Masaanummaa siyaasaa hanga kubba miilaatti fulla'e- Tapha El Kilaasikoo La Ligaan eenyu mo'ata?

Kiliyaan Imbaappee fi Lamiin Yamaal

Madda suuraa, Getty Images

El KILAASIIKOO.....Morkii jabaa Baarseloonaa fi Riyaal maadirid gidduu waggoota hedduu lakkoofsisedha.

Taphi La Liga Baarseloonaa fi Riyaal Maadirid gidduutti Dilbata har'aa gaggeeffama.

Dorgommii kilaba biyya tokko keessatti gaggeeffamu ta'ee garuu sadarkaa addunyaatti daawwattoota hedduu qabaachuun hunda caala.

Baarseloonaafi Riyaal Maadiriid kilaboota gurguddoo Laa Liigaa Ispeen keessatti hedduu beekamanidha. Taphoonni kilaboota kanneen lamaan gidduutti taphatamus taphoota kamiyyuu caalaa Laa Liigaa irra darbee guutummaa addunyaatti daawwatamudha.

Taphni Baarseloonaafi Riyaal Maadiriid gidduutti taphatamu kunis maqaa El Kilaasikoo jedhamu kennameeraaf.

El Kilaasikoo jechuun afaan warra Ispeeniitiin, tapha baay'ee cimaa gareewwan masaanuu ta'an lamaan, Baarseloonaafi Riyaal Maadiriid gidduutti taphatamu guutummaa addunyaarratti beekamu ta'eera.

Jechi El Kilaasikoo jedhu kunis jaqaba jaarraa 21'n booda faayidaarra oole.

Masaanummaan Baarseloonaa fi Riyaal Maadirid dirree kubbaa miilaa keessatti miti kan jalqabe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Olaantummaa siyaasaa warra Maadiridii fi Kaataalanotaa gidduu ture tahus warri Kaataalanotaa miira isaanii kan ibsatanii fi morkatan kubba miilaa fayyadamuun ture.

Waggoota dheeraaf kileboonni lameen falmii jabaa gaggeessaa turan.

Murteessaa doorsisuu, matta'aa kennuu, deeggartoonni taphattootatti meeshaalee adda addaa darbachuu dabalatee himata adda addaa walirratti banuun kileboota lameen gidduu tureera.

Bara 1950 keessa yeroo Riyaal maadirid olaantummaa waancaaf morkachuu jalqabu kileboonni lameen taphattoota ciccimoo yeroo sanaa irrattis wal lolaa tura.

Alfiredo Di Istefaanoo jalqaba Baarseloonaa galuuf wlaiigalteerra gahee ture. Riyaal Maadirid taphataa lammii Arjeentiinaa kana Baarseloonaa harkaa baafachuuf yaalii guddaa taasise.

Kontiraata fooyya'aas dhiyeesseef. Baarseloonaan ammoo taphaticha waliin waliigalteerra gahee ture. Maadirid dhuma irratti taphataa kana waliin waliigaleera jechuun dhimmicha gara federeehsinii kubba miilaa Ispeenitti fudhate.

Pirezidaantiin federeeshinichaa yeroo sana Alferedo Di Istefaanoo waggaa jalqabaa 1953-54 Baarseloonaaf waggaa itti aanu 1955-56 Riyaal Maadirid akka taphatu murteesse.

Haatahu malee, Baarseloonaan murtee kanatti osoo hin gammadiin waan hafeef gahee isaa waggaa tokkoo doolaara miliyoona 5.5 tahu Riyaal Maadirid irraa fudhachuun itti gurgure.

Bara 2000 yeroo pirezidaantiin Riyaal Maadirid ammaa Filoorentino Perez pirezidaantummaaf dorgomaa turan itti aanaa dursaa Baarseloonaa kan turee fi yeroo sana maqaa guddaa qabu Luwis Fiigoo Baarseloonaa irraa fudhacuuf qunnaman. Yeroo duula flannoo gaggeessanis yoon mo'adhe Fiigoo gara Riyaal Maadirid nan fida jedhanii ture.

Fiigoon kontiraanni isaa Baarseloonaa keessaa dhumaa waan tureef Filoorentinoo Peerez yoo Fiigoon tole jedhee Maadirid gale doolaara miliyoona 2.5 akka isaaf kaffalan waadaa galan.

Fiigoonis waadaa kana akka eegu waliigalan. Yoo waadaa kana cabse garuu Fiigoon Filorentinoo Preziif doolaara miliyoona 30 akka kaffalu waliigaluu isaanii gabaafame. Fiigoon garuu hoggantootaa fi taphattoota Baarseloonaaf ergaa wal fakkaataa dabarsaa ture.

Innis ani Baarseloonaa keessaa hin bahu. Maadirid maallaqa naaf dhiyeessee ture. Garuu asii hin bahu kan jedhu pirezidaantii Baarseloonaa yeroo sanaa dabalatee itti himee ture.

Bara sana Adoolessa 24 guyyaatti Baarseloonaan dorgommiif itti qophaa'u ture. Fiigoon guyyaa sana taphattoota Baarseloonaa waliin argama jedhamee osoo eegamuu Riyaal Maadirid deemuun hidhannoon Alfiredo Di Istifanoo isaaf kennameera.

Baarseloonaaf kun dubbii hadhooftuu ture.

Fiigoon yeroo dorgommiif gara Baarseloonaatti deebi'u deeggartoonni Baarseloonaa maallaqa Ispeen yeroo sana Peseta jedhamu isa sobaa maxxansisuun suuraa Fiigoo itti maxxansuun istaadiyeemii keessa guutan.

Arrabsoo guddaan itti roobe. Kaan isaanii ''gantuu, Yihuudaa'' jechuun isa waaman. Maallaqaaf jecha kilaba keeya gante jechun arrabsaa turan.

Kan dhiyeenyaas boqonnaan morkii Kiristaanoo Roonaaldoo fi Mesiitii gidduu xumuramuun amma dhaloota haaraan Viinishiyes Juuner, Imbaappee, Beelingihaam fi Lamiin Yamaal, Raafiinaa fi Pedrii fa'aa gidduutti morkii jabaan deemaa jira.

Masaanummaan isaan gidduu maaliif dorgommii kubbaa miilaan ol ta'e?

Masaanummaan isaanii kun seenaa ijaarama biyya Ispeen waliin walqabata. Seenaa keessatti warri Katalooniyaan mootii abbaa hirreedhaan hacuucamaafi kabaja dhabaa turan.

Katalooniyaan maqaa warra Barseloonaa ka biraati.

Kanaaf, karaan tokkichi warri Baarseloonaa kun ittiin mootummaa haaloo ittiin baana jedhanii yaadan masaanuu isaanii kan ta'e Riyaal Maadiriidiin mo'achuun qofaa akka ta'etti yaadu.

Sababiin akka taphni Baarseloonaafi Riyaal Maadiriid gidduutti gaggeeffamu morkiin kan guute taasise inni biraan taphattoota kubbaa miilaa sadarkaa addunyaatti beekamoo ta'an horatu ykn jijjiiraan fudhatu.

Keessumaa waggoota dhiyoo asitti taphattoonni ciminaan badhaasa gama kubbaa miillaan addunyaatti waldorgoman Li'oneel Meesiin Baarseloonaafi Kiristaanoo Ronaaldoo ammoo Riyaal Maadiriidiif yeroo taphatan masaanummaa seenaan kilaboota kana gidduu jiru akkaan jabeesseera jedhu namoonni seenaa kilaboota kana lamaanii qoratan.

Hunda caalaa garuu waggoota 300n dura, seenaa waggaa dheeraa dura osoo Meesiifi Ronaaldoon warri deggeran hin uumamiin, seenaa uumametu ka'umsa masaanummaa isaaniidha.

Akka seenaan agarsiisutti, warri Katalooniyaa gama kaaba-bahaa Ispeen keessatti biyya walabaa turan. Akka biyya walabaa tokkoottis afaan ofiifi aadaa badhaadhaa ittiin boonan qaba.

Magaalaan qarqara galaanaa taate Baarseloonan ammoo wiirtuu Katalooniyaadha. Garuu waraanaa Daayinaastii Bourbon fi Habsburg gidduutti waggoota 15 tiif taasifameen Katalooniyaan bara 1714 walabummaashee dhabuun qaama Ispeen taateetti.

Kilabiin Baarseloonaa magaalaa guddittii Katalooniyaa keessatti bara 1899 kan hundeeffamte yommuu ta'u, Riyaal Maadiriid ammoo waggaa sadiin booda bara 1902 magaalaa biyyaalessaa guddoo Ispeen keessatti hundeeffame.

Kilabiin Baarseloonaas akka kallacha Katalooniyaa warra hacuucamaniifi fottoquudhaaf qabs'aaniitti fudhatame. Kanarraan ka'een ammoo, Riyaal Maadiriid akka masaanuu isaa guddaatti ilaalamuun muramte.

Walqeequufi walitti bu'uun kilaboota lamaanii dirree ispoortii irra darbee siyaasaafi hundee aadaa deggertoota kilabootaa keessatti bu'uura gadi fagoo godhataa dhufe.

Rakkoon warra Katalooniyaa (Baarseloonaa) mootummaa giddu-galeessaa Ispeen waliin qaban siyaasa ammayaa biyyattii keessatti rakkoo fala hin argatiin ta'ee hanga harraatti rkkoo dirree kubbaa keessatti mul'atu ta'aa jira.

Katalooniyaan naannoo gariin walabummaa ofii qabdu kaaba-baha Ispeenitti argamtudha. Onkoloolessa bara 2017 biyya walabaa ta'uudhaaf rifereendamii gaggeessaniin Katalooniyaan sagalee %90 ta'uun deggersa argatus Manni Murtii Heera Mootummaa Ispeen garuu seeraan ala jechuun kuffiisee ture.

Kanaan walqabatees, namoonni Katalooniyaan akka fottoqxu gaggeessan sagal hojii rifereendamii kanaan walqabatee waggaa sagalii hanga 13 itti murtaa'uun hidhamaniiru.

Kanaan walqabatee warri Katalooniyaa Baarseloonaa keessatti walitti fufinsaan mormiitti jiru.

Seenaa bara dheeraa gidduu isaanii tureerraa kan ka'een Laa Liigaa keessatti taphni Baarseloonaafi Riyaal Maadiriid gidduutti taasifamu kamiyyu qalbii Ispeen qofaa osoo hin taane, addunyaa kan hawwatu ta'ee itti fufeera.