Bocni Ayifil Taawor muka kibriitii 700,000 ol irraa tolfame rekardii addunyaa qabate

Moodeelii Ayifiil Taawar kibriitiirrraa tolfame

Madda suuraa, RICHARD PLAUD/REUTERS

Gamoo beekamaa Ayiifil Taawar kan Firaans, Paariisitti argamu fakkeessuun moodeeliin muka kibriitii irraa hojjetame, dhaabbata ta'iwwan dinqisiisoo galmeessu Guinness World Records dhaan gamoo muka kibriitii irraa ijaarame isa dheeraa jedhamuun galmeeffame.

Moodeeliin gamoo meetira 7.19 dheeratu kuni Roobii darbe gosa muka kibriitii dogoggoraa irraa hojjetame jedhamuun beekamtii kana argachuurraa haqamee ture.

Tahus Guinness World Records gaafa Kamisaa duraan akka malee murteessine jechuun nama moodeelii kana tolche Richaard Pilaawuddin baga gammadde ittiin jedheera.

Obbo Pilaawud nama ganna 47 yoo tahu ''miira walii faallaatu natti dhagahame,'' jedhe.

Obbo Pilaawud moodeela kana ijaaruuf waggaa saddeet kan itti fudhate yoo tahu muka kibriitii 706,900 fi maxxannee(glue) kg23 fayyadameera.

Gamoo kana kan tolchuu jalqabe salfarii diimaa mataa muka kibriitiirra jiru muruun yoo tahu, garuu kuni adeemsa dheeraa akka tahu hubate.

Sana booda oomishaa kibriitii gaafachuun isa mataarraa diimaa hin qabane kiiloo baayyee argatee hojjechuusaa itti fufe.

Pilaawud jiraata lixa Firaans Moopoolee de Meediliyan yoo tahu hojiisaa kana Mudde 27 xumuruun Guinness World Records akka beekamtii kennuuf gaafate.

Kibriitii ''daldalaaf'' oolu irraa kan hojjetame qofatu beekamtii argata jechuun itti himuu dubbata. Booda garuu yaada kaasuun hojiinsaa galmee irra akka taa'e dubbata.

Hojjetaa dhaabbatichaa Maark Maaknilee, ''hojii nama kanaa beekamtii kennuun raggasuutti akka gammade,'' hima.

''Jalqabarra xiqqoo itti mataa jabaachuu keenya ni fudhanna, innis sababa gosa kibriitiirraan kan ka'e dha, malee hojiin Riichaard waan dhugumaa dinqisiifatamu dha,'' jedhan.

Obbo Pilaawud gamoo muka kibriitiirraa hojjete kana Olompiik Waxabajjiif Paariisitti agarsiisaaf kaa'eera.

Rekardii kana duraa kan qabate Toofik Daaheera Liibaanosirraa yoo tahu, bara 2006tti moodeela gamoo Ayifiil Taawar meetira 6.53 dheeratu tolchee ture.