MM Giriinlaand nageenyarratti US waliin hojjechuuf qophiidha jedhan

Ministirri Muummee Giriinlaand Mute Egede ittisa irratti US waliin akka hojjetan ibsan

Madda suuraa, REX/Shutterstock

Giriinlaand ittisaa fi misooma albuudaa irratti US waliin walitti dhiheenyaan hojjechuuf qophiidha jedhan Ministirri Muummee Mute Egede.

Mootummaansaanii akkaataa pirezidantii US aangoo qabachuuf jedhu- Doonaald Tiraamp waliin hojjechuu danda'an irratti mala dhawaa jiraachuu ibsan.

Tiraamp dhihoo kana odoola kana dhuunfachuuf fedhii agarsiiseera. Iddoo kana to'achuun humna waraanaa fi olaantummaa diinagdeen ta'uu akka hin qabne osoo hin labsin.

Wiixata kaleessaa (Amajjii 13, 2025) ammoo ministirri dhimma alaa Denmaark, ''dantaa seera qabeessi Ameerikaan Arkitik keessaa qabdu'' akka mirkanaa'uuf jecha, Giriinlaand bulchiinsa Tiraamp waliin akka dubbachuu eegaltu tumsuuf qophii ta'uu ibseera.

Irra jireessi bulchiinsa Denmaark jala kan jirtu Giriinlaand, daandii gabaabaa Ameerikaa Kaabaa fi Awurooppaa walquunnamsiisu irratti argamti.

Kanaaf US'f iddoo tarsimoo fi akkaan faayidaa qabduudha.

Ameerikaan meeshaalee teeknooloojii qorannoo hawaa heddumminaan iddoo kanatti kuufattee jirti.

Albuuda akkaan qaalii ta'an, baatiriiwwan gosa garaagaraa fi meeshaalee teeknooloojii adda addaa oomishuuf oolan, qabaachuunis beekamti iddoon kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraamp bara 2019 yeroo aangoorraa turedha kan inni Giriinlaand bitachuuf yaadee ture. Marsaa lammaffaaf wayita filannoo injifatee aangoo qabachuuf jedhu kanatti ajandaa guddaa godhee dhimma kana as baase.

Kun ''nageenya Ameerikaa fi idiladdunyaaf akkaan murteessaadha'' jedha.

MM Mute Egede kanaan dura Giriinlaand gurgurtaaf dhiyaachuu hin qabdu, dhiyaattees hin beektu jedhanii turan.

Hariiroo dippiloomaasii fi daldalaa walaba ta'e addunyaa waliin uumuurratti'' akka xiyyeeffatan dubbatan.

Wiixata kaleessaa dhimma kanarratti wayita miidiyaaf ibsa kennan bulchiinsa Tiraamp dhufaa jiru kana waliin dubbachuuf qophii ta'uu eeran.

Garuu jedhan, dachee Giriinlaand irratti hojiin hojjetamu kamuu ''Businesii Giriinlaand ta'a,'' jedhan.

''Waliigaltee akkamii uumnee itti adeemuu qabna kan jedhu kan murteessu Giriinlaand, biyya biraa miti.''

Ministirri dhimma alaa Denmaarkis Jerusaalam keessatti wayita waa'ee dubbii Tiraamp irratti yaada kennan, ''Pirezidantii haaraa aangoo qabataa jiru Tiraamp waliin dhibdee gosa kamuu keessa seenuu hin fedhu,'' jedhan.

Lars Lokke Rasmussen xiyyeeffannaansaanii pirezidantii aangoo qabachuuf jedhu kana waliin marii bal'aa taasisuu akka ta'e himan.

''Nageenya naannawa Arkitik irratti Ameerikaan yaaddoo akka qabdu ni hubanna, kana nutis ni qooddanna,'' jedhan qondaalli Denmaark kun.

Rasmussen ''dantaa seera qabeessa Ameerikaa'' Arkitik keessatti mirkaneessuuf Giriinlaand waliin ta'uun akka hojjetan dubbatan.

Tiraamp kana qofaa miti, bo'oo Paanaamaallee fudhatee Ameerikaa jala akka galchu ibseera. Humna diinagdee qabu fayyadamuun Kanaadaallee gara US harkisuu fedha.