Daa'imman lakkuu yeroo malee dhalachuun galmee Guinnes irratti galmaa'an

Madda suuraa, Guinness
Kaanadaatti daa'imman lakkuu dhiiraafi dubara ta'an torbee 22ffaa isaaniitti dhalatan addunyaarratti daa'immaan umrii malee dhalatan ta'uun galmee dinqisiisoo addunyaa Guinness Book of World Records irratti galmaahan.
Adiyaah fi Adriyaal Nadarajah silaa akka seeraatti torbee afurtamaaf gadameessa haadhaa keessatti guddatanii dhalachuun kan irra ture torbanoota 18'n dursanii torban 22ffaa isaaniitti dhalatan.
Daa'immaan kun torbeedhuma 22ffaattuu osoo sa'aa tokkoon dursanii dhalataniiru ta'ee tarkaanfiiwwan lubbuu isaan baraaruu gochuun hin danda'amu turee jechuun Guinness beeksiseera.
Haati daa'imman kanaa Shakinaa Rajendiraam torbee 21 fi guyyaa shanaffaa irratti wayita ciniinsuun itti dhagaahame hospitaala wayita deemtu dooktaroonni daa'imman ishee amma dhalannaan carraan lubbuun jiraachuuf qaban dhibbentaan zeeroo ta'uu itti himu dubbatte.
Haati daa'imman kunneen ulfi ishee duraan ji'oota dura achuma hospitaalaa Ontaariyoo naannoo mana isaanii jirutti jalaa fashale.
Kan amma lakkuun dhalatan ulfa ishee lammataa irrattidha.
Abbaan daa'imman kanaa Kevin Nadarajaah wayita ogeeyyii hospitaalaa daa'immaan osoo hin gahiin dursanii dhalatan akkanaa gargaaruu hin dandeenyu ittiin jedhan halkan ka'ee ''fuula isaarra imimmaan lola'aa'' rabbi kadhachaa ture.
Hospitaalotni hedduun daa'imman torban 24 fi 26 dura dhalatan baraaruuf hedduu hin yaalan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maatiin kun garuu torbee 22'ffaa irratti gara hospitaala Mount Sinai Hospital kan magaalaa Torontootti argamuu fi kutaa waldhaansa daa'imman dhalattuu addaa qabu deemanii hiree lubbuu daa'imman isaanii oolchu argataniiru.
Haati ciniinsuun qabee rakkachaa yeroo jirtutti ogeeyyiin torbee 22 osoo hin guutiin ijoolleen dhalachuun hiree lubbuun turuu isaanii zeeroo godha jedhamuun dararaa haadhaa hammeesse.
Osoo dhiigni baayyeen ishee dhangala'uu dhiibbaa daa'iimman bahuuf godhan dandamattee sa'aatiiwwan dabalataaf tursiisuu yaalte.
Bishaan yeroo dahumsaa kan dhangala'es torbee 22ffaa seentee sa'aatii lamallee osoo hin guutiini. Achiis daa'imman kun dhalatan.
Daa'imman lakkuu haala kanaan dhalatan amma waggaa tokko guutaniiru. Gara jalqabaa rakkoowwan meedikaalaa hedduu qabu turan.
Abbaan ijoollee kanaa ''yeroo hedduu osoodhuma isaan arginuu du'uu gahanii deebi'u ture, amma ogeeyyiin hordofamaa kan jiran ta'us akka gaarii jiru'' jedha.
Addunyaa irratti daa'imni umrii xiqqaan dhalatte Kartiis Miins yeroo taatu torbee 21 fi guyyaa tokkotti dhalatte.












