Magaalaa gabaan saanduuqa reeffaa itti ho'e

Dubartii mucaan ishee poolisiin jalaa rukutame

Madda suuraa, BBC Sport

Duraan Kaameruun keessatti magaalan Bameendaa nagaafi badhaadhina qabdi turte.

Erga biyyattii keessatti warra afaan Ingilizii dubbataniifi warra afaan Firaans dubbatan jedhanii walqooduun rakkoon dhalatee as garuu magaalattiirraa nagaan fagaateera.

Kun kan ta'e waggoota shanan darbaniin asitti.

Walitti bu'insi kun irra caalaan kutaa biyyattii afaan Ingilizii dubbataniifi garee mootummaa afaan Firaans dubbatan gidduuttidha.

Magaalattiin qorriteetti, daldala saanduuqa reeffaa irraa kan hafe waayyu hin jiru.

Magaalattii keessatti reeffi bakka hundaatti gatamee argama- manneen reeffaa, daandiifi laga keessatti reeffumatu mul'ata.

Hojetoonni magaalichaas reeffaa kanneen waliti qabuun awwalcha hiyyeessa taasisuuf. 

“Bakka maatiifi firoonni argamanitti yaa turuutii awwalcha argachuunuu ulfaataadha,” jedha namni bakka awwalchaa hojjetu.

Namni kun saanduuqa reeffaa 10 rakasa ta’e bitaa ture.

Kanaan dura fedhii namootaa kabajuun, saanduuqni reeffaa diizaayiniin qophaaʼa ture. 

Jireenya namoonni gaafa jiran dabarsan argisiisuun, saanduuqni fakkii Kitaaba Qulqulluu, konkolaata yookan qodaa biiraan qophaa’uun beekamaa ture; amma garuu fedhiin akkasii gad bu’eera.

“Saanduuqni reeffaa duraan doolaarii 1,500 olitti gurguramaa ture. Amma namoonni bituu danda’an wan hin jirreef kan gatii xiqqaa qofaatu qophaa’a,” jedha namni daldala kanarratti bobba'e kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo hundumaa awwaalchi dhiirotaafi dargaggootaaf taasifamu hammeenyummaa waraana hamaa Kaameruun keessatti garee warra Ingiliffa dubbatan keessatti geggeeffamaa jiru argisiisa.

Waggaa shan keessatti waraanichi lubbuu namoota kuma kudhaniin lakkaa’aman galaafatee, namoota miliyoonaa ol gara naannnoo warra afaan Firaans dubbataniitti akka godaanan taasiseera.

Namoonni 80,000 ol ammoo gara biyya ollaa Naayijeeriyatti baqataniiru.

Hundeen waraana kanaa mufannaa bara kolonii uumamerraa kan ka’eedha. Gaafa koloniin kaate naannoon bulchiinsa Ingiliiz jala turan kan Firaans jala turaniin walitti makamani Kaameruun uumamte.

Lammileen Ingiliffaa dubbatan gad aanoo akka taʼanitti ilaalamna jechuun mootummaa baayyinaan afaan Firaans dubbatu mormuu eegalan.

Mootummaan eenyummaa isaanirra haquun afaan, seenaafi barnootasaanii akka dhiisan gaaffachuu ibsan.

Ingiliffaan afaan hojii naannichaa ta’us, mootummaan afaan Firaans fayyadamaa ture.

Bara 2016 namoonni kuma kudhaniin lakkaa’aman manneen barumsaafi manneen murtiitti fayyadama afaan Firaans mormuun magaalaa Bameendaa keessatti hiriira bahan.

Mormii kana hordofee mootummaan rakkoo dhalate karaa mariin furuu dhiisee loltoota naannichatti bobbaase.

Waggaa itti aanu naannoon lamaan Ingiliffaa dubbatan biyya walabaa tokko kan Ambazoniyaa jedhamtu akka taatuuf dargaggoonni hidhatani lola jalqaban.

Ammaa yeroo hundaa konkolaatonni loltootaa kan meeshaa waraanaa gurguddaa qababatan Bameendaa keessa marsu. 

Loltoonni manneen weeraruu, namoota to’achuu, gabaa gubuufi reeffaa namoota ajjeesanii uummataa argisiisuu jiraattonni ni himu.

Kana gochuun, akka isaan milishaatti hin makamne akeekkachiisuuf jedhameeti.

Loltoonni mootummaas akkasuma miidhaan irra ni gaha, reeffii isaanii Kamisaafi Jimaata hunda mana reeffaa loltootaatii fuudhamuu dubbatu jiraattonni.

Dubaroota Kaameruun sababa waraanaa dararamni irra gahe

Dubartoonni abbaan manaa jalaa du’an hedduun saanduuqa alaabaan Kaameruun irratti diriirfamee dura hiriira dheeraan dhaabbatanii yeroo boo'an mullata- kun sirni awwaalchaa loltootaa kanneen osoo hin taasifamiin duradha.

Loltoonni warra finciltootaas gocha gara jabina uummata nagaa irratti raawwachuu barataniiru. Morma irraa kutuu dabalatee miidhaa hamaa dubartoota ‘qabsoo ganuun’ shakkamanirratti geesissan.

Kana hunda viidiyoodhaan waraabuun akka akeekkachiisatti uummataa argisiisu. 

Wiixata yeroo hunda magaalaan Bameendaa ni onti. Daandiifi gabaan hundi cufaadha. Kun mormii diddaa qabsoon hidhannoo osoo hin eegaliin dura jalqabeedha.

Yeroo harʼaa namoonni seera kana cabsuun alatti yoo bahan rasaasan rukutamu yookaan suuqiinsaanii jalaa gubama.

Loltootaafi poolisoonnis guyyaa kana hidhattoonni isaanirratti akka hin xiyyeeffanneef magaalicha keessaa hin bahan.

Duula isaanii geggeessuuf hidhatonni manneen barumsaa akka cufaman waggaa afur dura ajajanii turan.

Haata'u malee, gariin amma deebiyanii banamanis sodaa irraa kan ka'een barattoonni uffata mana barumsaa hin uffatan.

Loltoonni halkan hunda baʼuun manneen nyaataafi manneen dhugaatii Kaameruun keessa beekamoo tahan hojii dhorku.

Halkan sagaleen dhukaasa osoo walirraa hin citiin waan dhagahamuuf namoonni magaalicha keessaa akka baqatan dirqisiiseera.

Waraani kun namoota biyya alaa jiran akkasuma biyyatti deebi’uu dhorkeera. Namoonni daayasporaa jiran maallaqa biyyatti erguun dinagdee magaalichaa guddisaa turan amma finciltoota deeggaru jechuun mootummaan hedduusanii to’ateera.

Hidhaafi ajjeechaa sodaachuun amma dhufuu waan dhiisaniif amma maallaqni daayasporaa dhumeera jedhu.

Yeroo dheeraaf magaalicha keessa jiraachaa kan ture Peter Shang, amma jiraachuun yaaddoo ta'uu hima. “Jireenyi akka lootarii ta'eera. Wanti hedduun du’a tasaa nama yaadachiifti. Namni ati har’a argitee waliin dubbatte bor hin jiru.”

Namoota gariif ammoo waraanni kun waan gaariidha.

Marie Clair sababa saʼaatiin seeraan daangeffameef abbaa warrashee akka feetu arguu himti.

“Amma ijjoollesaa bareera. Kanaan dura namichi kun halkan mana dhugaatii turee gale siree seenee rafa. Amma ammoo ijjoolllee waliin taphata, kitaabasaanii ilaala. Waraanni kun walitti nu deebiseera.”

“Rakkoon jirtu ammaa dhukaasni qawwee yeroo hunda halakn nurra iyya.

Dhukaasni magaalaa Bameendaa beekamaa taheera, jiraattonni amma baqachuu dhiisas jiru.

“Maal nyaanna yoo guyyaa cufa baqanne? Ijjoollee sooruufi eeggachuu qaba," jetti daldatuun tokko.

“Hanga dhukaasni gaggeeffamutti yeroof dawoo qabannee eeggannee yeroo dhaabbatu hojiitti deebina."

Dubartiin biraa tokko ammoo ijjoolleenshee dhukaasa itti baruun sagalee qawwee adda baasuu himti.

“Intaltikoo umriinshee waggaa torba qofa garuu yoo qawwee dhukaasan, kan loltootaafi kan finciltoota adda baasuu dandeetti.”

Waraanni kun lakoofsa dubartoota utuu hin barbaadiin kan ulfaa’an ol kaaseera.

Dubartoonni waraana baqachuuf qe’ee isaaniirraa buqqa’an loltoota gama lamaniin gudeedamaniiru.

“Gudeeduu akka meeshaa waraanatti fayyadamuun ciiggaasisaa,” jedhan molokseen tokko.

Namoota suura nama du'ee baatanii deeman

Madda suuraa, Getty Images

Kaameruun hanga ammaa akka sirna kolonitti qoodamtee jirti:

Bara 1884 kolonii Jarmanii turte.

Loltoonni Ingiliiz fi Firaans bara 1916 Jarmanii aari'an.

Waggaa sadiin booda Kaameruun adda baate - dhibbeentaan 80 gara Firaans, kan 20 ta'u ammoo gara Ingiliiz.

Kaameruun Firaansiin hogganamuu jalaa bara 1960 bilisumma baate.

Riifarandamii hordofee, naannoon kibbaa kan Ingiliiz turte Kaamerunitti dabalamtee kan kaaba Naayijeeriyatti makamte.