Tiraamp Giriinlandirratti dhaadachuu xiyyeeffannaan hordofaan jira - Raashiyaa

Dubbiin Doonaald Tiraamp yoomuu falmisiisaadha. Namni siyaasaa yeroo lammataaf Pirezidantii US ta'uuf filatamee kakuu galuuf eegaa jiru kun siyaasa US keessatti nama falmisiisaa jedhamees beekama.
Tibbana waa'ee Giriinlaand irratti dubbiin inni dubbate ammoo Awurooppaa guutuu mufachiise. Qondaalli kun Giriinlaand qaama US akka taatu dhaadateera.
Dhimmi kun Raashiyaa kallattiin tuquu baatus biyyattiin garuu haala saffisaan mufannaa kaasaa jiru kana xiyyeeffannaan hordofaa jiraachuu himteetti.
Dubbi himaan mootummaa Raashiyaa Dimitirii Peskov, erga Tiraamp Giriinland of harka galchuuf tarkaanfii waraanaa fudhachuu dhiisuu didee booda haala jiru itti dhihaatanii hordofaa akka jiran ibsan.
Peskov akka jedhanitti dhimmi Arkitikii dantaa biyyaalessaafi fedhii tarsimaawaa Raashiyaa keessatti dhimma guddaa ture.
''Kanaafuu nagaa fi tasgabbii naannawa sanaa ni barbaanna,'' jedhan.
Odola Giriinlaand kan garri caalaan daangaa Deenmaark jalatti hammatamtu irratti yaada Tiraamp dhiheesse booda aaga'oonni biyyoota Awurooppaa akeekkachiisaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Gamtaa Awurooppaa Kaja Kallas ''tokkummaa daangaa bulchiinsaa fi birmadummaa Giriinlaand eegamuu qaba,'' jechuun cimsanii dubbatan.
Bulchaan Jarmanii Olaaf Iskoolzi ''daangaan humnaan cabuu hin qabu,'' jechuun ejjennoosaanii ibsan.
Doonaald Tiraamp jalqaba torban kanaatti US nageenyummaa diinagdeeshee eegsisuuf jecha Giriinlaand fi Bo'oo Paanaamaa akkaan barbaaddi jedhee dubbate.
Humna waraanaatiin yookiin diinagdeedhaan iddoowwan kunneen dhuunfachuu yaada jedhus hin dhiisu jedhe Tiraamp.
Daangaa iddoo kanaa fi Kanaadaa gidduu jiru ilaalchisee Tiraamp wayita dubbatu,''sarara nam-tolcheetu sararame,'' jedhe.
Kanaadaa fi Deenmaark Nato keessatti US waliin michummaa guddaa biyyoota qabaniidha.

Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dimitirii Peskov dubbiin Tiraamp Giriinland dhuunfachuurratti taasise dhimma US, Deenmaark fi biyyoota kaanii ta'uu danda'a, Raashiyaan garuu kanaan walqabatee diraamaa biyyoota gidduutti mudatuu danda'u xiyyeeffannaan hordofti jedhan.
''Arkitikii keessa jirra, fuuldurattis ni jiraanna,'' jedhan qondaalli Raashiyaa kun.
Bulchiinsa Baayidan faana aangoonsaanii obba'uutti deemaa kan jiru ministirri haajaa alaa US Antonii Bilinkan dhihoo kana wayita Paaris daawwatan yaaada Tiraamp kuffisuuf yaalaniiru.
''Yaadichi...akkuma hubatamu gaarii miti. Akka hin taanes beekamaadha,'' jedhan.
Ministirri dhimma alaa UK Deevid Laamiis akkuma hooggantoota kaanii yaada Tiraamp mormaniiru.
Garuu seenessi kun babal'achuu akka maluu fi rakkoo tasgabbiif ka'umsa ta'uu akka danda'u dubbataniiru.
Giriinlaand keessa namoota 56,000 ta'antu jiraatu. Iddoon kun buufata humnoota waraanaa US fi Deenmaark.
Bakka kuusaa boba'aa fi albuudotaatis jedhamti Giriinlaand.
Ministirri Muummee Giriinlaand Mute Egede iddoon kun biyya of dandeessee bultu akka taatuuf dhiibbaa gochaa turan.
Diinagdeen biyyattii irra-jireessi deeggarsa mootummaa Deenmaark irraa argamuun utubame.
Dureen Giriinlaand kunii fi aanga'oonni Deenmaark iddoon kun ''kan gurgurtaa miti,'' yaada jedhu cimsu.
Egereen Giriinlaand harka jiraattota iddochaa jira jedhanii amanu.
Ministirri Muummee Deenmaark Mette Frederiksen, michuu cimtuu USb kan taate, iyyisaanii wayita Kaaba Atlaantikitti muddamni dhalate, keessattuu yeroo Raashiyaan yaaddoo turtetti, ga'ee US ba'atteef beekamtii guddaa laatti jedhan.
Komishiniin Gamtaa Awurooppaa doorsisa Tiraamp Giriinlaandiin walqabsiisee dhageessisaa jiru ''seenessarra kan darbe qabatamaan waan ta'u miti,'' akkasumas ''sadarkaa yaadaatti malee kan dhugoomu miti,'' jedhe.
Ammatti aangoo waan hin qabanneef kana gochuu hin danda'u jedhee aman komishiniin kun.
Daangaa Awurooppaan ala kan taate Giriinlaand, yeroo rakkootti biyyoota miseensota Gamtaa Awurooppaa birmachiifatan keessa jirti jedhe.
Kanaafuu hunda caala iddoo kanati kan dhihaatu, iddoon kunis hunda caalaa kan ofitti aansitu Awurooppaa ta'uusaati akka komishinichaatti.

Raashiyaan ammoo dubbii Tiraampis ta'e deebii biyyoonni Awurooppaa kennaa jiran gurra qeensitee dhaggeeffataa, tarkaanfii hunda hordofaa akka jirtu ibsite.
Bulchaan Giriinlaand torbee darbe daangaa biyyaa koloneeffattootaan burjaaja'uu hin qabu jedhanii turan, garuu maqaa US hin kaasne.
Ministirri dhimma alaa duraanii Giriinlaand Pele Broberg - kan amma paartii morkataa isa guddicha dursan, lammiileen Giriinlaand eegumsaa fi nageenyasaaniif US ga'ee guddaa akka qabdu amanu jechuun BBCtti himan.
''Nuti qaama Ameerikaa Kaabaati. Kanaaf ittisi US nageenya Giriinlaand keessatti qooda guddaa qaba.''
Qondaalli siyaasaa Giriinlaand kun US waliin hariiroon daldalaa fi humna ittisaa akka jiraatu waamicha dhiheessan.
Haalli kun Giriinlaand akka hin walaboomne hin taasisu, garuu ga'ee eegumsa nageenyaa humna waraanaa US'f waan kennuuf faayidaa guddaadha jedhan.












