qabna. Qabxii tokko qofa. Kana nutis deeggartoonni keenyas beeku,'' jedhan Arne Siloot.

''Sana nutis sirriitti beekna. Tapha baayyee hawwataa ta'a. Ammoo dirqama guddaas kan gaafatuudha.''

Tootanhaam erga bara 2011 as Anfiildirratti mo'atee hin beeku. Bara kana taphoota 18 mo'ameera, amma xiyyeeffannaansaa waancaa Yurooppaa Liigii irradha.

Liivarpuul ammoo barana yeroo lama qofa mo'ame, kana keessaa tokko Anfiild irratti.

Kanaan dura kilaba Daach, Feyenoord waliin waancaa injifatanii kan beekan Arne Siloot, baruma jalqabaa Liivarpuuliin Kiloop harkaa fuudhaniin milkaa'uu eegalan.

Kilaba lammaffaarra jiru Arsenaaliin qabxii 12 caalee jira.

Akka baranaa Piriimer Liigii keessatti waancaa injifachuuf yookiin sadarkaa argachuuf morkii cimee hin beeku yaadonni jedhan jiru, Arne Siloot ''liigii cimaa mo'achuun baayyee ulfaatu,'' jechuun Piriimer Liigii Ingilaand ibsan.

''Ergan dhufee waggaa tokko, kanaaf waanan waggaa tokko kana keessatti arge qofarraan dubbachuu danda'a. Morkii sadarkaa tokkoo hanga afurii yookiin shaniif taasifamu kan akkanaa argee hin beeku. Baayyee na ajaayibe,''jedhan.

Duraan kilabni tokkoffaa hanga afraffaa ta'u dursee inuma beekama ture.

''Akka yaada kootti kun liigii cimaadha. Waggaa tokko kana keessatti kanan arge. Taphi salphaan tokkollee hin turre. Yeroo hunda wal'aansoo cimaadhaaan mo'atta,'' jedhan leenjisaan Liivarpuul kun.